More

    Woyyaaneen Oromoota baatii lamaa oliif hiitee dararaa ture keessaa 9,800 gadi lakkisuudhaaf

    Hidhamtoonni halkan guyyaa proppaaggaandaa Woyyaaneen guutamaa fi kaadireen itti taphatamaati kan turan

    Mootummanan Woyyaanee Oromoota mana isaanii fi daandii irraa guuree baatii lamaa oliif manniin hidhaa fi mooraa woraanaatti daraaa ture keessaa 9,800 akka gadi lakkisuudhaaf murteesse beekame. Namoonnii kunniin kan gadi lakkifaman guyyoottan muraasa keessatti. Haa ta’uu garuu, namoota qabsoo fincila diddaa gabrummaa addadurummaadhaan geggeessan ykn ummata sochoosan jettee yakkite ammo hidhaa woggaa dheeraatiin adabuudhaaf raga sobaa wolitti qabaa jiraachuun barameera.

    Baatii lamaan dabran keessa qofa, erga labsii yeroo muddamaatii eegalee, Oromoo 24,000 hidhuu isaa mootummaan amaneera. Namoonni biraa laakkofsa namoota yakka tokkon maletti daandi irraa qabamaniihidhamnaii 50,000 akka caalu dubbatu.

    Namoota hidhaman keessaa kanniin lubbu dhaban heddu ta’utu himama. Kanaan alattis, hidhamtoonni yeroo dheeraadhaaf too’annaa Woyyaanee jala turan sarabamiinsa mirgaa, dhabiinsa nyaataa, dhibee fi gidiraa addaddaaf saaxilamaniiru. Gama biraatiinis, baatii lamaa oliif halkan guyyaa proppaaggaandaa Woyyaaneen guutamaa fi kaadireen itti taphatamaati kan turan. Kuni hundi yaalii Oromoo harka kennachiisuu fi qabsoo bilisummaa eegalame fashalsiisuuti, akka xiinxallitootaati.

    Oromoon hidhamtoota gadi lakkifaman simachuu fi deeggarsa danda’amu hundaan bira dhaabachuu qaba, jedhu taajjabdoonni.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.