More

    Ganzabee Dibaabaa ‘Sportswoman’ bara 2014 jedhamtee badhaafamte

    Atleetii Itoophiyaaf injifannoon kuni isa jalqabaati

    ganzabee dibabaaSagantaa badhaasaa bara kana Laureus World Sports Awards Shaanghaay, Chaayinatti qopheesse irratti gootittiin atleet Ganzabee Dibaabaa ‘sportswoman’ bara 2014 jedhamtee moggaafamte. Kana jechuun dubartii keessaa gosa ispoortii kamiinuu bara 2014 keessa kan Ganzabee caalaa injifannoo boonsaa galmeessise guutuu addunyaa irra tokko hinjiru jechuudha. Waan gaarii!

    Badhaasa kana ramaddiin kamiinuu atleetiin Itoophiyaa hanga ammaatti injifate tokko hinjiru. Ganzabeen seenaa keessatti isii jalqabaati. Badhaasni kuni bara 2000 eegale.

    Ganzabeen badhaasa kana argachuu kan dandeette bara 2014 fiigicha mana keessaa mt1500 fi mt3000 rikoordii harkatti galfachuu isiitiif.  Akkasumas fiigicha dirree irraatiinis Ganzabeen mt5000, mt2000 fi mt3000 injifannoo gurguddaa galmeessistee jirti; baruma 2014 keessa.

    Gama worraa dhiraatiin moggaasa ‘sportsman’ bara 2014 kan gonfate Noovaak Jokovich. Noovaak taphataa teenisii yeroo ammaa addunyaa irratti sadarkaa 1ffaa irratti argamuudha.

    Injifannoon kuni hunda keenyaaf boonsaadha. Ganzabee, maatiifi jaallattoota ispoortii biyya keenyaa hundaan baga gammaddan jenna.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.