Oduun galaana Mediteraaniyaan silaa dhuma hinqabu. Dooniin baqattootaa Liibiyaa gadi lakkifte gara handaara galaana Xaaliyaaniitti qajeelte nagaan Xaaliyaanii gayuu hindandeenne. Doonii baqattoota humna isii olitti baadhachuun hinoolle jedhamtu takka guyyaa har’aa dhidhimtee dhabamiinsa lubbuu namoota  40 oliif sababa taateerti. Eegdonni daangaa galaana Xaaliyaanii hanga ammaatti namoota 320 baraaruu beeksisaniiru. Kanneen baraaraman keessa dubartiin  45 fi daa’imman 3 akka jiranis himameera. Ammas namoota dhuman laakkawanii kan hinxumurre ta’uus dubbatau, angawwoonni Xaaliyaanii. Kana jechuun laakkofsi namoota dhumanii dabaluu danda’a.
Baay’inaan lammiileen biyya kamii akka doonii kana irra turan ammatti wanti beekame kan hinjirre ta’us; baay’inaan lammiilee Sooriyaa, Eertiraafi Somaaliyaa  ta’uun nimala shakkii jedhutu jira.
Namooonni kumaatamaan laakkawaman haaluma hama kana keessa darbanii woggaa kanatti galaana Mediteraaniyaanii qaxxaamuranii dachii Awurooppaa irra ejjataniiru. Kan nama gaddisiisu ammo, bara kana qofatti yaalii Awurooppaa seenuuf godhamu kana irratti namoota 2000 oltu lubbuufi fooni isaanii qurxummii Mediteraaniyaan qalllabe.
Erga barri 2015 seenee asitti namoonni 243,000 kallattii Giriik, Xaaliyaanii, Maaltaafi Ispeeniin gara Awurooppaatti qaxxaamuruun gabaafameera. Laakkoofsi baqattoota bara 2014 daandii wolfakkaatuun dachii Awurrooppaa irra ijjachuu danda’anii 219,000 dha.