HomefeaturedIsaayyaas Afaworqii gaaga'ama 1992 ABO mudate keessaa harka hin qabu jechuun isaa...

Isaayyaas Afaworqii gaaga’ama 1992 ABO mudate keessaa harka hin qabu jechuun isaa hagam dhugaadha?

Hoogganoonni ABO mootummaa cee'umsaa keessatti hirmaatan OMN irratti dhiyaatanii hanga yaada isaanii hin laatinitti dhugummaan haasawa Isaayyaas shakkisiisaadha

Bara 1992 bilisummaan qubbiin keessaan milqxee harka Oromootii bayuu isiitti baay’een Oromoo aarii fi gaddaan haga har’aatti dubbata. Bilisumaan gonfannee turre harkaa nu bayuu isiitiif akka sababaatti wantoonni ka’an heddu. Dadhabiini ykn qophaayina gayaa dhabuun Oromoo akka sababa tokko. Shira Woyyaanee fi Shaabiyaan xaxxeedha deebinee hallayyaa dukkanaatti akka bannu kan nu taasise kanniin jedhan heddu.  Hoogganni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kufaatii 1992 nu mudate keessatti qoonni Shaabiyaa guddaadha yoo jedhan ni dhagayama. Garuu, pirezidaantiin Eertiraa, Ob.Isaayyaas Afaworqii, haasawa tibbana OMN wajjiin taasiseen seenaa haga ammaatti mooraa qabsoo Oromoo keessatti bal’inaan haasawamuu fi isa akka dhugaatti yeroo heddu fudhatamu guutummatti haaleera.

OMN irratti Ob.Isaayyaas harka isaa saamunaan miicate. Yakka ykn shira Oromoo irratti bara 1992 hojjatame keessaa Shaabiyaan harak hin qabu, dogoggorri gama keennaan hojjatame, wanti nu seenessu gonkumaa hin jiru jedhee dubbate. Akka haasawa Ob.Isaayyaas Afaworqiiti, qubni kan qabamuu qabu Woyyaanee fi hogganoota Oromoo irrati. Akka isaatti, bara 1992 fi sana booda, hoogganoonni Oromoo dogoggora gurguddaa hojjataniiru. Keessumaayyu woraan 20,000 ol ta’u mooraa galchuu fi gara boodaattis mootummaa Woyyaanee wajjiin michummaa uumachuun isaanii dogoggora seenaati, akka Isaayyaasitti.

Mootummaan Dargii osoo hin garagalinii kaasee hanga 1994 gareen Shaabiyaa fi Woyyaanee dhiibbaa gurguddaa ABO fi hoogganoota isaa irra geggeessaa akka ture dubbatama. ABO’n woraana isaa mooraa akka galchuuf qaamota dhiibbaa godhaa turan keessaa Shaabiyaan isa tokko jedhama. Yeroo ABO’n mootummaa cee’umsaa gadi lakkisee bayetti Shaabiyaan woraana isaa gara Oromiyaatti ergee Woyyaanee wajjiin ta’uudhaan humna ABO rukutaa turuu isaati kan irra deddeebi’amee dubbatamu. Akka fakkeennaatti woraanni Shaabiyaa naannoo Harargee keessa socho’aa woraana ABO adamsaa akka tureedha kan bali’naan haasawamu. Kuni hundi waan dhugaa irraa fagaate jechutti jira Ob.Isaayyaas.

Gareen OMN gaafii ciccimaa Ob.Isaayyaasiin gaafatan wanti nama jechisiisu hin jiru. Qabxiilee wolfalmisiisaa ta’an irratti gaafii ciccimaa gaafatamuu dhabuun isaa, Ob.Isaayyaas waan dubbachuu barbaaduu qofa akka gurra nu buusee deemuuf hiree laatee jira.

OMN Ob.Isaayyaas harka isaa akka miicatuu fi quba isaa hoogganoota Oromootti akka qabatuuf hiree laateera. Kan Ob.Isaayyaas jedhe hundi dhugaa ta’uu, taúu dhabuus ni mala. Yaada yaada isa dhugoomsus ta’ee kan faallessu ummanni dhagayuun dirqii ta’a. Kan kana godhuu danda’u hoogganoota Oromoo qabsoo keessa yeroo dheeraadhaaf turan, ceeúmsa keessaa qooda fudhatan, qofa. Seenaan Ob. Isaayyaas tarreessan kan madaallii isaa eegu yoo hoogganoonni Oromoo OMN irratti as bayanii yaada Ob.Isaayyas mirkaneessan ykn faallessan qofa. Kun hin ta’u taanaa Oromoon, akkuma baratame, waan bade hundaaf hoogganoota isaa abaaraa fi himataa jiraata.

Admin
Adminhttps://www.walabumedia.com/
Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com
RELATED ARTICLES

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

- Advertisment -

Most Popular