More

    Baankiin Investimentii Awurooppaa (EIB) damee isaa Finfinnetti banate

    Baankiin Investimentii Awurooppaa damee isaa Finfinnetii banachuu isaa kan labse guyyaa kaleessaati. Baankiin kuni liqii investimentiif oolu kan laatu mootummaafi kubbaaniyaalee dhuunfaatiif. Projeektota bishaanii, madda humnaafi kanniin biratiifis liiqii oolu mootummaan baankicha irraa argachuu kan danda’u ta’uu isaati kan hubatame. Dhaabbileefi kubbaniyoonni dhuunfaas baankii biyyoolessaa irraa liqii gayaa dhabanii rakkachutti jiran tarii sababa Baankii Investimentii Awurooppaa kanaan xiqqaatus hafuura baafachuu nidanda’u abdiin jedhu jira.

    Naannoo woggaa 50f baankichi biyyoota Afrikaa keessatti sochii misoomaa deeggaraa turuu isaa ifa godhee, woggaa dabre qofa liqii investimentiif oolu biliyoona €2.5 biyyoota Afrikaa gargaraatiif laatee jira.  Labsii guyyaa kaleessaa baaseen baankiin kuni miliyoona €40  projeektota bishaan dhugaatii magaalota Itoophiyaa 40 keessaa fooyyessuuf mallatteessu isaas mirkaneesseera.

    Baankiin Investimentii Awurooppaa qabeenya biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’aniiti.

    Itti gaafatamaan baakii kanaa damee biyyoota Afrikaa Saharaa Gadii, Pim van Ballekom, kan ibsan baankichi isaanii tokkumaa Afrikaafi dhabbilee idiladdunyaa Finfinneetti bu’uurefattan woliin kan hojjatan ta’uu isaati.

    Baankonni bakka bu’oota isaanii yeroo kanatti Finfinnee keessaa qaban Standard Bank (Afrikaa Kibaba), Commerzbank (Jarmanii), Ecobank, Export-Import Bank (Hindi), National Bank (Masrii) fi Bank of Africa dha. Bankiin biyya Turkii tokkos isaanuma kanniinitti makamuuf qophii xumuruu kana dura beeksisee ture.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.