More

    Mootummaan Woyyaanee waadaa seene cabse

    Hidhamtoota siyaasaa 115 qofatu hiikama

    Mootummaan Woyyaanee hidhamtoota siyaasaa kumaatamatti laakkawaman keessaa 115 qofa akka gadi lakkisu ifa godhe. Akka ibsa Ob.Geetaachoo Ambaayeetti gadilakkifamuudhaaf ulaagaalee mootummaa federaalaan kaayaman kanniin guutan hidhamtoota 115 qofa. Hidhamtoonni kunniin roobii irraa jalqabee gadi lakkifamuu eegalu. Eenyummaa namoota gadilakkifamanii ob. Geetaachoo Ambaayee ammatti ibsuu hin barbaanne.
    Yeroo ummanni biyyattii hidhamtoonni heddu ni lakkifamu jedhanii abdii guddaadhaan eeganitti hidhamtoota muraasa gadilakkisuudhaaf murteessuun isaanii waadaa seenan diiguudha.
    Gama biraatiinis, hidhamtoota heddu waan gadilakkise fakkeessuudhaaf jecha hidhamtoota Naannoo Kibbaa (Konsoo fi Geede’oo) 413 gadilakkiseera. Woyyaaneen woliigalatti hidhamtoota 528 gadi lakkise jechuudhaan bu’aa siyaasaa, olola miidiyaa addunyaaf akka ta’utti dhiyeessuudhaan, argachuudhaaf carraaqaarti.
    Xiqqaatus hidhamtoota siyaasaa kanniin Woyyaaneen akka gadilakkistuuf kan isii dirqe qabsoo Oromooti. Itti fuffiins qabsoo Oromoo hidhamtoota siyaasaa hafanis hiiksisuudhaaf hedduu barbaachisaadha. Hanga hidhamtoonni hundi hiikamanitti, haqni Oromoo kabajamutti, ol’aantummaan Woyyaanee cabutti, sirni dimokraasii fi federlaalizimii dhugaa mirkanaayutti qabsoon Oromoo itti fufuu qaba. Qabsoo oromooti kan hidhamtoota keenna hiiksisu, qabsoodha kan kabajaa dhabnes nuuf deebisu. Qabsoon itti fufa!
    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.