Taphoota Priimer Liigii torbaan kanaan Cheelsiin, Arsenaaliifi kilaboonni magaalaa Manchastar lamaan injifannoo gurguddaan xumuraniiru.
Taphini Cheelsiifi Astoon Vilaa jiddutti geggeeffame 2 – 0’n kan raawwate. Cheelsiif golii kiyyoo keessa kan naqan Diyaago Kostaa (dq.35) fi Hutton dha(ufirratti galche).
Tapha kana booda yaada lateen, ‘Gareen tokkoffaan biyyattii ammatti nuu mit. Garuu nuti garee leenjisaafi taphattoota ciccimooti. Sadarka nurraa eeggamu dhaqqabuudhaaf carraaqaa jirra,’ jechuun Moriinihoon ufii fi taphattoota isaas faarseera.
Injifatamuu yeroo darbe Arsenaaliin isa mudate irraa dandamachuudhaan, Manchaster Yunaayitid gara moo’achuutti deebi’eera. Manchaster garee Evertan irratti goolii sadi kan galche.
Man Yunaayitidiif Morgaan Shinaayderliin (dq.18), Hireeraa (dq.22) fi Ruunii (dq.62) dha kan qabxii sadi argamsiisan. Morgaan Shinaayderliin goolii isii jalqabaati garee Man Yunaayitidiif kan galche. Ruuniin dirree isaan (Oold Traafoord) alatti baatii 11 dabre keessatti goolii kiyyoo keessa naquu hindandeenne ture. Ruuniin goolii dirree isaan alatti galchuu dadhabuun isaa kan isa gaddisiise ta’uu hindhoksine. ‘Har’a golii galchuudhan,’ jedhe Ruuniin, ‘akka gareen koo moo’atu gargaaruun koo heduu nagammachiisee.’
Luwii van Gaal, ‘Sochii dansaa taasisne. Erga Arsenaaliin moo’atamnee booda wanti akkanaa argamuun gaariidha. Har’a moo’achuun keenya waan baay’ee dansaa tokko,’ jedhe.
Tapha Manchaster Siitiifi Bornimaawuz jiddutti geggeeffame irratti Rahiim Steerliing maaliidhaaf miliyoona £44’n Liivarpuul irraa gara Man Siiti akka godaane ifatti kan argisiise ture. Steerliing Man Siitiif goolii 3 laakkofsiise. Goolii lamaan hafte ammoo Boonii ture kan galche. Wolumaa galatti Man Siitiin 5 – 1’n Bornimaawuz kan tortorse.
Steerling akka taphataa profeesinaalaatti tapha erga eegalee asi golii 3 (hat-trick) kan galche yeeroo jalqabaatiif. Seenaa Priimer Liigii keessatti Rahiim Steerling taphataa umrii 21 gadii kan hat-trick hojjate 11ffaa ta’eera. Rahiim Steerliing ‘man of the match’ taphichaas ture.
Sarjiyoo Agu’eeroofi Deeviid Silvaan dhabamuun tapha kanaratti Man Siitii hedduu kan hube fakkatee hin mula’nne. Man Siitiin hanga torbee dhufuutti akkuma muummee Liigii irra taa’eti itti fufa.
Arsenaal tapha Waaltfoord wojjii godhe ol’aantummaan kan goolabe. Gareen Landan Waaltfoordiin 3 – 0’n dirree isaanii irratti kan qaanesse.
Arsenaaliif Saancheez (dq.62), Zhiruu (dq.68) fi Raamzii (dq.74) irratti gooliiwwan moo’achuu Arsenaaliif sababa ta’an laakkofsiisuudhaan dirqama isaanii bayaniiru.
Arsenaal tapha boqannaa boodaan yeroo daqiiqaa 12 hin caalle keessatti golii 3 kan kiyyoo keessa naqe. Gooli qofaan miti, Arsenaal taphaanis caalmaa guddaa argisiiseeti kan moo’ate. Oozul ‘man of the match’ tapha garee lameen jiddutti ta’ee ture.
Liivarpuul erga leenjisaa haarwa fidee tapha isa jalqabaa geggeesseen injifanno malee bayeera. Leenjisaan haarofni, Jurgeen Kiloop, injifannoo haarawa garee Liivarpuuliif argamsiisuu hindandeenne. Injifatamuu jalaa garee kana dandamachiiseera garuu. Kilooppiifi, erga Roojers bakka bu’ee, tapha jalqabaati. ‘Qabxii tokkoon diree gadi lakkisuun hawii koo hinturre. Garuu qabxii gadhee miti,’ jechuun Kiloop dubbate.
Liivarpuul taphoota kudhan dirree isaan alatti taasise keessaa tokko qofaan moo’achuu kan danda’e.
Tootinhaam Priimer Liigiin bara kanaa erga eegalee tapha jalqabaan alatti isa biroon hin moo’atamne. Tapha saddeet taasisee, sadiin moo’atee shaniin ammoo morkataa isaa wojjiin qabxii qoodateeti dirree kan gadi lakkise.
Morkiin gara muummee gabatee La Liigaatti godhamu Riyaaliifi Baarseloonaa jiddutti oo’ee itti fufeera
Riyaal Maadriid garee Laavaantee 3 – 0’n moo’ateera. Tapha kana irratti Maarseeloo, Ronaaldoofi Jesseen goolii galchaniiru.
Ronaaldoon erga gara Riyaal Maadriid dhufee dimshaashumatti goolii 324 galchuudhaan rikoordii Raawuliin qabamee (323) ture cabseera. Ronaaldoon Riyaaliif taphoota 310 qofa taphateeti kan rikoordi Raawul cabse. Raawul garuu taphoota 741 taphachutu isarra ture goolii 323 galchuudhaf.
Baarseloonaan kilabii Raayoo Valeekanoo 5 – 2’n taphaan ala kan godhe. Naaymaar Baarseloonaaf goolii 4 kopha isaatti galche. Su’aarez isii 5ffaa garee isaaf kiyyoo keessa naqera. Tapha kanarratti Baarseloonaaf Mesiin madaayee hirmachuu hindandeenne.
Mummee La Liigaa irra Riyaal, gooliidhaan Baarseloonaa dursee, kan taa’e.
Gabatee sadarkaa kilaboota Liigii Awuroopaa ilaaluuf asbira cuqaasaa.