Gargaaraa balaliisaan xayyaara Germanwings Andreas Lubitz, umriin 28, beekaa xayyaarich gaaraan wolitti buusuu hinoolle, jedha abbaan alangaa Faransaayii dhimmicha qorataa jiru ob. Brice Robin.
Kanniin balaa dhaqqabee kana qorataaran Andreasiin maaltu tankaarfii suukkanneessaa akkanaatti akka isa geesse ibsuuf rakkachutti jiru. Andreas beekaa yakka hamaa kana raawwate taanaan sababa isaatiin namoota nagaa 150 tu lubbuu isaanii qaalii dhaban. Kanniin dhuman keessa barattoota mana barnoota sad.2ffaa 16 ture.
Balaliisaan xayaarichaa ‘cockpit’ keessaa bayuu hordofeeti kan Andreas xayyarich guutummatti too’annaa isaa jala oolche. Gargaaraan kuni balaliisatti balbala cufuudhaan akka balaliisaan gara ‘cockpit’ hindeebine dhoorge.
Akka ibsa abbaa alangaatti, hanga gara dhumaatti hedduun namootaa waan isaaniif Andreas qopheesse quba hinqaban ture. Dhuma irratti garuu, yoo duuti dhufaa jiraachuu baran, iyyiinsa ummataa heddutu dhagayama ture.
Balaa xayyaaraa ‘Germanwings’ kanaan namoota 150 tu luubb isaanii dhaban: lammiiwwan Jarmanii 72 fi lammiiwwan Ispeen 50. Akkasumas, lammiiwwan Ameerikaa, Biritaaniyaa, Argeentiinaa, Beeljiyemii, Kolombiyaa, Denmaarki, Israa’elii, Jaappaanii, meeksikoo, Iraanii fi Hoolaandii kanniin dhuman keessa jiru.