Maqaa investimentiin mootummaan Woyyaanee ummata buqqisaa, garuu investaroota biyyaa fi biyya alaa albuudaa fi lafaan badhaasaati kan ture. Amma garuu, mootummaan Woyyaanee quba miilaan dhaabachuu kan hubatan investaroonni biyya-alaa, investi godhuu osoo hin taane daangaa dhaabatanii haalicha qalbiin hordofuudhaaf dirqamaniiru.
Hunda caalatti, kuni mootummaa Woyyaanee Itoophiyaa dirree investimentii fi tasgabbii godheera jedhaa odeessaa tureef kasaaraa guddaadha. Jalqabatti, Woyyaaneen Doolaara argattu isii dhabsiisa. Gama biraan ammoo kasaaraa siyaasaa kana hin jedhamne isii irra geessa. Bifuma wolfakkaatuun sochii ummataa hordofee seektarri turizimiis hedduu jeeqamuun isaa beekameera. Gargaarsa biyya addaddaa irraa argattus Woyyaaneen dhabaa jirti. Egaa kana hundatu wolitti eda’amee Woyyaanee huqqisaa fi laaffisaa gara boolla awwaalaatti isii gessa.