More

    Horsiisee-bultoonni miliyoona 2 ol ta’an gargaarsa hatattamaa hin argatan taanaan lubbuun isaanii balaaf saaxilama jedhama

    Horsiisee-bultoota Itoophiyaa miliyoona 2ol ta’an gargaarsi hatattamaa dafee hin dhaqqabu taanaan lubbuun isaanii balaa guddaaf saaxilamuun kan hin oolle taúu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise. Namonni gargaarsa hatattamaa barbaadan kunniin irra jireessatti jiraattota naannoo Oromiyaa (Boorana, Gujii fi Baale), Afaar, Somaalee fi kanniin bulchiinsa Naannoo Kibbaa irraa ta’aniidha.

    Rakkoo uumame kanaan wolqabatee ijoollee fi barattoonni nyaata dhabiinsaan hedduu hubamaa jirachuun isaanii hubatameera. Akka ibsa UN kanatti lubbuu namootaa qofaa miti kan dararaa hamaadhaaf saaxilame.  Beeyladaa fi qonnis hubamutti jiru. Haalicha daran kan hammeesse, akka UN jedhutti, dhabamiinsa bishaaniiti.

    Baatii Amajji kana keessa woliigala namoota Itoophiyaa keessatti hanqina nyaataaf saaxilamanii fi kanniin gargaarsa hatattamaa barbaadan kan ifa godhu ta’uu UN hubachiiseera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.