More
    Home Blog Page 25

    Godina Gujiitti mormiin ummataa cimaan geggeeffamaa jira

    0

    Godina Gujii naannoo addaddaatti sochiin diddaa gabrummaa guddaan geggeeffamaa jiraachuun gabaafame. Hiriira mormii oo’aa magaalaa Bulee Horaatti taasifamaa jiru irratti ummanni kumaatamni hirmaachuun beekameera. Mormiin kuni irra jireessatti kan taasifamaa jiru magaalota Bulee Horaa fi  Haya Dimmaa; akkasumas gandoota Daawwaa fi Ejersa Goorootti.

    Ummanni godina Gujii saamicha albuuda Adoolaa, Shaakkisoo fi Boree woggoota 25 olii, adda durummaadhaan MEDROC-Allaamudiiniiin, taasifamaa ture daanditti bayuudhaan mormaa jiru. Gaafii mirgaa fi haqaa kanaaf, akkuma baratame, deebiin rasaasa Agaazii ta’eera. Namoota hiriira kana irraa qooda fudhatan keessaa hanga ammatti namni tokko ajjeefamuu fi sadi madaayuun gabaafameera.

    Tankaarfiin garajabeenyaa irratti fudhatamus ummanni Gujii mirga isaanii gaafachuu fi qabeenya gooftaan isaaniif kenne tikfachuuf gootummaan falmachuu hin dhiisne. Doorsisaa woraanaa sodaatanii hanag gaafiin isaanii debii quubsa argatutti manatti kan hin galle ta’uu jala sararaniiru. Inumaa, kan tankaarfiin garajabeenyaa isa dallansiise dargaggoon Gujii, daandii cufuu fi buufata gumruukaa gubuudhaan aarii isaanii bayuuf yaalaniiru. Ummanni mormii baye kuni namoota hidhamanis humnaan gadi lakkisiisuun isaanii beekameera.

    Godinni Gujii naannolee Oromiyaa albuuda addaddaan badhaate keessaa tokko. Haa ta’uu malee qabeenyi uumaaa kuni ummata godinichaa kan tajaajilu hin turre. Dhaabbileen albuudaa baasan woggoota hedduuf saamicha dangaa hin qabne godina kanaa fi guutuu Oromiyaa irratti geggeessaa kan turan. Akka ragaatti, guyyoottan muraasa dura mataan Wajjira Oodiitii Itophiyaa, Ob.Gammachuu Dubbisoo, miseensota paarlaamaa Itoophiyaa fi hoogganoota Waajjira Minsitera Albuudaa fi Anniisaa Itoophiyaa funduratti dhaabbileen albuuda baasan naannoo Oromiyaatiif wanti kaffalan tokko kan hin jirre ta’uu dubbate. Bara 2013 keessa qofa naannoon Oromiyaa dhaabbilee albuudaa irraa argachuu kan isarra ture qarshii miliyoona 427 dhabuu ragaa baye. ‘Biyyattiin,’ jedhe ob.Gammachuu Dubbisoo, ‘dhaabbilee albuuda baasuu irratti bobba’aniin saamamaa jirti.’

    Itoophiyaan labsii Paarlaamaan Awurooppaa baase gufachiisuudhaaf loobii qaxaruuf jedhame

    0

    Mootummaan Itophiyaa labsii Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa tibbana baase gufachiisuuf jecha dhaabbilee loobii qaxaruuf asiifi achi jechaa jiraachuun himamaa jira. Tewodiroos Adhaanoom, Geetaachoo Raddaa fi Abdulaziiz Mohaammad dhaabbilee loobii gabaa Braasels, Landanii fi Waashingitan irraa barbaaduuf dhama’aa jiraachuun hubatameera.

