Galmi aadaafi seenee Oromoo magaalaa Finfinneetti ijaarame eebbifame. Sirni eebbaa kuni kan geggeeffame bakka hawaasni Oromoo godinoota adda addaa irraa wolitti dhufaniin irratti argamaniin ture. Galmi kuni bakka agarsiisa aadaafi seenaa ta’uun alatti bakka qoranno Oromoottis tajaajila.
Galmi kuni kaaree meetira 40,000 irratti baasii naannoo birrii miliyoona 311 ta’uun akka hojjatameedha kan gabaafame.
Sirnicha kana irratti agarsiisni aadaafi sirba Oromoo naannoo heedduu mul’ateera.
Agarsiifni kunis kan godina Baalee, Kamisee, Jimmaa, Boranaa, Iluu Abbaa Booraa, Karrayyuu, Wallaggaa, Arsii, Gujii, Hararg
Galmi kun hawwata turistootaa ta’uurra darbee faayidaawwaan gara gara akka kennudha kan himamu.