HomefeaturedGareen Braazil ‘Selecao’n Kufaatii Geeba Addunyaa 2014 Irraa Dandamate

Gareen Braazil ‘Selecao’n Kufaatii Geeba Addunyaa 2014 Irraa Dandamate

Gareen Braazil kufaatii maaltu akka isa irra gaye beektu, yaadattu- namoonni geeba addunyaa bara 2014 duukaa buutan. Geebni dachii isii irratti qopheesite harka isii keessaa mucucaatee bahuu qofa mitii balaan bu’e. Akkaataa Braazil geebicha itti dhabdedha rakkoon guddaa, booyicha, gaddaa, madaa fi jeequmsa sammuu kan uume. Gareen booraa fi bulee uffatu, akka abbaa kubbaa miilaatti beekamu Jarmaniin 7-1 caccabee,  3-0 Holaandiin rukutamee taphaan ala ta’e.

Erga itti gaafatamummaa Selesaa’oo Luiz Felipe Scolari harkaa fudhatee kaasee Dungaan injifannoo guddaa goonfate. Gareen Braazil Dungaa jalatti si’a 5 wolitti aansee injifate. Tapha 5 keessatti gooliin tokko itti galuu dhabuun isaa, ittisni garee kanaa akka gingilchaatti goolii gooliin keessa yaa’aa turte bifa kamiin duuba isaa ijaaratee,  balbala isaa tikfachuu danda’e xiinxaltoota heddu dinqisiiseera. Gama funduraatti, Neymaar goolii omishuu itti fufuun isaa tasgabbii fiduu qofa osoo hintaane, akka ufitti amanamummaan garee sadarkaa ol’aanaa irra gayu godheera jedhama.

Tapha guyyaa 12/11/2014 Turkitti garee Turkii fi Braazil jiddutti ta’e irratti Braazil 4-0 injifate. Injifannoo qofa osoo hintaane taphni gareen kun argisiises baay’ee gaarii ture. Daa’wwattoonni biyya Turkii hedduun garee kanaaf deeggarsa oo’aa keennuu bira ce’ee, yeroo dheeraadhaaf maqaa Neymaar waamaa, taphataa cimaa kana faarsaa turan.

‘Deebinee akka garee ykn dorgomaa cimaatti ilaallamuun keenna baay’ee nagammachiise,’ jedhe Dungaan. Itti dabaluudhaanis,’yoo lammiin biyya ormaa Selesaa’oo faarsan arguun hedduu nama boonsa. Ufitti amaniinsi keennas sadarkaa ol’aanaa irra gayaara. Guyyaa guyyatti fooyya’iinsa agarsiisaarra,’ jedhe leenjisaan Selesaa’oo.

Itti dabaluunis Dungaan, ‘Taphattoonni kunniin biyya Braazil bakka bu’anii taphachuun maal jechuu akka ta’e beekan. Hundi taphataa yoo dirree seenan maal hojjachuuf akka ta’e quba qabau’ jedhe.

Brazil tapaha itti aanu Sadaasaa 18 biyya Ostriyaa woliin qabdi.

Admin
Adminhttps://www.walabumedia.com/
Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com
RELATED ARTICLES

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

- Advertisment -

Most Popular