    Yeroo ammaatti dhaabbileen loobii torba mootummaa Itoophiyaa bakka bu’anii hujii loobii Braaselsitti geggeessuuf fedhii isaanii argisiisaniiru jedhama. Dhaabbanni hujii loobii kanaaf mootummaa Itoophiyaan filatamu woggatti  kaffaltii naannoo miliyoona lamaa (doolaara Ameerikaa) Itoophiyaa irraa kiisa seensifata. Maallaqani loobiin nyaattu kuni Itoophiyaa keessatti, sanuu yeroo ummanni miliyoona heddu beelaaf saaxilame kanatti, rakkoo heddu furuu danda’a ture.

    Dhaabbanni Landanitti maandheffatee (Chelgate) fi inni Ameerikaa tokko woldorgommii dhaabbilee loobii torba jiddutti taasifamaa jiru kana injifatuun isaa kan hin oolle ta’utu himama.

    Mootummaan Itoophiyaa bara 2005, filannoon hatamuun wolqabatee, dhiibbaa qoqqobbii diinagdee fi diploomasii guddaa mootummoota worra dhihaa isarra gayee ture jalaa kan dandamate hujii dhaabbileen loobii Waashingitan irraa isaaf hojjataa turaniin. Yeroo sanittis Itoophiyaan garee loobii K Street jedhamuuf baatitti doolaara heddu kaffalaa turuun isii beekameera.

    Mootummaan Itoophiyaa ufii isaa dubbatee addunyaa amansiisuu akka hin dandeenne hubateera; keessumattuu yeroo addunyaan rakkoo Oromiyaa keessa jiru qajeelatti baraa dhufte kanatti. Yaaliin hundi firii argamsiisuu dhabnaan fuula isaanii gara dhaabbilee loobiitti kan deebisan. Mootummaan Itoophiyaa bara kana dhaabbilee loobiitti dhimma bayuun rakkoo guddaa amanamiinsaa fi fudhatama dhabiinsaa isa mudate jalaa bayuun isaa ni shakkisiisa. Irra caalatti, hojjachuu fi hojjachuu dhabuun loobii Woyyaanee kan rarra’u kallattii worraaqsi amma Oromoon itti jiru qabatu irratti. Qabsoon Oromoo daran finiinaa deeme taanaan humni loobii Woyyaanee mana gubataa jiru dhaamsuudhaaf bishaan waabaa takkaa facaasuu irra waan jiruu miti.

    Ta’us garuu, mootummaan #OromoProtests dhaamsuudhaaf humnaa fi tooftaan itti hin fayyadamne kan hin jirre ta’uu isaati kan sochiin amma eegalan nutti argisiisu. Qabsoon Oromoo ni eegale. Akka waan injifanne lafa dhiituu fi ufdagatuun waan dhiigaan argame hunda gatuudha. Oromoon dammaqinaan waan Woyyaaneen yaadduu fi hojjattu faana bu’aa; tooftaa tooftaa Woyyaanee madaalu, danda’ama taanaan kan caalu, baafachuudhaan carraaqqii mootummaa fashalsiisuu fi qabsoo eegale ammoo galma geessuu qaba.

    Daandii irra dhufne isa rakkoo himachuu fi wolkomachuutti xumura laatuu qabna, dhiiroo!

    Oromiyaan dhaabbilee albuudaa irraa argachuu kan qabdu woggatti qarshii miliyoona 427 dhabde

    1

    Naannoon Oromiyaa dhaabbilee albuuda baasuu irratti bobba’an irraa woggaa tokko qofa keessatti (bara 2013) qarshii miliyoona 427 argachuun isiirra ture dhabuun isii ibsame. Kana kan ibse Waajjira Oodiitii Itoophiyaa ibsa koree toohannoo paarlaamaaf laate irratti.

