More

    Ganzabee Dibaabaa IAAF Diamond League mt 5000 magaalaa Osloo moo’atte

    Sinbiree Tafariifi Galatee Burqaanis 2ffaafi 4ffaa ta'uudhaan IAAF Diamond League Oslo 2015 xumuraniiru

    Fiigicha meetira 5000 dubartoota jiddutti guyyaa har’aa Noorweey magaalaa Oslootti geggeeffameen atleetonni biyya keenyaa injifannoo guddaa argamsiisaniiru. Wolmorkii cimaa Diamond League isa Osloo kana, akkuma tilmaamamee turetti, atleet Ganzabee Dibaabaa turte kan moo’atte. Ganzabeen daqiiqaa 14:21:19n fiigicha mt 5000 kana kan xumurte. Akka eegamee ture rikoordii obboleettii isii, Xurunesh Dibaabaa,osoo hinfooyyessin hafte, garuu.

    Sinbiree Tafarii (2ffaa)
    Sinbiree Tafarii (2ffaa)

    Fiigicha Oslotti ta’e kanaan Ganzabee qofaa miti kan milkaaye. Gootittiin atleet Sinbiree Tafariis 2ffaa ta’uun badhaafamteerti. Sinbireen daqiiqaa 14:38:57n  Ganzabee hordoftee kan galte. Atleetiin beekamtuun biraas, Galatee Burqaa, waa xiqqoof sadarkaa 4ffaa irra taa’uuf dirqamteerti. Galateen yeroo daqiqaa tokko hincaalleen atleet Viyoolaa Jelegaat biyya Keeniyaatiin durfamtee sadarkaa 3ffaa kan dhabdeef. Hiree gadhee!

    Dimshaashumatti, sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa jiru keessatti atleetota 3 qabaachuun dhugumatti bu’aa nama boonsuudha.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.