Baqattoonni 14 altokko kan ajjeefaman halkan kaleessaa naannoo sa’aa 20:30 GMT osoo daandii baburaa qabatanii dukkana keessa deeman ture kan baaburri imaltoota wolirratti isaan fixe. Baqattoonni kunniin lammiilee Somaaliyaatiifi Afgaanistaan ta’uu poolisiin Masedooniyaa ifa godheera. Yeroo balaan kuni gayutti baqattoota naannoo 50 ta’antu wojjiin imalaa ture jedhama. Bakki balaa kunis miilaafi baaburaan alatti bira gayuun kan hindanda’amne ta’uunis ibsameera.
Baqaattooni heddu yaalii biyyoota Awrooppaa Dhihaafi Kaabaa seenuu kan eegalan imala Turk irraa gara Greekitti godhaniin. San booda dooniin Xaaliyaanii senuuf carraaqu. Yaaliin kuni hinmilkoofne taanaan miilaafi konkolaataan biyyoota akka Masedooniyaa, Kosovoo, Sarbiyaa fi kanniin akka Sloovaakiyaa qaxxaamuruun Xaaliyaaniifi kanniin biroottis ce’uuf yaalii dadhaabbsiisaafi obsa fixachiisaa godhu.