Nyaanni gaariidha- fayyaa, guddinaa fi jireenyaaf. Nyaanni hundi, garuu, wolqixa fayyaa qaamaatiifis ta’ee guddinaaf tajaajila wolqixa ta’e hinlaatan. Inni tokko isa biraa caala, qabiyyee vaayitaminootaa, meneraalotaa, protiinaa fi kaarbohaydireetiin. Sooranni hundi wolqixa dhibee addaddaa irraa nama hintiksan, erga dhibamaniis akka namni dafee fayyu wolqixa hintaasisan.
Faaydaalee nyaanni qaama naaf laatan madaaluudhaan, nyaatota fayyaaf faaydaa ol’aanaa qaban [superfoods] jedhaman heddutu jiru. Nyaata kanniin soorachuun qaamni dafee waan barbaadu akka argatu, dhibeen weeraramus dafee akka bayyanatu nama taasisa.
Nyaanni ol’aanaa ykn hunda caalaa ‘superfoods’ jedhamanii muudaman heddu. Egaa, nyaatota nyaata hunda caalan jedhaman kanniin hanga tokkoon wolisin barsiisuudha kaayyoon barreeffama kanaa.Nuduukaa bu’aa. Dhimmas itti bahaa. Hiikkaa jechoota tokko tokkootiif ammumaa nuhoffolchaa jenna.
1.Hanqaaquu
Heddus kan nama raajuu miti. Killeen durii kaastee akka bakka guddaa qabdu maatii keenya irraa dhageenneerra. Firiin lukkuun gattu tuni ammas soorata faaydaa fayyaa ol’aanaa qaban keessaa tokko…gara boodaattis waan tarree kana keessaa baatu hinfakkaattu.
- Appilii
Hawaasa keenyaaf haarawa. Biyyoota gara dhihaatti jecha, ‘an apple a day keeps the doctor away,’ jedhutu jira. Guyyatti apple takka afaan buufattan taanaan, akka amantaa worra dhihaa kan yeroodheeraatti, wonti doktoraan wolitti deddeemtaniif, deddeebitaniif tokko hinjiru. Fayyaqabeessa isin taasisa, mana yaalaa irraa isin fageessa. Appiliin ulfinni qaamaas too’annaan ala akka hinbaane godhuu irratti tajaajila latutu jira.
- Boloqqee
Hedduu keenyaaf boloqqeen bifa kanaan as bahuun isii nuraaja ta’a. Biyyaa fi ummata keenya biratti tuffatamte, tan dagatamte boloqqeen, biyyoota biroo keessatti firii tuni kabajaa qabdi. Kan kabajaan isii gahes tajaajila isiiti. Boloqqeen gama prootiina laatuutiin fooniin kan wolmadaaltu ta’us, cooma dhabuudhaan fooni irrayyuu faaydaa dabalataa qabdi. Gadaa tana coomni heddus akka hinbarbaadamne quba qabdu.
4. Timaatima
Salaaxaa woliin nyaattanii, cuunfitanii dhugdanii timaatimiin qaamaaf faaydaa danuu qabdi. Madda ‘fiber’ fi Vaaytamiin C ti. ‘Antioxidants’ timaatimiin qabdu dhibee fagotti akka ufirraa qabdan isin dandeessisa.
- Ajjaa
Ajjaan onneef gaariidha; ‘Cholesterol’ ufirraa faccisuuf nama qarqaara. Ajjaan meneraalota biros dabalatee, ‘fibre fi antioxidants’ heddu qabaachuun isaa tarree nyaata kabajamoo kana keessa akka kabajaan taa’u isa dandeessiseera.
- Shaayii magariisa
Aadaa keenya keessatti shaayiin magariisni hedduu hinfaarfamu, hinjaalatamu. Shaayiin shaayii kan jedhamtu yoo diimattee qalbii nama hawwatte. Egaa dubbiin diiminaa bifaa keessa hinjirtu, akka qorannoon adda addaa mirkaneessutti. Shaayiin magariisni qaama namaaf faaydaa caalaa qabdi…waa hedduun shaayii diimtuu caalti.
7. Goraa (Blueberries)
Madda vaayitaminoota fi meneraalota murteessoo ta’anii hedduuti, goraan. Daftanii jaaru hinbarbaaddanii? Isuma kana irraa eegalaa. Goraan, wanta namni akka dafee hinjaarre godhu kan ufkeessaa qabu ta’uu isaati kan dubbatamu.
- Qaaraa
Qaaraan magariisnii fi diimaan faaydaa ulfina hir’isuu bira dabree, dhibeen garaachaas ‘ulcer’ akka nama hinqabneef nama qarqaara.
- Aanan Itittuu
Itittuun nyaata guutuu jedhameeti kan waamamu. Kunis sababa itituun prootiina, kaarbohaydiraatii fi cooma akka gaaritti ammateef. Kanaa mitii hawaasa keenya jaarraa hedduuf utubee kan qabe.
10. Zeeyta zeeytuunaa
11. Dhadhaa ocholonii (peanut butter)
12. Ruuza daalacha
13. Raafuu (spinach)
14. Brokolii
15. Qurxummii Salmoon
16. Qurxummii salmoon



