Perezidaantii Masrii duraanii Muhaammad Mursii hidhaan woggaa 20 irratti murtaaye

0
343

Perezidaantii Masrii duraanii Muhaammad Mursii irratti adabbiin hidhaa woggaa 20 labsame. Murteen kuni kan dabre Muhaammad Mursiifi angawoota ‘Muslim Brotherhood’ 12 irratti. Angawoota gameeyyii ‘Muslim Brotherhood’ yakka hojjatan jedhee guyyaa har’aa manni murtii adabbii irratti labse keessa Mohaammad El Betlaagiinis argama.

Murtiin Muhaammad Mursiifi anagwoota gameeyyii ‘Muslim Brotherhood’ iratti labsamu kuni kallattiidhaan televiziyoonii biyyattiitiin tamsa’aa ture.

Balleessaan isaanii, akka manni murtii jedhutti, bara 2012 keessa mormitoota isaanii doorsisuufi ukkaamsuudha. Manni murtii kuni himannaa ajjechaa Mursii irra ture kuffiseera, garuu. Himannaan kuni kufuu osoo baatee Mursii adabbii du’aatu eeggata ture.

Muhaammad Mursiifi angawoonni biroos yeroo murtiin labsamutti, ‘Rabbi Guddaadha’ jechuun dubbataniiru. Mursiinis, fonqolchaa isa irratti geggeeffame kufisuuf yaalii irraa kan  ufhinqusanne ta’uu addeesseera.

Worri ‘Muslim Brotherhood’ garuu murtiin kuni kan argisiisu jallina seeraati jedhu. Murtii kanas kan ol iyyatan ta’uu beeksisaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.