More

    Hiriirri mormii fi lagannaan gabaa Oromiyaa keessatti bal’inaan geggeeffamaa jira

    Ajjeechaan suukkanneessaan Hammarreessatti raawwatame mormii fi lagannaa gabaa kanaaf gaaza ta'eera

    Guyyaa har’aa hiriirri mormii fi lagannaan gabaa Oromiyaa keessatti bal’inaan geggeeffamaa jira. Ambo, Shaashamannee, Woliso, Burrayyu, Gimbii, Roobe, Ciroo, Naqamte, Awwadaay, Dambii Doolloo, Jimma, Adaabbaa fi magaalota Oromiyaa hedduudha kan lagannaan gabaa irraa qooda fudhataa kan jiran.

    Lagannaan gabaa fi hiriirri geggeeffamaa jiru kuni sochii daldalaa magaalaa Finfinnee fi Adaamaas dadhabsiiseera. Tajaajilli geejjibaa gara Finfinneetti geessuu fi Finfinnee irraa baasus laaffateera.

    Hiriirri kuni kan waamameef mootummaan hidhamtoota siyaasaa hidhe, Ob. Baqqalaa Garbaas dabalatee, haal-duree tokkoon maletti gadi dhiisu didee waan dhimma isaanii lafarra harkisaa tureef. Ajjeechaan suukkanneessaan kaleessa Hammarressatti taasifame aarii ummataa daran hammeessuu fi ummanni dallansuudhaan tankaarfii kana akka fudhatuuf dirqisiiseera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.