More

    Hiriira mormii irratti Oromoon 40 ajjeefamuu Amnesty International mirkaneesse

    Oromoon 40 oli hiriira kanarratti woreegamaniiru jedha Amnesty International

    Mootummaan Itoophiyaa ummata mirgaa isaaf falmate, lafa isaaf dubbate ukkaamsuudhaaf jecha ‘shororkeessitoota’ jechee waamuu isaa Amnesty International balaaleffate. Amnesty’iin ibsa baase keessatti lubbuun lammii Oromoo 40 galaafatamuu mirkaneesseera.

    Mootummaan Itoophiyaa ummata hiriira nagaa bayeen humoota gooli-uumtotaan wolitti hidhata qabu jechuun isaa, eenyuun fa’a akka ta’an maqaa osoo hin dhoofne,  fudhatama kan hin qabnee fi tooftaa ummata ittiin ukkaamsan ta’uus Amnesty’iin dubbate.

    ‘Ummata balaa jireenyaa fi qabeenya isaanii irratti qiyyeeffate ufirraa qolachuuf daanditti bayeen ‘shororkeessitoota’ jechuun mirga yaada ufii ibsachuu irrati balaa guddaa qaba,’ jedhe Muthoni Wanyeki, itti gafatamaan Amnesty International naannawa Baha Afrikaa. Labsiin mootummaan baase,’ Humnoota tika nageenyaa ummata nagaa 40 ol ajjeesan balaaleffachuu dhiisee, daran ummata hiriira nagaa bayu irratti humna daangaa ce’etti dhimma akka bayan hayyame,’ jedhe.

    Bara 2014 keessas mormii nagaa wolfakkaata geggeeffame irratti mootummaan humnatti fayyadamuun lubbuu Oromoo hedduu galaafachuus yaadachiiseera, Amnesty International.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.