Jireenya injifachuun, jireenya gammachuun guutamte jiraachuun waan salphaa miti; hedduun namaa saahuu hawwa garuu. Haala jireenya keenyaa, haaluma jirru keessatti jechuudhaa, malaan geggeeffanne taanaan jireenya woyyaa/gammachuu qabdu jiraachuun inuma danda’ama. Afaan biraatiin akkuma jireenya fooyya’iinsa qabdu jiraachuuf tattaafatuu qabnu gammachuun jiraachuunis wontuma hojjachuun, dafquun, tattaafachuun argamu, bira gayamu.
Qabeenyaan sooramuun dirqamaa miti; jireenya gammachu qabdu jiraachuuf.
Jireenya gammachuu qabdu, tan dukkanaafi abdii kutannaan ala taate, jiraachuuf qabxiilee asii gadii irratti hojjachuun barbaachisaadha. Kan biraa hinjiru jechuu kiyyaa miti.
- Hireefi carraa xixiqqoo guyyaa guyyatti uumamanitti fayyadamuu danda’uu.
- Namoonni biroo waa’ee koo maal yaadu, maal jedhuu irraa gabaabbachuu.
- Waan namoonni biroo argataaraniifi hojjataaran dhimma itti qabaachuu dhabuu.
- Ufirratti invest godhuu [barumsa, beekumsaanis ta’e waan birootiin].
- Oduu dhiisanii waan danda’amuufi hojjatamuu qabu hunda hojjachuu.
- Onnee guutuun hojjachuu.
- Hujii keessatti sababa tarressuu dhiisanii bu’aa argamsiisuu.
- Dogoggora hojjachuuf qophaayuu [itti yaadanii ta’uu qaba jechuu koo miti]
- Cinqaafi hiraarii kaleessaa dagachuu.
- Ufitti gadduufi ufiif gadduu dhiisuu.
- Murannoo cimaa qabaachuu.
- Waan itti amante argachuuf hedduu tattaafachuu.
- Obsa qabaachuu.
- Ati yaada keetiin funduratti adeemuu, osoo yaanni kee siin hinadeemin.
- Yaada poozetiif ta’e qabaachuu.
- Yeroo kee gara guddaa namoota gaggaarii wojjiin dabarsuu.
- Ufii keetiif dhaabbachuu.
- Namoota badii sirratti raawwataniif dhiifama godhuu danda’uu.
- Namoota gargaaruu.
- Imala keetti gammaduuf qalbii guutuun jiraachuu.