More

    Haylamaaram Dassaalenyi aangoo gadi lakkisuudhaaf xalayaa galfate

    Haylamaaram Dassaalenyi, Muummeen Ministera Itoophiyaa, aangoo gadi lakkisuudhaaf xalayaa galfachuun isaa beekame. Haylamaaran Dassaalenyi aangoo Muummee Ministeraa fi barcumaa dura taa’aa ADWUI gadi ni dhiisa.

    Haylamaaram booda eenyu muummee ministeraa akka ta’u ammatti ifaa miti. Garuu, yeroofis yoo ta’e, itti aanaa isaa, Dammaqaa Mokkonnin godhuudhaaf ADWUI’n ni carraaqxi ta’a. Kuni ammoo rakkoo biyyattiin keessa seente yoo hammeese malee dhibeef woggaa hedduuf fala waan argamsiisuu miti. Falli mootummaa ce’umsaa hunda ammatu dhaabuudha.

    Qabsoon ummani Oromoo geggeessaa jiru mootumma biyyattii irratti dhiibbaa kana hin jedhamne uumaa jira. Dhiibbaan addatti Haylamaaram mudate, kan gara aangoo gadi lakkisuutti isa geesse, maal akka ta’e ifaa miti. Ta’us, rakkoon hamaan ADWUI’n keessa jiru, qoqqoodamiinsi jaarmayaa, kanaaf sababa guddaa ta’uun isaa ifa.

    Wanti adeemaa jiru hundi kan argisiisu guduunfaan garee ADWUI wolitti hidhu bakka hundaan hiikkachuu isaati. Qabsoo eegalame cimsuun sirna saamichaa fi ukkamsaa gara boolaatti geessuun dirqama.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.