More

    Muslimoonni Itoophiyaa tajaajila baankii dhala-maleessaa argachaa jiran

    Tajaajilli baankii dhala-maleessaa(Interest Free Banking-IFB) Itoophiyaa keessatti kan eegale Onkoloolessa darbe. Erga tajaajilli kun eegalee hanga Waxabajjii 2015’tti namoonni 105,000 Birrii biliyoona 1.5 baankii keessatti kuusachuu danda’aniiru, akka ibsa Baankii Daldala Itoophiyaatti.

    Muslimoonni biyyattii heddu dhala dheefaaf jecha  tajaajila baankii irraa yeroo dheeraadhaaf fagaatanii turuu isaaniiti mataan damee wolqunnamtii Baankii Daldala Itoophiyaa ob. Efreem Makuriyaa World Bulletinitti kan hime. Muslimoonni %40 ummata itoophiyaa ta’uu isaaniiti kan ragaaleen Istaatistiksii adda addaa agarsiisan.

    Itoophiyaa keessatti, biyya ummata miliyoona 95 ol qabdu, namoonni kaardii baankii qaban naannoo miliyoona 20 ti.

    Sadarkaa addunyatti dhaabbilee tajaajila baankii dhala-maleessaa laatan 300 oltu jira. Hedduun isaanii kan argaman Maleezhiyaa, Sa’uud Arabiyaa, Bahreen, UAE, Kuweet, Kataar, Suudaan, Iraan, Paakistaan, Masrii, Baanglaadish fi Indooneezhiyaa keessatti.

    Tajaajilli baankii Islaamaa (dhala-maleessaa) addunyaa irratti kan eegale bara 1960’n keessa.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.