Akka dhaabbanni Freedom House jedhamu kan dhimmoota mirga dhala namaa, walabummaa dimookraasii fi siyaasaa hojjachuun beekkamu gabaasa qorannoo isaa kan bara 2017 baasetti: Itoophiyaan intarneeti cufuun Chaayinaatti aantee Sooriyaa waliin qabxii wal-madaalu galmeessuun fayyadamtoota interneetii fi moobaayilaa daangeessuun adduunyaa keessatti sadarkaa lamaffaa irratti argamti.
Mootummaan Itoophiyaa gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa naannoleedhaan ka’an keessattu kan naannoo Oromiyaa ukkaamsuuf tajaajila interneetii irra dedebin cufaa turuu addessera. Labsii hatattamaa sababeeffachuun baati lamaaf interneetni itoophiyaa keessatti guututti uggurameera. Wayita qormaatni biyyooleessa kennamutti Feesbuukii fi midiyaaleen haawaasaa kan birootis darbaa darbaa akka cufaman ibseera.
Biyyattii keessatti midiyaaleen mootummaa bilisa ta’an waan hin jirreef namoonni quunnamtii interneetaa fi moobaayilaa fayyadamuun wal argu, wal ijaaru, dhaamsa dabarfatu, yaadaa waliif hiruu, fi ittiin wal-dadamaqsuuf akka itti fayyadaman kaaseera. Haalli kun immoo mootummaa baay’ee kan yaaddeesse waan ta’eef marsaritii ofii hinbarbaanne akka cufu, tajaajila interneetii fi moobaayilaas yeroo barbaadetti ugguruun amaleefatamaadha jedheera. Marsariitiin waa’ee siyaasa faalla mootummaa gabaasan cufamaa tureeraniiru jechuun himeera.
Heerri mootummaa keeyyata 29 jelatti yaadaa ofii bilisummaan ibsachuu fi bilisummaa odeeffannoo jechuun kan ibsu yoo ta’es yaada ufi bilisa ta’ani ibsachuu fi dabarfachuun tasuma itoophiyaa keessatti kan hin danda’ame ta’u ragaa baheera.
Itti dabaluunis biyyatti keessatti dhaabbanni ethio tele koom miisooma bu’uuraa dadhabaa ta’e, guututti to’annoo mootummaa jala jiraachuu fi imaammata tajaajila hawaasaa laamshessu hordoofuun isaa sababoota Intarneetii fi itti fayyadama miidiyaalee hawaasaa danquun guddinni dimookraasi biyyatti keessatti akka quucaru kan taasise keessa sababa adda dureedha jedheera.