Manni Maree Itoophiyaa (paarlaamaan) Sanbata dhufu Dr Abiyyi Ahmadiin Muummicha Ministera Itoophiyaa godhee akka filatu beekame.
Wolgahii paarlaamaa Sanbataa irratti, akka seera bulmaata ADWUI’tti, namni kaadhimamaa ta’ee dhiyaatu dura taa’aa ADWUI’ti. Paarlaamaa ADWUI’n dhuunfate keessatti carraan dorgomaan biraa as bayuu dhiphaadha. Kana jechuun Dr. Abiyyi akkuma salphatti muummicha ministeraa ta’ee filatama jechuudha. Paarlaamaa keessatti yaadni mormii ykn qeeqni, keessattu worra TPLF irraa, dhagayamuu mala. Garuu, Dr Abiyyi deeggarsa miseensota paarlaamaa OPDO fi ANDMÂ guddaa waan qabuuf carraan filatamuu irraa isa gufachiisuu hin jiru.
Filatamuun Dr Abiyyi ummata biyyattii biratti gammchuu fi abdii jijjiirama uumeera.
Dr Abiyyii fi Oromoo hundaan baga gammaddan jenna.