Home Fayyaa fi Jaalala Jecha sijaaladha jedhutti dhimma osoo hinbaane ergaa jaalala dabarfachuun nidanda’ama

Jecha sijaaladha jedhutti dhimma osoo hinbaane ergaa jaalala dabarfachuun nidanda’ama

0
6761

Jalala nama tokkoof qabnu ibsuun dirqama. Dubbachuun, jechootaan ibsachuun daandii tokko. Ta’us hundaa miti kan onnee godhate, afaan baafatee si jaaladhaa dubbatu. Kan danda’ee dubbatuufi yaada isaa jechaan ibsatuuf rakkoon hinjiru. Inni dubbachuu hinuggine, afaan baafatee dubbachuu hindandeenne ammoo maal haat’au? Kan qaanfatu, hedduu sodaatu akkamiin yaada onneefi sammuu isaa dhiphisu haadabarfatu?

Dubbachuun daandii jaalala inni tokko isa biraaf qabu ittiin ibsatuudha. Wonti gaariin garuu, ergaa jaalalaa dabarfachuuf jecha si jaaladhaa,  namoota tokko tokkotti akka dhagaa ulfaata, arrabni qabachuuf sodaata, jedhutti dhimma bahuun dirqamaa miti. Ergaa kana mallattoolee addaddaatti dhimma bahuun jaalala namaaf qabnu ibsuun nidanda’ama. Isaan keessaa hangi tokko:

  1. Ija keessa qajeelatti nama ilaaluudhaan. Ija keessaa qajeelatti nama jaalattan yoo ilaaltan onneen nidhahatti, namni isii laalu kan isii jaalatu ta’uu hubatti. Kuni yeroo tokko tokko itti yaadamee osoo hintaane, osoma hinbeekne kan ta’uudha. Qajeelatti ija keessa nama ilaaluun human guddaa qaba.
  2. wolakkeessuu. Waan wolfakkaatu altokko wolfaana raawwachuu. Waan inni tokko godhu kan biraas yeroma sanitti godhuu. Kana jechuun yoo inni tokko buna hanbuuqu eegale faanaa hanbuuquu ta’uun nidanda’a.
  3. Kennaan wolbadhaasuu. Horiifi meeshaa addaddaa namaaf kennuun mallattoo jaalalaafi kabajaa nama tokkoof qabnu, jecha tokko osoo hindubbanne, ittiin ibsannu keessaa tokko. Dhimma itti bahaa.
  4. Ceekuu sochoosuufi naannessuu. Ceekuu keenna sochoosuu, waa’ee roqomsuu miti kan dubbataarru, ergaa onneefi yaada sammuu keenna dhiphisu daandi nama biraan ittiin gayannu keessaa isa tokko.
  5. Wolitti siiqanii taa’uu. Fageenya jidduu namootaa jiru dhiphisuun human cimaa onneefi sammuu namootaa wolitti harkisuu, dhiheessuu qaba. Namni jaalalaan qabame, isa kaan irra fagatee hinjiraatu. Fagoo ta’uun isaaf hinmijaatu.
  6. Qaqqabbaa qubaa. Harka, keessattuu qubbiin, qaqqabuun mallattoo jaalalaati. Akka hedduu qaqqabdeen irra deddeebitee sijaaladha jedhaa akka jirtu hindagatin.
  7. Limsuu wolfaana. Namni haala nagaa keessatti si’a 20 daqiqaa tokko keessatti limsata. Limsuun wolirraa hincinne mallattoo jaalalaan qabamuu ykn gama nama tokkootti harkifamuu, onneen wolitti hidhamuu agarsiisa. Heddu limsannaan ergaan sijaaladhaa nama sifundura dhabbatu gayeeraa ‘sijaaladha’ jechuuf hincinqamin.
  8. Seequu gaarii. Waamalee hinseeqannu, afaan hinbannu. Seqannaan, sesseqannaan waa jiran. Bifa kanaan namni lammataas waa jiraachuu barata. Ergaa jaalalaa ta’uu hubata.
  9. Sagalee nuti baasnu. Haasofni suta yaa’u, gurratti nama mi’aayu waa ammata. Ergaa jaalalaa dabarfata.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.