Fiigicha meetira 5000 dubartoota jiddutti guyyaa har’aa Noorweey magaalaa Oslootti geggeeffameen atleetonni biyya keenyaa injifannoo guddaa argamsiisaniiru. Wolmorkii cimaa Diamond League isa Osloo kana, akkuma tilmaamamee turetti, atleet Ganzabee Dibaabaa turte kan moo’atte. Ganzabeen daqiiqaa 14:21:19n fiigicha mt 5000 kana kan xumurte. Akka eegamee ture rikoordii obboleettii isii, Xurunesh Dibaabaa,osoo hinfooyyessin hafte, garuu.


Fiigicha Oslotti ta’e kanaan Ganzabee qofaa miti kan milkaaye. Gootittiin atleet Sinbiree Tafariis 2ffaa ta’uun badhaafamteerti. Sinbireen daqiiqaa 14:38:57n Ganzabee hordoftee kan galte. Atleetiin beekamtuun biraas, Galatee Burqaa, waa xiqqoof sadarkaa 4ffaa irra taa’uuf dirqamteerti. Galateen yeroo daqiqaa tokko hincaalleen atleet Viyoolaa Jelegaat biyya Keeniyaatiin durfamtee sadarkaa 3ffaa kan dhabdeef. Hiree gadhee!
Dimshaashumatti, sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa jiru keessatti atleetota 3 qabaachuun dhugumatti bu’aa nama boonsuudha.