Home Siyaasa Addunyaa Xayyaara Germanwings kan kuffise gargaaraa balaliisaa ta’uu hinoolle jedhama

Xayyaara Germanwings kan kuffise gargaaraa balaliisaa ta’uu hinoolle jedhama

Xiyyeeffannaan addunyaa amma gara maaltu gargaraa balaliisaa kana gara gocha badii kanatti isa geesse kan jedhu ta'eera

0
657

Gargaaraa balaliisaan xayyaara Germanwings Andreas Lubitz, umriin 28,  beekaa xayyaarich gaaraan wolitti buusuu hinoolle, jedha abbaan alangaa Faransaayii dhimmicha qorataa jiru ob. Brice Robin.

Kanniin balaa dhaqqabee kana qorataaran Andreasiin maaltu tankaarfii suukkanneessaa akkanaatti akka isa geesse ibsuuf rakkachutti jiru. Andreas beekaa yakka hamaa kana raawwate taanaan sababa isaatiin namoota nagaa 150 tu lubbuu isaanii qaalii dhaban. Kanniin dhuman keessa barattoota mana barnoota sad.2ffaa 16 ture.

Balaliisaan xayaarichaa ‘cockpit’ keessaa bayuu hordofeeti kan Andreas xayyarich guutummatti too’annaa isaa jala oolche. Gargaaraan kuni balaliisatti balbala cufuudhaan akka balaliisaan gara  ‘cockpit’ hindeebine dhoorge.

gargaaraa balaliisaa Andreas Lubitz

Akka ibsa abbaa alangaatti, hanga gara dhumaatti hedduun namootaa waan isaaniif Andreas qopheesse quba hinqaban ture. Dhuma irratti garuu, yoo duuti dhufaa jiraachuu baran, iyyiinsa ummataa heddutu dhagayama ture.

Balaa xayyaaraa ‘Germanwings’ kanaan namoota 150 tu luubb isaanii dhaban: lammiiwwan Jarmanii 72 fi lammiiwwan Ispeen 50. Akkasumas, lammiiwwan Ameerikaa, Biritaaniyaa, Argeentiinaa, Beeljiyemii, Kolombiyaa, Denmaarki, Israa’elii, Jaappaanii, meeksikoo, Iraanii fi Hoolaandii kanniin dhuman keessa jiru.

 

 

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.