HomefeaturedOromiyaa keessatti ajjeechaan, hidhaa fi doorsisaan babal’atee itti fufeera

Oromiyaa keessatti ajjeechaan, hidhaa fi doorsisaan babal’atee itti fufeera

By Haawii Abdusabur

Mootummaan Woyyaanee erga angotti as dhufee kaasee kan ittiin beekamu hidhaa, doorsisaa fi ajjeechaadha. Woggaa guutuu, bara 2016 keessa, Oromoo fi Oromiyaan dhiigaa fi booyaa; kan du’e awwaalataa fi madoo isii yaalataati kan turte. Oromoon sochii cimaa fi bal’aa kan geggeesseef ajjeechaa fi booyichatti xumura laatuuf ture. Garuu har’a irra dhaabannee yoo ilaallu, haalli Oromoon biyyatti keessa jiru hammaataa, booyichaa fi gaddi gandoota Oromiyaa hunda ulataati kan dhufe. Oduun gaddaa, tankaarfiin Woyyaaneen karaa Komand Poostiin fudhattu daran kan babal’atu malee kan yeroo gabaabaa keessatti xumura argatu hin fakkaatu. Inni hanga ammaa osoo hin hanqatin, ukkaamsaa fi hidhaa cimsuudhaaf gadi-fageenyaan hojjataamaa jiraachuun isaaniiti kan dhagayamu.

Karoorrii Komaandi Poostiin baafatee ittiin socho’aa ture sodaachisuudhaan ummanni akka hiriira hin baanee, akkasumas qabeenya mootummaa fi kittillayyoota irratti tankaarfii akka hin fudhanne dhoorguu ture. Sanitti kan milkaayan waan itti fakkateef tooftaa fi tankaarfii isaa gara namoota mormii fi diinagdee lagachuu irraa qooda fudhatan jedhaman jedhamanii shakkaman adamsuutti deebise, Komaand Poostiin. Yeroo mana irra deemaa dargaggoo fi abboottii qabeenyaa adamsanitti, hanga sadarkaa sodaatamaa turetti, mormii fi dura dhaabannaan isaan mudate cimaa hin turre.  Halli kuni worraa Komaand Poostii ni jajjabeesse. Akka Oromoo daandii irratti ajjeesaniif isaan onnachiise. Akkasumas xiqqaa guddaa, ummata jumlaan, gara Xollaayii fi Dhidheessaatti jumlaan gara geessuttii isaan tankaarfachiise. Yeroo kuni hundi ta’u, biyyaa fi biyyaan alattis, hedduun namaa qarree irraa dhaabatee taajjabuu fi balaalefachuun alatti qabsoon hadhaayaan nu hin tuqinaa fi namoota hidhatti guuraman harka diinaatii buufachuuf godhame gayaa hin turre.

Wanti isii afoodhaabatu, mormii fi dhiibbaan, akka hin jirre kan ifatti hubataa dhufte Woyyaaneen baadiyaalee fi magaalaa Oromiyaa hunda keessa gugataa akka feetetti ummatatti taphataa jirti. Guyyaa guyyatti kan dhagayamu oduu gaddaa, oduu suukkanneessaa, oduu onnee booressaa ta’eedha. Tankaarfiin hamaa fi gara jabeenyaa kuni, kan itti fu’u malee, waan akka hedduun keenya hawwinu dafee nurraa dhaabatuu hin fakkaatu. Karoorri bal’aan Komaad Poostiidhaan gubbaa hanga jalaatti diriirfame kan mirkaneessu haalli gara funduraa daran dukkanaayaa ta’uu isaati. Kan hubatamuu qabu, kuni sirna garajabeenyaan beekamuu fi tarsiimoo haloo bayuun masakamuudha. Hunda caalatti, hedduun namaa waanuma Woyyaaneen godhaa jirtu qarree irra dhaabatee taajjabuu isaati kan isii macheesse, saree maraatte taasise.

Erga labsii yeroo muddamsuu bayee haalli Oromiyaa isa yeroo kamuu caalaa hamaa fi dukkanaayaadha. Hujiin biyyaa fi biyyaan alattis hojjatamaa jiru, garuu, yoo laafe malee baatii Onkoloolessaa as jabaachuu isaa wanti argisiisu heddu hin mul’atu. Kan taajjabdootaa akkuma jirutti ta’ee, isuma mootummaan amane yoo fudhanne namoota kuma digdamaa ol ta’aniidha baatii tokko keessatti, labsii yeroo muddamsuu hordofee, kan hidhame. Sirni Woyyaanee nama kuma hidhee akka waakkatuu fi ykn nama kudhantu hidhame jedhaa akka dubbatu ifa. Woyyaaneen namni kumaatamni baatii tokko keessatti hidhamuun kan argisiisu ajjeechaa, ukkaamsaa, hidhaa fi doorsisaan sadarkaa ola’aanaa Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuu isaati. Namoota meeqatu ajjeefame? Kan beeku hin jiru. Wanti ifatti beekamu yoo jiraate namoonni manatti, mana hidhaa fi daandii irratti; akkasumas obboleessi obboleessa irratti ajjeefamaa jiraachuu isaati.

Duras haalli hamaadhaa, haguuggii labsii yeroo muddamsuutti dhimma bayuudhaan Woyyaaneen duguuggii sanyiiti kana raawwataa jirti, jedhu namoonni heddu. Kuni dhugaa miti kan nama jechisiisu tokko hin jiru. Dursamee ummanni dukkana odeeffannoo (intarneetii, bilbila fi televiziyoona ummata irratti cufuu) dhabuutti kan gatameefis balaa irra gayaa jiru kana akka hin arginee fi iyya birmannaas akka woliif hin dabarsineef.

Barreessituu karaa h.abdusabur@gmail.com qunnamuu dandeettan

Admin
Adminhttps://www.walabumedia.com/
Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com
RELATED ARTICLES

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

- Advertisment -

Most Popular