More

    Haleellaa Al Shabaab Yunivarsiitii Garissaa irratti raawwateen laakkofsi barattoota ajjeefamanii 147 gaye

    Barttoonni 79 madaayuun isaanii beekameera

    Rukuttaa Yunivarsiitii Garissaa biyya Keeniyaatti argamu irratti raawwatameen lubbuun barattoota 147 galaafatamuu poolisiin biyyattii ibse. Kanniin madoo ta’an 70 ol ta’uunis beekameera. Kanniin madaa hamaan hubaman gara hosptaala naayroobitti geeffamuun isaanii beekameera.

    Haleella kana kan raawwatan hidhattoota garee Al Shabaab 5 ta’uu isaaniitu himama. Hidhattoonni kunniin Kilaashii hidhachuun alatti mudhii isaaniis dhukaatuun marsanii turan. Yeroo humni nagaa biyyattii iggitii sa’aa 12 oliif turetti xumuru latuuf tankaarfii dhumaa fudhatetti, hidhatoonni Al Shabaab afranuu dhooyuudhaan humna naaga biyyattii hanga tokko irra hubaatii xixiqqaa geessuu danda’aniiru. Hidhattoonni kunniin 4 du’anii 1 too’annaa humna nagaa jala ooluun beekameera.

    Perezidaantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaattaa maatii ijooleefi fira dhaban hundaaf gadda isaa ibsee, shororkeessitoota bayiinsa lubbuu nama hedduutiif sababa ta’an irratti tankaarfii cimaa fudhachuudhaaf dhaadateera.

    Rukuttaan amma Keeniyaa irratti raawwatame kuni bara 1998 isa embaasii Ameerikaa irratti raawwatame kan namoonni 203 itti ajjeefamanii asi isa hamaadha jedhama. Ajjeechaa lammiiwwaan Keeniyaa irratti raawwatame kana biyyoonni addunyaa heddu balaaleffataa jiru.  Ameerikaan tankaarfiin Al Shabaab fudhate ‘suukkanneessaa’ jechuun balaalefachuu bira ceetee mootummaafi ummata Keeniyaa kan gargaartuufi waan danda’amu cufaan bira kan dhaabbattu ta’uu ibsiteerti. Mootummoota naannoo Gaafa Afrikaa woliin ta’uunis Al Shabaabiin dhabamsiisuu irratti kan hojjatu ta’uu isiis ifa gooteerti.

    Garissaan Naayroobii irraa gara bahaatti km320 fagaattee argamti.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.