More

    Fayyadamtoonni Facebook biliyoona 1.5 dhaqqaban

    Baatii sadi keessatti Facebook galii biliyoona $4.5 wolitti qabuu danda'eera

    Dhaabbanni Facebook addunyaa irratti namoonni biliyoona 1.5 fayyadamtoota Facebook akka ta’an ibseera. Kana jechuun %30 dhala-namaa kanniin umriidhaan 15 – 65 jidduu jiranii fayyadamtoota Facebook ta’uu isaanii agarsiisa.

    Fayyadamtoonni Facebook akkas heddummachuun isaa dhaabbanni Facebook baatii sadan darbe qofa keessatti galii biliyoona $4.5 akka wolitti sassaabu isa taasiseera. Hedduun galii kanaa kan argame suuraa fi viidiyoota bifa beeksisaan gadi lakkifaman irraati.

    Guyyaa tokko qofatti namoonni biliyoona tokko Facebook fayyadamuun ykn seenuun isaanii beekameera. Kunis kan ta’e baatii Hagayya darbe keessa.

    Ammas namoota heddutu gara Facebook itti dhufaara. Facebook maamiloota harawa baay’inaan horataa kan jiru biyyoota guddataa jiran keessaa ta’uunis beekameera.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.