Reeffi baqattoota 74 qarqara galaana Mediteraaniyaanii daangaa Liibiyaa irratti argame

0
117

Reeffi baqattoota 74 qarqara galaana Mediteraaniyaanii daangaa Liibiyaa irratti argame. Eenyumaa namoota dhumanii kana ammatti addaan bafachuun akka hin danda’amne dubbatama. Hedduun baqattoota dhumanii lammiilee biyyoota Afrikaa addaddaa irraa dhufaniidha.

Baqattoonni ardii Afrikaa irraa gara Awurooppaa imaluudhaaf yaalii taasisan kuni kan dhuman sababaa dooniin isaanii dhidhimuutiin. Doonii baqattootaa balaa dhidhimuuf yeroo heddu kan saaxilu humnaa ol baqattoota baadhachuu fi haalli qilleensaa hammaachuu isaati.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.