More

    Daa’imman Itoophiyaa guddifachaa sobaan gara Ameerikaatti geessaa kan ture yakka hojjachuu amane

     

    Lammin Ameerikaa, Jaams Hardiing umrii 55 jiraataa Atlaantaa, bara 2008 fi 09 waahiloota isaa woliin ta’uudhaan hojii sobaan ijoollee Itoophiyaa gara Ameerikaatti geggessaa turuu isaa amane. kana kan amane yeroo mana murtii Karolaayinaa Kibbaatti dhihaatetti. Yakki hojjatame, akka Jaams Hardiingitti, woraqaa sobaa kan ijoollee guddiffachaan gara Ameerikaatti ittiin fidan ministera Dhimma Haajaa Biyalaa Ameerikaatti galchaa turuu isaniiti. Sababani isaan dhihessaa turan ijoollee Itoophiyaa lammiilee Ameerikaa daa’imman gudifachuu barbaadanin wolqunnamsiisuu ta’us, garuu ijoolleen guddifachaaf qophaayan ulagaalee hunda osoo hinguunne woraqaa sobaa qopheessuun akka guddifachaan geggeeffamuuf haala mijeessaa turan.

    Jaams Hardiing angawoota Itoophiyaaf matta’aa laatuudhaan ture hayyama guddifachaa argataafi woraqaa sobaa heddu harkatti galfataa kan ture. Yeroo yakka kana irratti bobba’ee turetti, Jaams Hardiing, itti gaafatamaa sagantaa guddifachaa idiladdunyaa ‘International Adoptions Guide Inc’ ture.

     

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.