Ummani Oromoo Saba /Nation/ gaafa Afrikaa keessatti guddaa fi akkasumas Afaan isaa Hausa fi Suwaahilitti aanee Afrikaa keessatti sadarkaa 3ffaa irratti kan argamuudha. Kana malees sabni bal’aan kun lafa bal’aa fi gaarii kan hammate yeroo ta’u wiirtuu biyyattii gama hundaan qabatee kan jiruuf gama diinagdeetiinis dugugguruu biyyattii ta’ee argama. Saba bal’aa kanatu eega Bittoota Habashaatiin waan hunda keessaa dhiibamee daran miidhamaafi kan itti roorrifamaa jiru. Garuu yeroo ammaa ummanni keenya haala kana jijjiiruuf akkasumas diinoota isaa dura dhaabatee bilisummaa isaa qabsoon goonfachuuf biyya keessatti qooda isaa tabachuuf tokkumman ka’ee socho’uu egalee jira. Diinoota isaas keesssaaf alaan raasuu kan eegale yeroo ta’uu firoota isaa gammachiisaa ilamaan isaa ammoo gamtoomsaa jira.
Eegaa kana irraa kaanee yoo ilaalle yeroo ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa ol’aanaa irra ga’aa jira. Dammaqiinsi ummata keenyaa kan yeroo hundaa irra daranuu waan jabaataa dhufeef addunyaa birattis dhageettii argachuu egalee jira. Ta’us ammas dhageettiin kun baay’ee xiqqaadha. Kana malees diina irratti sodaa gudda uumuun kan raasuu eegale yemmuu ta’u keessattuu barattoonni ilmaan Oromoo bakka hundatti sagalee tokkoon yeroo itti wal hubannoon mormii isaanii dhageessisaa jiran fi humni Di’aasporaas Oromoos wal hubannon rakkoo biyya keessatti mul’atu irratti sagalee dhageessisuu eegaluun hamma tokko dhimma ummata Oromoo adduunyaatti dhageessiisuuf carraa guddaa uumuun isaa diina baay’ee naasise jechuun ni danda’ama.
Kana irra dhaabachuun haala jiru ilaaluun fuula duratti maal godhamuun akka qabu akeekuun dirqama waan ta’ee argameef xiinxala kana dhiyyeessuun yaalamee jira. Integration Development Master Plan jedhuun magaalaawwan Oromoo naannoo Finfinnee jiran magaalaa Finfinneetti dabaluudhaan babal’ifannaa fi lafa Oromoo qotee bulaa irraa mulquun gurguraachuuf yaalii godhamaa jiru dura dhaabachuun Oromoon keessaa fi alaan sagalee tokkoon dhaabachuun mormii guddaa dhageessisuun isaa guddina qabsoon Oromoo irra ga’e firaa fi diinaatti agarsiisuun isaa baay’ee hamilee Oromoo olkaasee argama. Kana jechuun qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa kana irra ga’aa jira yeroo jedhamu hooggana argatee osoo hintaane sochii guddina barattoota Oromoo Yunversitii fi manniin barnoota sadarkaa 1ffaa hanga 2ffaa, akkasumas dhalootni haaraan Oromoo keessaa fi alaan godhan irraa ka’eeti jechuun hindanda’ama. Ammas sochiin kun hooggana argatee jira jechuun hindanda’amu. Hooggana dhabuun kun akka sochiin qabsoo kana gara boodaatti hin deebineef wabiin hinjiru. Hooggana dhabuu irraa kan ka’ee ammas qabsoon dhiigaan as ga’ee kun deebi’ee akka hin riphifne baay’ee sodaachisaadha. Hooggana dhabuu qabsoo kanaaf kan guufuu olaanaa ta’ee bara dheeraaf furmaata hin argatin jiru ammoo addaan faffaca’uu dhaabbilee Oromoo fi tokkummaan dhaabachuu fedhii dhabuu isaanii irraa kan ka’ee akka ta’ee ifatti muldhata. Gaaffiin ummata fi dargaggoo dhaloota haaraa biraa ka’aa jiru kun akka hatantamaan furamu kan ibsuudha.
