Muummichi Ministera Itoophiyaa, Haylamaaraam Dassaalenyi, kaabinee miseensota 30 ufkeessaa qabu ifa taasise. Kaabineen ammaa kuni ministeroota 26 fi daayireektaroota 4 kan ammateedha. Muummichi Minsteraa kaabinee isaa irratti jijjiirraa guddaa osoo hintaasisne hafeera. Jijjiirraan kan mul’achuu dhabe caasaa kaabinee qofa irratti osoo hintaane, kanniin minstera ta’anii muudamanis worruma kana dura tajaajilaa turaniidha.
Kaabinee haarawa wanti nama jechisiisu hedduun hinjiru: fuulaafi maqaanis kanuma duriiti. Jijjiirraa yoo kan jedhamuu, innn ifatti mul’atu, Suufiyaan Ahmad (ministerri maallaqaafi diinagdee) geggeeffamuufi Redwaan Huseen (daayireektara Wolqunnamtii Mootummaa) iddoo isaa Geetaachoo Raddaaf gadilakkiseee gara minstera Dargaggoofi Ispoortiitti godaanuu isaati. Hundi kan dabran, waan haarawa mitii, sagalee %100’n.
Mootummaan EPRDF ufumaa isaa rakkoon bulchiinsa gaariifi hanqinni raawwii jira jedhee odeessaa tureera. Amma garuu, kaabinee irratti jijjiirraa caasaafi hooggansaa taasisuu dhabuun isaa, gara funduraatti waadaan alatti fooyya’iinsa firii qabu mul’isuuf murannoo kan hinqabne ta’uu isaati kan agarsiisu.
Guyyaa kalessaa Muummichi Ministeraa marsaa lammaffaaf biyyattii akka bulchu, itti aanaa isaa Dammaqaa Mokkoniniin kaadhimamee sagalee paarlaamaa guutuun filameera. Ob. Haylamaaram Dassaalenyi woggoottan shanan dhufaniif mataa mootummaa Itoophiyaa ta’ee tura. Bifuma wolfakkaatuun, guyyaa kaleessaa Abbaaduulaa Gammadaa, si’a lammaffaaf Afyaa’ii mana maree Itoophiyaa ta’uudhaan filatameera.
A. Maqaa ministerootaa:
1. Demeke Mekonnen (Amaara), itti-aanaa Muummicha Minsteraa fi itti gaafatamaa dhimmoota hawaasumama;
2. Debretsion G. Michael (Tigraay), itti-aanaa Muummicha Minsteraa fi ministera Odeeffannoo Teknolojii;
3. Aster Mamo (Oromoo), itti-aantuu Muummicha Minsteraa fi minister of tajaajila hawaasaa;
4. Sirag Fergessa (Silxee), ministera Ittisaa;
5. Tewodros Adhanom (Tigraay), ministera Haajaa Biyya-alaa;
6. Kassa T. Brehan (Agaawu), ministera Dhimmoota Federaalaa;
7. Getachew Ambaye (Amaaraa), ministera Haqaaa;
8. Abdulaziz Mohammed (Oromoo), ministera Maallaqaafi Diinagdee;
9. Tefera Derebew (Amaara), ministera Qonnaafi misooma Qabeeya uumaa;
10. Shiferaw Shigute (Sidaamaa), ministera Barnootaa;
11. Abiy Ahmed (Oromoo); ministera Saayinsiifi Teknolojii;
12. Ambachew Mekonnen (Amaaraa), ministera Ijaarsaa;
13. Ahmed Abetew (Amaaraa), ministera Industirii;
14. Worqneh Gebeyehu (Oromoo), ministera Geejjibaa;
15. Damitu Hambissa (Oromoo), ministera Worshaalee Mootummaa;
16. Yacob Yalla (Gaamoo), ministera Daldalaa;
17. Tollosa Shagi (Oromoo), ministera Albuudaa, Anniisaafi Boba’aa;
18. Sileshi Getaneh (Oromoo), ministera Misooma Horiifi Qurxummii;
19. Kesetebrehan Admasu (Guraagee), ministera Fayyaa;
20. Abdulfetah Abdulahi (Somaalee), ministera Hujiifi Dhimma Hawaasummaa;
21. Mekuria Haile (Guraagee), ministera Misooma Manaafi Magaalotaa;
22. Motuma Meqassa (Oromoo), ministera Bishaan, Jallisiifi Eletiriikii;
23. Aisha Moussa (Afaar), ministera Aadaafi Turizimii;
24. Shiferaw T. Mariam (Hadiyyaa), ministera Tika Naannooofi Bosonaa;
25. Zenebu Taddese (Amaara), ministera Ijoolleefi Dubartii;
26. Redwan Hussien (Silxee), ministera Dargaggootaafi Ispoortii;
B. Daayireektaroota sadarkaa ministeraatti tajaajilan:
1.Beker Shalle (Oromoo), daayireektara Abbaa Taayitaa Galiiwwan Itoophiyaa
2. Getachew Reda (Tigraay), daayireektara dhimmoota Wolqunnamtii Mootummaa;
3. Yinager Dessie (Amaaraa), Komishinar Komishiinii karoora Biyyoolessaa;
4. Asmelash W. Sellasie (Tigraay), mataa Naamumsa Mootummaa.
Oromoo, Amaaraafi worri Kibbaa mataa matatti namoota saddeeti kaabinee haarawa keessaa qabu. Qoonni Oromoon kaabinee kana keessatti argate, sonaanis ta’ee laakkofsaan, bakka Oromoon biyyattii keessatti qabaatuu malu kan calaqqisuu miti.