Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti waraana erga labsanii, Jiddugala Bahaa dirree hookaraa erga taasisanii baatiin 2 darbe. Garuu ammas Ameerikaan waraana hin moo’anne. Iraanis harka hin kennanne. Waraanni misaaelaa fi jeettii, qabeenyaa fi lubbuu barbadeessuu malee, mootummaa Iraan aangoo irraa buqqisuu hin dandeenne. Amma Ameerikaan, akka xiinxallitoonni siyaasaa jedhanitti, waan lama keessaa tokko filachuu qabdi: harka kennachuu ykn Iraaniin guututti weeraruu? Viidiyoon kun carraa Ameerikaan Iraaniin guututti weeraruuf qabdu irratti xiinxalla gadifageenyaa dhiyeessaa itti dhiyaadhaa.
