More

    Qaalawiinsa gatii hoteelaatiin Finfinneen Afrikaa keessatti sad. 1ffaa irratti argamti

    Gatiin kutaa hirribaa hoteelota Finfinnee isaan magaalota Afrikaa biraan yoo wolbira qabamu hundarra hedduu qaalii ta’uun gabaafame. Akka gabaasa STR, dhaabbata qorannoo hoteelaa, kutaa hirribaa halkan tokkoof hoteelota Finfinnee keessatti qabachuun baasii guddaaf nama saaxila.

    Baatii dabran 6 keessatti gatiin hoteelota Finfinnee (kanniin urjii 5) halkan tokkoof jiddu galeessatti $232 dha. Egaa baasii kana kan Finfinnee muummee magaalota hoteela qaalii irra kan teessise.

    Gatiin kutaa hirribaa hoteelota magaalota Afrikaa gurguddoo isa Finfinneen yoo wolbira qabamu addaaddummaa guddaa qaba. Bifuma kanaan kutaan hirribaa halkan tokkoof magaalaa Leegos $216, Naayiroobii $145, Keeppi Taawun $122, Kazablaankaa $106, Kaayiroo %104, Johaansbarg $73 fi Shaarm al Sheerk $71 dha.

    Gatiin hoteelota Finfinnee akkas qaalawuuf akka sababaatti kan qubni itti qabame hir’inni ykn hanqinni hoteelota sadarkaa ol’aanaa bal’inaan jiraachuu isaati.

    Gatiin kutaa hirribaa hoteelota Finfinnee yeroo woggaa tokkoo keessatti %15 dabaleeti kan argame.

    Kuni hundi ta’aa kan jiru, akka Global Financial Magazine itti, biyya addunyaa irratti hiyyeeyyii jedhaman keessaa takka keessatti.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.