More

    Qaamni walabaa ajjeechaa raawwatamaa ture akka qoratuuf Itoophiyaan hin hayyamtu, jedha Haylamaaram Dassaalenyi

    Abdii F Sabaa | Itoophiyaa keessatti worri yakka raawate daandii irra tirata. Maatiin firri irraa dhumate booyaa fi gaddaa jiraata.

    Ajjeechaa, hidhaa fi gidiraa woggaa tokkoo oliif Itoophiyaa keessatti bal’inaan raawatamaa ture Mootummoonni Gamtoomanis ta’ee Gamtaan Awurooppaa akka qoratuuf hin hayyamnu, jedha muummichi minsitera Itoophiyaa Haylamaaram Dassaalenyi. Haylamaaram Dassaalenyi, birmadummaa Itoophiyaa keessa qaamonni biraa harka hin naqatan jechuudhaan kan BBC’tti hime.

    Yakki naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti dhuma bara 2015 eegalee raawwatamaa ture qaama walabaan akka qoratamuuf kan qaamonni garagaraa gaafataa fi dhiibaa godhaa turan. Amma garuu kun akka ta’uuf mootummaan Itoophiyaa fedhii kan hin qabne ta’uu isaati kan ifa godhe. Tankaarfiin qaamota kanaa inni itti aanu maal akka ta’uudhaaf deemu hin beekamu. Garuu, dhugatti ajjeechaan geggeeffamaa ture isaan yaachise taanaan dhiibbaa dabalataa mootummaa Itoophiyaa irra kaayuu malu.

    Ajjeechaan hamaan ummata irratti humnoota mootummaan bobbaaseen raawwatamaa tureera. Naannoo Oromiyaa qofatti namoota kuma tokkoo oltu rasaasa mootummaan kan kufe. Sadarkaan yakka hojjatamaa turee labsii yeroo muddamsuu Onkoloolessa keessa labsame hordofee ni hammaate malee waan fala argatee miti. Kuni hundi ta’us, gama mootummaa Itoophiyaatiin yaaliin yakka kana qorachuu fi qaamota yakka raawwatan hunda seeratti dhiyeessuu godhame hin jiru. Itoophiyaa keessatti worri yakka raawate ammas daandii irra tirata. Maatiin firri irraa dhumate booyaa fi gaddaa jiraata.

    Barreessaa karaa firasabaa@gmail.com qunnammaa

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.