Balaan ibiddaa kaleessa Warshaa Sukkaaraa Finca’aa mudate guutumaan guutuutti dhaamuu himame.
Ibiddicha dhaamsuu kan carraaqaa turan hojjattoonni warshichaa keessaa namni du’e jiraachuu baatanis kan madaa’an akka jiran gabaafameera.
Balaa kanaan kutaan oomishaa gurguddoo warshichaarra midhaan irra hinqaqqabne.
Ibiddicha hatattamaan too’achuuf xiyyaarri faayidaarra akka oole himameera.
Ka’usi ibidichaa beekamuu baatus rakkoonsaa sakkattaa’amaa jira; akka dubbatamutti hawaasa naannawaarraa ibidda tatamsa’e ta’uu danda’a jedhameera.