More

    Dr. Abiyyi Ahmad hoogganoonni paartilee mormitootaa sagantaa muudama isaa irratti akka argamaniif affeere

    Dr. Abiyyi Ahmad hoogganoonni paartilee mormitootaa sagantaa muudama isaa Ebla 2, 2018 irratti akka argamaniif affeerraa godhe. Hoogganoota paartiile mormitootaa hunda xalayaan affaaeera dhaqqabuun beekameera. Hoogganoonni paartilee mormitootaa paarlaamaa biyyattiitti argamuudhaan sagantaa aangoo wolitti dabarsuu ni taajjabu. Kana males, hoogganoonni paartilee mormitootaa sagantaa irbaataa gara-galgalaa masaraa mootummaatti geggeeffamu irrattis ni hirmaatu.

    Affeerraan akkanaa seenaa EPRDF woggaa 27 keessatti isa jalqabaati. Dr Abiyyi daandii haromsaa dhugaa qabachuu fi fedhiin biyyattii jijjiiruu jiraachuuf kuni agarsiisa tokko, jedhu taajjabdoonni.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.