More

    Tigist Tufaa maratoonii Landan moo’atte

    Tirfii Tsaggaayee 3ffaa taateti kan xumurte

    Maratoonii Landan kaleessa geggeefameen Tigist Tufaa injifannoo boonsaa galmeessisuu dandeetteerti. Tigist fiigicha kan injifannoon kan xumurte sa’aa 02:23:22n. Tigist maratoonii Landan injifachuudhaan abdii Meerii Ke’itaanii Keeniyaa si’a 3ffaaf wolitti aansitee injifachuu jalaa jaamsiteerti. Injifannoon Tigist, Meeriin 2ffaa irratti akka haftuuf dirqeera.

    ‘Qilleensi baay’ee rakkisaa ture. Ta’us dhumarrati injifachuu danda’eera. Aabjuun koo yeroo dheeraa maratoonii Landan moo’achuu ture. Aabjuun koo dhugaa ta’eera. Hangam akka gammade dubbachuu narakkisa,’ jette Tigist Tufaa yaada isii miidiyaaf yeroo laattu.

    Tigist maratoonii Landan yeroo jalqabaaf kan injifatte. Garuu maratoonii Shaanghaay bara 2014 kan moo’ate isii ture.

    Maratoonii dubartootaan 3ffaa taatee kan xumurte Tirfii Tsaggaayee turte.

    Maratoonii Landan kan bara 2015 isa worra dhiiraa guutummatti kan dhuunfatan atleetota Keeniyaa turan. Maratoonicha kan injifate Eluud Kipchoogeedha. Kipchoogeen sa’aa 02:04:23 xumure.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.