More

    Obaamaan yeroo Finfinnee daawwatetti hoteelaaf Birrii miliyoona 8 oli baasii godhe

    Hiiltaniif sa’atu dhale; EthioTelecomiifis osoo hintiifin hinhafne

    Obaamaafi jilli isaa Finfinnetti kan qubate Hoteela Hiiltan ture. Hoteelli Hiiltan guyyaa lamaaf guutummatti kan jila Ameerikaa prezidaant baaraak Obaamaan durfame ture jechuun nidanda’am. Hoteela Hiiltanitti kutaa hirribaa 1280 ture kan jila Ameerikaa kanaaf qabame.  Halkan lamaaf ta’us, Obaamaan tajaajila Hiiltan isaaniif laateef qarshii Eth miliyoona 8,491,127 lafa kaayee deemeera.

    Kanaan alattis gareen Obaamaa kuni  kaardii bilbilaatiif Birrii 150,800 baasii godheera.

    Prezidaantiin Ameerikaa yoo biyya tokko daawwatu nama hedduun marfameeti. Hedduun namoota isa marsanii angawoota sadarkaa ol aanooti. Namoonni dhimma nagaafi  wolqunnamtii irratti hojjatanis hedduuddha. Egaa baay’achuu  jila Ameerikaa ta’uu hinoolle kan baasii guddaaf isaan saaxile.

    Hiiltaniif sa’atu dhale. EthioTelecomiifis osoo hintiifin hinhafne.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.