More

    Warshaa sukkaaraa Fincaawaa balaan ibiddaa mudate

    Balaan ibiddaa kaleessa Warshaa Sukkaaraa Finca’aa mudate guutumaan guutuutti dhaamuu himame.

    Ibiddichi kutaa oomisha itti guban irraa madduusaa Daayireektarri Koominikeeshinii Korporeeshinii Sukkaaraa Itiyoophiyaa Obbo Zamdkun Taklee himaniiru.

    Ibiddicha dhaamsuu kan carraaqaa turan hojjattoonni warshichaa keessaa namni du’e jiraachuu baatanis kan madaa’an akka jiran gabaafameera.

    Balaa kanaan kutaan oomishaa gurguddoo warshichaarra midhaan irra hinqaqqabne.

    Ibiddicha hatattamaan too’achuuf xiyyaarri faayidaarra akka oole himameera.

    Ka’usi ibidichaa beekamuu baatus rakkoonsaa sakkattaa’amaa jira; akka dubbatamutti hawaasa naannawaarraa ibidda tatamsa’e ta’uu danda’a jedhameera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.