More

    Yoomiif Qajeelchaa wolmorkii Diamond League Biraasilsitti geggeefame injifate

    Ganzabee Dibaabaa (mt 5000), Yoomiif Qajeelchaa (mt 5000) fi Siifan Hasan (mt 1500) Diamond Race injifachuudhaan badhaasa $40,000 argataniiru

    Wolmorkii atleetiksii Diamond League 2015 magaalaa Braasilsitti geggeeffameen Yoomiif Qajeelchaa meetira 5000’n injifannoo guddaa argate. Yoomiif morkattota isaa irratti ol’aantummaa kan argate fiigicha daqiiqaa 12:53.98 xumuruudhaan. Hagoos Gabrahiwooti lammaffaa ta’uu danda’eera.

    Yoomiif Qajeelchaa woldorgommii atleetiksii bara kanaa heddu irratti hirmaatee injifannoo gurguddaa galmeessiseera. Yoomiif atleetii gara funduraatti abdiin guddaan irratti gatameedha.

    Wolmorkiin Diamond League bara 2015 wolmorkii marsaa 14 booda kaleessa xumurame. Wolmorkii irratti hirmaatan heddu injifachuudhaan Ganzabee Dibaabaa (mt 5000), Yoomiif Qajeelchaa (mt 5000) fi Siifan Hasan (mt 1500)  Diamond Race injifataniiru. Diamond Race injifachuu tokkoo tokkoo injifataaf badhaasa hanga $40,000’tti argamsiisa. Kana malees, atletonni gosa fiigicha irratti hirmaatanii ol’aantummaan xumuran gosa fiigicha saniin muudama sadarkaa addunyaatti tokkoffaa jedhamu nama gonfachiisa.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.