Xiinxalli kun haala waliigala, dhaabbilee Oromoo, ummata Oromoo, mootummaa wayyaanee / OPDO / fi haala dhaabbilee mormitoota biyyattii keessa jiran keessattuu haala dhaabbille oftuultota, haala biyyoota nannoo gaafa Afrikaa, fi haala addunyaa kan xinxaleefi hiikkaa isaan qabsoo keenyaaf qaban akeekee jira. Kana malee xiinxalli kun falaaf wan godhamu qaban ni akeeka. Xinxallichi garee kamuu tuquu yookiin qeequu hinyaalu, garuu rakkoo mooraa Qabsoon Bilisummaa Oromoo hudhan yeroo tuttuqu dhaabbillee fi hooggana bira rakkoo jiru waan akka waliigalaatti tuquuf hunduu keessatti of ilaalu qaban. Kana malee qabsoon kun kallattii qabachuu qabu akeeka. Hawwii fi fedhiin qabsoo bilisummaa Oromoof qabu yoomuu na keessa jira. Dhaaba keessa jiraadhees dhiisees utuun garee hinqabatin waan natti mul’atu fuula durattis dhiyyeessuu yaaluun koo hin oolu. Akka dhala Oromoottis sochiin amma biyya keessatti dhaloota haaraan itti jiramu waan hundaa keenyaa ilaaluuf xinxalli kun qooda koo ba’us kan giddu galeessa godhateedha. Kana malees xinxalliichi kan dhumee miti. Yaada gabbisu (qeeqa) hundas dabaluuf banaadha. Kana irraa ka’amee hunduu yaadaan gaabbisuun waan Oromoo fayyadu irratti kan as irratti kaa’ameen allattis cimsuun qabsoo kanaaf yoo bu’aa kan laatu ta’e dhimma itti ba’uun gaariidha. Kana yaada keessa galchuun xinxallicha akka armaan gadiitti dhiyeessuuf yaalee jira.
Haala dhaabbilee Oromoo
Dhabbilee Oromoo bakka sadihitti qooduun ilaaaluun barbachiisaadha:
Dhaabbilee biyya keessatti karaa seeraa fi nagaan qabsaahaa jiran
Dhaabbilee qabsoo hidhannootti amanan
Dhaabbilee biyya alaa keessatti socho’aa jiran jechuun nidanda’ama.
Dhaabbilee Oromoo biyya keessa jiran
Isaan kun warra qabatamaan ummata keessa jiraniif mootummaa abbaa irree Wayyaanee karaa nagaan falmanii tayitaa irraa buusuu yalii godhaa jiraaniidha. Isaan kun rakkoo ummata bira jiraachuun waan argaaniif amma huumni isaanii hayyameefitti rakkoo qabatamaa ummata keenyaa kana kaasuudhaan diina irratti ciminaan qabsoo godhaa jiru. Humnni kun diinaa dararaan hammana hinjedhamne kan irraa ga’uudha. Du’uun, hidhamuun, hojii irraa ari’amuun, diina jedhamanii ifatti dararamuufii gidiraan hammana hinjedhamne kan irraa ga’uudha.
Ta’us garuu humni kun kanumaa keessa taa’ee hojii boonsaa hojjachaa jira. Kanaafis ragaan sochii dhimma magaloota naannoo Finfinnee gara Finfinnetti dabaluun lafa Oromoo saamuuf godhame irratti mormuun adda durumaadhaan godhan fakkeenya olaanaadha, kana malees yeroo diinni barattootaa Oromoo University Finfinnee keessaa gara 300. ol ta’an ari’amanitti humni kun ga’ee olaana tabatee jira. Humni kun qabsoon Oromoo humnoota biroo waliin walqabatee akka deemuf qophaatti rukkuttaa diinaaf akka hinsaxilamne gochuuf qabsoo bilisummaa Oromoof fira baay’isuu irratti gaarii deemee jira, gamataa Medirek keessatti humnoota sabaafi sabalamoota waliin ta’uun fuula duratti hariiroon gaariin akka jiraatu gochuu irratti bu’aa gaarii argamsiiseera. Kanaaf humni kun biyya keessati cimaa deemuun bu’aa gaarii fi duubee qabsoo Bilisummaa Oromoo gudda waan ta’eef ija gaariin ilaaluun baay’ee barbachissadha.
Cimina isaanii:
Ummata keessa jiraachuu ummata waliin walitti hidhata qabaachuu
Rakkoo ummata irra ga’u irratti diina saxiluu
Tumsaa humnoota biroo waliin qabaachuu
Dhageettii diplomacy hamma tokko qabaachuu
Dubee qasoo bilisummaa Oormoo ta’uun hojjachuu
Seeraa fi Heerama irratti hundaa’uun socho’uun osoo diinni itti roorrisuu hidhuu fi ajeessuu hojjachuu danda’uu.
