Sammuu qaraafi abshaala, isa IQ guddaa, qabaachuu kan hinfeene jira hinse’u. Garuu abshaalummaafi qaroomini sammuu waan akkasumatti hawwii qofaan argamu, bira gahamuu miti. Sammuu qarutu gara IQ guddaa qabaachuutti nama geessa.
Dhimmoota asii gadii irratti hojjannaan sammuun niqarooma, abshaalummaafi IQ keennas nidabala.
- Waan nama jeequ irraa fagaachuu
Qorannoon heddu akka agarsiisutti ilmi namaa altokkotti waaheddu qajeelatti hojjachuu [multitask] hindanda’u. Yeroo tokkotti waaheddu hojjachuuf yaaluun qulqullina waan hojjannuu hir’isa, xiyyeeffannaa faffacaasa.
- Hirriba gahaa argachuu
Hirriba dhabuun samuu hadoocha. Hirriba gahaas dhaban, waa xiqqashoo silim jechuun qofti samuu namaa dadamaqsuufi jajjabeessuu irrratti shoora guddaa taphata.
- Wontoota sammuu namaa dammaqsanitti dhimma bahuu
Dawaa dhoorgame, seeraan daangeffame jechuu koo miti. Bunaafi shaayiin sammuu namaa kakaasuufi dadammaqsuu irratti gummaacha guddaa qabu. ‘Kaaffiin’ buna keessatti argamu sammuun namaa akka odeeffannoo hatattamaan dhimma itti bahu taasisa.
- Sahuu waabarachuu irratti bobba’uu
Waan haarawa barachuun sammuu namaa qara. Barumsa muuxxannoo haarawa nama gonfachiisan, afaanfi wantoota sammuu namaa qormatan irratti bobba’uun dhibee sammuu heddu, kan gara jaarrumma dhufan, nama irraa hir’isuu bira ce’ee akka sammuun namaa qaramu taasisa.
- Ufitti amanuu
Yoo jabaadhee irratti hojjadhe abshaalummaan koo nidabala, sammuun koo niqarooma jedhanii ufitti amanuun qofti sammuun namaa banamuuf tankaarfii jalqabaati. Uftti amanuun, waan hojjannu hunda keessatti, waan yaannu hunda bira gayuuf balbala saaqa. Time