More

    Kaaraachii Paakistaanitti hidhattoonni namoota 45 ajjeesanii heddu madeessan

     

    Magaalaa Kaaraachiitti, Paakistaan, hidhatoonni doqdoqqeen turan otobisii seenuudhaan dhukaasa bananii daandii Kaaraachii dhiigaan lolaasan. Rukuttaa kanaan hanga ammaatti namoonni 43 du’uun mirkanaayeera. Kan madaayan ammo 13, akka gabasni Reuters agarsiisutti.

    Hidhattoonni 6 otobisii humnaan seenan dhiira, dhalaa, ijoolleefi manguddoo osoo addaan hinbaasne kan jumlaan haleellaa imaltoota irratti banan. Namoonni dhuman hundi kanniin amantaa Ismaa’iliyyaa (damee Shi’aa ) hordofaniidha.

    Gareen hidhattootaa Jundullaah jedhamu itti gafatamummaa fudhateera. Gareen kuni Taalibaanii Paakistaaniitiin wolitti hidhata qaba jedhama. ‘Worri ajeefame hundi kanniin  Ismaa’iliyyaati. Akka kaafiratti kan isaan ilaallu. Gara fundurattis Ismaa’ilii, Shi’aafi Kiristaana irratti tankaarfii nifudhanna,’ jechuun Ahmad Marwaat, dubbi himaan garee Jundullaah, Reuters itti bilbilaan hime.

    Perezidaantiin Paakistaan, Nawaaz Shariif, ‘ummanni kuni ummata nagaafi kan biyya isaanii jaalataniidha. Tankaarfiin isaan irratti fudhatame tankaarfii qoqqoodamiinsa babal’isuuti,’ jechuun rukuttaa garee Ismaa’ilii irratti raawwatame balaaleffate.

    Gareen Jundullaah haleellaa bara 2013 batasakaana Peshwaar irratti raawwatamee namoonni 80 itti dhumaniifis itti gaafatamummaa fudhatee ture.

     

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.