Qaawwa heeraafi seeraatti fayyadamuun hir’ina diinni heera irratti agarsiisun diina saxiluu
Hir’ina isaanii:
Caasaa jabaa ta’ee gad dhaabuu hanqachuu
Bakka Oromiyaa mara ga’uu hanqachuu
Dhaabbilee Oromoo qabsoo hidhanootti jiran
Dhaabbileen Oromoo qabsoo hidhanootti amananii socho’aa jiran nijiru, kun Oromoo biratti kan abdii uumee fi boonseedha..Dhaabbileeen qabsoo hidhanoo irratti hojjatan qabsoon kun akka gonkumaa gara boodaatti hindeebine gochuu irratti ga’ee ol’aanaa qabu. Garuu rakkoon guddaan naanno kanattis mul’atu qabsicha ummata keessatti gad dhaabuu dadhabuudha, fi qabsichi yeroo fudhachuu isaatti. Qabsoon hidhannoo yeroo fi haala keessatti, ummata qabsa’aanif sana sochoosuun ijaaruun, hidhachiisuun ummaticha keessatti gad of dhabuun diina irratti cinqqii umuu fi of irratti hirkannoo qabaachuu gaafata.Hojii diplomasii cimaa ta’ee oofuu waliin walqabata, Tooftaa fi Tarsiimoo yeroo gaafatu yeroo yerootti baasuun diina fi firaa addaan baasuun hojjachuu gaafata. Humna hidhatee fi ummata walsimsiisuun duubbee cimaa ijaaruun roorroo ummata irra ga’u faccisuun ummata madda humna waraanaa fi dinagdee godhachu gaafata. Humna ofi guddisaa sadarkaa sadarkaadhaan diina buqqisaa deemu gaafata.Kana irraa kaanee yeroo ilaallu cimina humna hidhatee irra hir’iinsaa daran guddaa ta’ee mul’ata.
Cimina isaanii:
Waan itti amanutti cichee as ga’uu
Rakkoo Ummata Oromoo irraa ga’uu karaa sabqunnamtti adda – addaattin addunyaatti dageessisuun mirga ummatichaaf falmu
Oloola diinni irratti oofu dandamatee as ga’uu
Yoo xiqqate humna hidhatee of harkaa qabaachuu
Sabboonummaa Oromoo jabeesuu fi olkaasuu
Hir’ina humna kanaa:
Tooftaa fi Tarsiimoo haala yeoo waliin deemu akeekuu dadhabuu
Ummata keessatti gad of dhaabuu dadhabuu.
Caasaa cimaa fi ititta ta’ee ijaaruu dadhabuu
Hojii diplomasii irratti dadhabaa ta’uu
Biyyoota Ollaa gaafa Afrikaa keessatti gad of dhaabuu hanqaachuu
Hoogganna ittitaa qabachuu hanqachuu fi Hoogganna ummata keessatti murannoon cichee hojjatu dhabuu
Duubbee qabsoo amansiisaa ta’ee dhabuu
Dhaabbilee Oromoo biyya ambaa/ alaa/ qabsoo hidhannoon ala jiran
Dhaabbileen kun yoo ilaalle hedduudha,isaan kun maqaa qabsoo bilisummaa Oromootiin ka’uun fi hamma humni isaanii danda’etti diina Oromoo irratti falmii gochuun isaanii baay’ee boonsaadha, garuu ammoo fafaca’oo fi ummata keessatti ga bu’uu irratti dadhaboodha. Caasaa cimaa fi tarsimoo qabsoo ifaa ta’ee kan yeroo waliin wal simatee qabsoo kana achi butu danda’uu kan mula’tu baay’ee hinqaban. Hoogganna cimaas hinqaban jechuun nidanda’aama. Hojiin diplomasii isaanii dadhabaa ta’uu qabatamatti argina.
Cimiina isaanii:
Qabsoo bilisummaa Oromootti cichu isaanii
Amma humni isaani danda’eetti gochaa diinaa balaleeffachu, saxiluu
Dhimma fi rakkoo ummata Oromoo irra ga’uu naannoo jiran keessatti dhageessiisuu yaalu
Sabbonummaa Oromoo jabeessuu
Hir’ina isaanii:
Tooftaa fi Tarsimoo ifaa ta’ee kan yeroo waliin deemu dhabuu
Ummata irraa fagaachuu
Caasaa qabsoof ta’uu diriirisuu dadhabuu fi namoota dhunfaa irratti rarra’uu
Hojii diplomaasii irratti dadhaaboo ta’uu
Hoogganna cimaa dhabuu
Barreessaan Mahdii Idriis. Kutaan 2ffaa itti fufa.