More

    Naayjeeriyatti jiraattonni gandaa nama shorbaa hate jedhan jiraa gubanii ajjeesan

    Namoonni sadi fooliin shorbaa gandaa ganamaan nujeeqe jedhan gara mana shorbaan keessaa urgaayuutti qajeelan. Mana shorbaan keessatti qophaayaa ture seenuudhaan  ibidda irraa shorbaa fudhatanii bayan. Haati shorbaa iyya ‘qabaa, qabaa, qabaa’ gadi lakkifte. Ollaan iyya dhagaye hattoota shorbaa sadeen ari’utti ka’an.  Hattonni shorbaa lama miliqana. Inni shorbaa baadhatte eessayyuu gayuu hindandeenne.

    Worri ollaa hatticha qaban yeroo hinlaanneef; battalumatti dhagaa, sibiilaafi waan harkaa qaban hunda irra kaayuu eegalan. Hedduu namootaa sun kophaa isaatti kan aarii isaanii tasgabbeessu hinturre.  Hattichi lubbuun osoo jiru ibidda itti qabudhaan foon, lafeefi lubbuu isaa gargar baasan.

    Poolisiin naannoo shakkamaa seeratti dhiyeessuu dhiisanii ufumaa tankaarfii hamaa iratti fudhachun sirrii aka hintaane dubbate. Jaarmayaaleen mirga namaaf falmanis gocha kana balaaleffataniiru.

    Naayjeeriyaafi biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti nama waa hate jedhamu irratti jiraattonni gandaa tankaarfii cimaa akkanaa darbaa darbaa kan fudhatan ta’uun gabaafamera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.