Taphoonni Piriimer Liigii Ingiliizii fi liigota Awurooppaa biroo qabsoo liigiicha moo’achuuf taasisan haalaan cimsanii itti fufanii jiru. Jalqabaa kaasee hanga dhumaatti dhimmi deeggartootaa kilabootaa fi jaallattoota kubbaa miilaa kan wolmormisiisuu, dabraa dabraa ammoo kan wolitti buusu, gaafii eenyutu geeba Piriimer Liigii fudhata ykn eenyutu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa moo’ata isa jedhuudha. Gaafii yeroo hunda kaú kana dhuma taphoota liigotaa osoo hin eegin yeroodhaan deebisuudhaaf carraaqqiin addaddaa godhamaa tureera, qorattootaan. Ragaaglee hanga ammaa jiran irratti bu’uureffachuudhaan qorattoonni gaafii kana deebisuudhaaf yaalaniiru. Bifa saayinsaawaadhaan eenyu liigota moo’achuu akka danda’u lafa kaayaniiru. Yeroo dabre keessa tilmaamni isaanii dhuma irratti dhugaa taéera. Inni bara kanaas adda ni taá jedhamee hin eegamu.
Taphoota baatii 6 oliif liigota Awurooppaa garagaraa keessatti taasifamaa ture irratti hundaayuudhaan carraan kilaboonni moo’achuudhaf qaban kaayamee jira. Haaluma kanaan carraan Cheelsiin Piriimer Liigii moo’achuudhaaf qabu %77 dha. Riyaal Maadriid caraa La Liigaa injifachuu %57 yoo qabaatu carraan Baarseloonaa ammoo %42 dha. Bundesligaa, akkuma kana duraa bara 2017 keessas, humni harka Baayer Munshinii (%94) baasu jira hin fakkaatu. Juveentus carraa geeba Seeriii A fudhachuu %82 qaba.


Gama biraatiin Baarseloonaan carraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa moo’achuu fooyya’aa ta’e akka qabuudha kan qorannoon kuni mul’isu. Haaluma kanaan Baarseloonaan %25, Baayer Munshin %14, Juveenstus %12, Riyaal Maadriid %11 carraa Shaampiyoonsi Liigii injifachuu qabu.
Qorannoon isaanii kuni dhugatti gaafii eenyutu moo’ataa kana ni deebisaa? Ganda deeggartootaatti tasagabbii ni buusaa?