Guyyaa duutan beekuu barbaadduu- guyyaa fi sa’aa dabalatee? Guyyaa kana, sa’aa kana duutan yoo isiniin jedhame maal gootan? Har’umaa eegaltanii dhiphattu mooo itti qophooftu?

Isa ugguuf, beekuu fedhuuf, meeshaan guyyaa du’a  keessannii isinitti hima jedhu tokko uumamee ummatatti asbaheera. Kuni kan ta’uu danda’u duuti balaa adda addaatiin dhufu [konkolaataa, woraana kkf] malu yoo jiddu namootaa hinbaane, hinqaxxaamurre qofa.

Messhaan kuni app Deadline jedhamu iOS app keessatti argama. Namni ‘bilbila qaroo’ [smart phone] qabu kamuu, bilaasha ykn kafaltii xiqqoon, argachuu nidanda’a. Bakka jiraattanii fi daandii irra deemtan hundatti guyyaa duutan agartu, woggaa, sa’aa fi daqiiqaa meeqatu naaf hafee laakkayattu.

Akki inni itti hojjatus baay’ee salphaadha. Waa heddu isin hingaafatu. Haala jiruu fi jireenya keessanii guutuu qofa isin irraa barbaada. Odeeffannoo kanniin akka guyyaa dhaloota keessanii, dheerina, ulfina, hangam konkolaataan imaltan, tamboo xuuxuu fi farshoo dhuguu, woreerama sammuu qabaachuu ykn dhipphina sammuu qabaachuu [stress], fi haala nyaata keessanii isin irraa baruu barbaada. Odeeffannoo kanniin bifa qajeelaa fi dhugaa irratti hundooftanii laattaniif taanaan, Deadline Apps guyyaa wonti du’a jedhamu isini qabachuuf deemu sa’aa fi daqiiqaa woliin isiniif lafa kaaya.

Hangam dhugaadha wanti Deadline Apps kuni  nutti himu? Akkuma teknolojii kamuu gara jalqabaattti wonti hundi dhibbaan dhibbatti amasiisaa fi dhugaa ta’uun dhabuu nimala. Milkaahina isaa gara boodaatti wolumaan kan ilaallu ta’a. dhugaan jiru tokko, guyyaa du’a keenyaa qajeelatti beekuun waan tokko ta’ee, jireenya fayyaa qabeessa jiraachuufis ta’ee umrii dheerinaaf filannoo qabna- haala jiruu fi jireenya keenyaa [life style]  har’uma sirreeffachuun dirqama.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.