More

    Taphattonni Eertiraa gara biyyaatti deebifamuu hinqaban, jedhe manni murtii Botiswaanaa

    Taphattoota Eertiraa 10 turan kan Botiswaanatti koolugaltummaa gaafatan

    Taphattoonni garee kubbaa miilaa Eertiraa kudhan biyya isaaniitti deebi’uu didanii koolugaltummaa Botiswaanatti gaafatan osoo dhimmi isaanii hin ilaallamin Eertiratti deebi’uu akka hinqabne manni murtii Botiswaana murteesse.

    Manni murtii Botiswaanaa murtii isaa guyyaa kaleessaatiin taphattoonni Eertiraa hanga dhimmi isaanii seera kooluglatummaa Botiswaanaatiin ilaallamee murtii dhumaa argatutti achuma turuu akka qabaniidha kan ibse. Dhimmi koolugaltummaa isaanii Muddee 11 akka ilaallamuuf deemus barameera.

    Taphatoonni Eertiraa 10 tapha isaanii Botiswanaa wojjiin qaban Roobii darbe erga xumuranii booda kan xayyaara koruu didan. Taphicha Eertiraan 3 – 1’n injifatamte.

    Taphattoonni garee Eertiraa biyyaa bayanii hafuun waan haarawaa miti. Taphattoonni biyya Baha Afrikaa kunniin bara 2009 Keeniyatti, 2011 Tanzaaniyatti akkasumas bara 2012 Ugaandatti hafanii gareedhaan koolugaltummaa gaafachuun isaanii yaadannoo yeroo dhihooti.

    Qorannoon Mootummoota Gamtoomanii kan mul’isu Eertiraan mirga lammiilee isii bifa garagaraatiin kan sarbitu ta’uu isii mul’isa. Mootummaan biyyattii garuu, himannaan kuni hundi kan bu’uura hinqabne jechuun haala.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.