    Akka ibsa Ob. Gammachuu Dubbisootti, mataa Waajjira Oodiitii Itoophiyaa, waajjirri isaanii dhaabbilee Oromiyaa keessatti hujii albuuda baasuu irratti bobba’an keessaa 65 irratti qorannoo taasisee ture. Kanniin qorannoon irratti geggeeffame keessaa 28 waan tokko naannoo Oromiyaatiif kaffalanii hin beekan. Isaan hafan ammoo waan Oromiyaaf kaffaluun isaan irra jiru yeroodhaan kan hin kaffalle ta’uu dubbate Ob.Gammachu.

    Dhaabbileen heddu albuuda omishuudhaaf hayyama fudhatanii kan socho’an ta’us woggatti hangam akka omishan, kan isaan gabaasaniin alatti, waajjirri Ministera Albuudaa fi Anniisaa Itoophiyaa waan beeku tokko hin qabu. ‘Biyyattiin saamamutti jirti. Kan fayyadamaa jiran kubbaaniyoota albuuda omishuu irratti bobba’an qofa,’ jedhe Ob.Gammachu.

    Dhaabbilee fi namoonni angawoota mootummaa fi paartii biyyattii ganna 25’f bulchaa jiruun wolitti hidhata qaban kallattii hundaan saamicha biyyattii fi ummata irratti geggeessaa kan turan ta’uu yeroo addaddaatti paartileen mormitootaan dubbatamaa ture. Kan hedduu nama gaddisiisu dhimmuma amma mootummaan amanee fudhate kana dubbachuu isaaniitiif mormitoonni hidhamaa fi doorsisamaati kan turan.

    Mootummaan rakkoon saamichaa jiraachuu qofa osoo hin taane hedduu bal’aa ta’uu isaa amanuun waan tokko. Wanti murteessaan, garuu, saamicha daangaan maletti biyyattii irratti geggeeffamaa jiru dhaabsisuu, fi kanniin saamanii fi saamsisan seeratti dhiyeessuudha. Hanna dhaabsisuu fi qabeenya ummataa hatame deebisiisuun murtee fi murannoo siyaasaa guddaa gaafata, garuu.

    Angawoonni OPDO gurguddoon taayitaa irraa ari’amuuf jedhame

    0

    OPDO’n wolgahii hatattamaa sadarakaa koree hojii raawwachiiftuu dhaabaatti geggeessuuf adeemtu irratti bulchitoota naannichaa fi angawoota dhaabaa gurguddoo irratti gamaaggama cimaa geggeessuuf jedhame. Seeyfiin gamaaggamaa jalqabatti kan irra ooltu, akka odeeffannoon keessaa baye akeekutti, Mukrtaar Kadiirii fi Dhaabaa Dabalee ta’uunis hubatameera. Namoonni kunniin lamaanii fi kanniin biroos angoo irraa ni ari’amu jedhemeeti kan eeggamu. Ari’amuu jalaas yoo dandamatan, salphachuun isaanii ifa.

    Angawoonni kunniin gara angoo dhabuutti kan isaani gessu Oromoof dhaabachuu miti. Oromoo fincile amansiisuu fi jilbiiffachiisuu dadhabuu isaaniiti. Qeeqni gama TPLF’n OPDO fi bulchiinsa naannoo Oromiyaa irratti dhiyaataa ture, jalqabumaa kaasee hujiin gaafii ummataa ukkaamsuu fi erga ummanni daanditti bayee boodas tankaarfii cimaa fudhachuu irratti dadhabina guddaan jiraachuu isaati. Miseensota OPDO gaafii ummataa deeggaranis yeroodhaan sirreessuu fi ufkeessaa qulqulleessuu dadhabuun hir’inaa ta’uu fi gufuu guddaa uumuu isaa irratti angawoonni EPRDF hubannaa tokko irra gayaniiru.

