More

    TPLF jijjiiramaaf qophiidhaa miti jetti

    TPLF hawwii ummanni Itoophiyaa jijjiiramaaf qabu simachuuf qophii akka hin taane ifa goote. Kun ifa kan ta’e kora TPLF 13ffaa tibbana Maqaletti geggeeffame irratti.

    TPLF sirna moofaa akka jirutti itti fufsiisuuf hoogganoota moofaa fi namoota rakkoo ganna 27 biyyattii keessatti mudhataa tureef sababa ta’an sagalee guddaan funduratti as fideera. Namoota akka Geetaachoo Asaffaa, Fatlaworqi Gabra’igzaabeer (Monjoriinoo), Asmallaash Woldasillaasee, Alam Gabrawaahid, kkf sagalee guddaadhaan gara Koree Jiddugaleessaa TPLF itti filuun jarreen har’as bakkuma waggaa 3 dura itti dhiifne san ta’aa jiraachuu isaanii argisiisa. Namni akka Geetaachoo Asaffaa gidiraa ummata Itoophiyaa irra gayaa tureef kallatiidhaan itti gaafatamu bifa kanaan funduratti as dhufuun isaa TPLF jijjiirama simachuuf osoo hin taane jijjiirama danquuf mudhii hidhatee yoomuu caalatti hojjachuuf qophaayuu isiiti kan ragaa bayu.

    TPLF jijjiirama danquuf waan heddu yaaluu dandeetti. Kora ADWUI dhuma Fulbaanaa keessa Hawaasatti geggeeffamu irratti Dr Abiyyiin kaasuuf fedhii fi karoora akka qabdu ifa. Kana godhuuf hookkaraa fi shira xaxaa turteerti; ammas itti jirti. Carraan TPLF waan yaaddetti milkaayuu dhiphaa ta’us, nutis uf dagachuu osoo hin taane daran damaqinaan hojjachuu qabna.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.