More

    Saayinsistoonni hantuuta qaruutee buufata qorannoo keessatti uumani

    Saayinsistoonni hantuuta haxxee hantuuta hanga ammaa beeknu hundarra sammuu qabu uumuu danda’aniiru. Hantuunni ‘haarofni’ buufata qorannoo(laaboraatoorii) keessatti harka namaan tolfame kuni sammuu waayaadu, yeroo dheeraadhaf waayaadatuufi dhimmoota xaxamaa hiikuu qaba jedhameera- hantuuta uumamaan yoo wolbira qabamu.

    Hantuuta kana uumuun kan danda’ame jiinii (phosphodiesterase-4B (PDE4B) hantuutaa isa uumamaa geeddaruudhaan. Jiiniin kuni kan argamu, namas dabalatee, bineensota dugugguraa hunda keessatti.

    Qorannoon kuni kan geggeeffame hantuuta qofa irratti. Bu’aan jijjiirraan jiinii kanaa argamsiise ammaaf hantuuta qofa irratti. Ilma namaa keessattis jiinii kan geeddaruun tarii bu’aa wolfakkaataa argamsiisuun ni mala abdiin jedhu qorattoota biratti uumeera.

    Qorannoon kuni nama irratti yaalamee bu’aa wolfakkaataa yoo argamsiise wol’aansa dhibee sammuu (Alzheimer fi  schizophrenia) fooyyessuu irratti shoora guddaa taphata abdii jedhu uumeera. Dhibeen sammuu kunniin dhibee hedduu waa irraanfachuuti- keessumattuu jaarrumaan wolqabatee.

    hedduu nigeeddara. un abdii dhibee sammufi waa dagachuu heddummeessuu  hir’isuu irratti shoora guddaa taphachuu danda’a abdii jedhutu jira. Qorannoon kuniifi bu’aan inni galmesse abdii rakkoo dhibeen sammuu uumaa jiru furuu uumeera.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.