Home Ispoortii Atleetiksii Almaaz Ayyaanaa Raabaat (Morokoo) irratti fiigicha mt 3000n rikoordii haarawa galmeessiste

Almaaz Ayyaanaa Raabaat (Morokoo) irratti fiigicha mt 3000n rikoordii haarawa galmeessiste

0
331

Tibbana oduu injifannoon alatti wonti biraa dirree fiigichaa irraa bubbisutti hinjiru. Atleetonni keenya hundi, Shaangihaay irraa hanga Oslootti, Kalifoorniyaa irraa hanga Roomitti kan galan waan biraatiiniimiti: injifannoo qofaan. Injifannoon itti fufee, guyyaa kaleessaas, ardii Afrikaa magaalaa Raabaati irratti atleet Almaaz Ayyaanaa mt 3000 moo’achuu dandeetteerti. Nama boonsa. Hedduu nama gammachiisa.

Almaaz Ayyaanaa fiigicha IAAF World Challenge mt 3000 Morokotti adeemsifame ture daqiiqaa 8:22:22 xumuruudhaan 1ffaa kan baate. Almaaz, al takkaan, rikoordii mt 3000 ‘African all-comers’ fi Itoophiyaa caccabsite. Atleetonni Keeniyaa 2ffaa fi 3ffaa ta’uuf dirqamaniiru.

Almaaz batii dabre keessa Shangihaay, Chaayinatti mt 5000n injifannoo guddaa galmeessisuun isii niyaadatama.

Lamaanis ta’ee sanii oliin marfamanuu, sanyii qeerransaa muratee funduratti tankaarfate humnaafi tooftaan dhaabu tokko hinjiru. Almaaz Ayyaanaa kanuma kan Rabaat irratti addunyatti agarsiiste.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.