    Kan siyaasa Itoophiyaa duukaa bu’ee hordofu kamiifuu TPLF tankaarfii cimaa angawoota OPDO irratti hin fudhatan jechee hin yaadu; keessumaayyuu yeroo kasaraan siyaasaa hangana gayu isaan mudate kanatti. Ganna 25 guutuu miilaan qajeelatti gadi dhaabachuu kan dadhabe OPDO’n, qilleensa saahuu mooraa TPLF irraa itti bubbisuun akka allaanduu asii fi achi, ol jedhaa fi jadi jedhaa; ergamaa, tuffatamaa fi ajaja Abbaay Tsahaayyee faan taaytaa irraa ari’amaati kan har’a geette. Ammaaf, oduun kuni dhugaa moo dhara isa jedhu beekuuf nama rakkisa; hanga xumura wolgahiitti obsuun dirqii ta’a. Garuu, tankaarfiin cimaan fudhatamuu isaaf kan wolnama gaafachiisuu miti.

    Wantuma fedhee yoo ta’e, Muktaar ari’amee Bakar Shaalee taayitatti dhufuun Oromoo ajjeefamuu, hidhamuu fi saamamuu irraa hin hanbisu. Haada, yeroofis ta’u, TPLF dhidhimuu jalaa ittiin baatu ta’uu nimala, garuu. Jijjiiramni bifa kamuu OPDO keessatti dhufa taanaan kan ifatti mul’isu waan biraa miti: Dooniin Woyyaanee bishaan seensisuu isiiti. Kan itti aanu guutummatti dhidhimuudha. Hujiin danbalii amma jiru daran hammeessuu kan Oromoo ta’a jechuudha.

    OPDO fi ummata Oromoo bal’aa harka ufiitti galchuuf mootummaan TPLF’n durfame tooftaa addaddaatti dhimma bayaa tureera. Mataa OPDO irratti namoota hafuura TPLF’n maletti jiraachuu fi arraba waaqni isaaniif kenneen dubbachuu hin dandeenne tuluu bira ce’ee hanga Oromoo shan-shaniin hidhuttis adeemeera. Yeroo garagaraatti kan argine suni hundi akka worri TPLF yaadee fi karoorsetti kan hin hojjanne ta’uu isaati. Kana booda tooftaa umrii ittiin dheereffatan isa kam tolfatanii akka gadi bayan hubachuun nama rakkisa. Ajjeechaanis Oromoo akka hin jilbiiffachiifne baatiin sadiin darban TPLF fi addunyattis ifa taasiseera.

    Anagoota OPDO geggeddaruun TPLF’f fala baatii muraasaa malee bifa kamiinuu furmaata waaree fiduu hin danda’u. Jaalatanii jibbannii, jijjiiramni waaree Oromiyaa fi Itoophiyaa keessattii dhufuu kan danda’u yoo Oromoon mirga, haqaa fi kabajaa isaa mirkaneeffate qofa. Mootummaan humnaan angoo irra jiru, kuni dhugoomee arguu yoomuu hin fedhu. Kuni akka dhugoomu kan godhu Oromoodha; qabsoo eegale finiinsee itti fufuudhaan.

    Tarsiimoo cimaa fincila ittiin finiinsinuu fi umrii isaa ittiin dheeressinu nu barbaachisa

    0

    Fincila ykn warraaqsa ummataa amma itti jirruun mootummaan Woyyaanee ni kufaa? Eeyyen. %100. Gaafii kan ta’uu qabu mootummaa kana guutummatti jilbiiffachiisuu fi harka kennachiisuuf kana booda Oromoo meeqatu kitimamuu fi hidhamuu qabaa isa jedhu qofa. Sammutti haa qabannuu: akka lubbuun Oromoo dabalataan darbituu fi lammiin hidhatti guuramuun Oromoof bari’aa fi bal’ataa;mootummaa Woyyaaneetti ammoo dhihaa  fi dhiphataa deemti.

    Waan dhugaa kana mirkaneessu arguuf fagoo deemuu hin qabnu.  Hara’a Oromoon, jechuu qabsoo eegalee baatii sadi booda, boqonnaa haarawa keessa jirra. Biyaa fi biyyaan alattis mataa olqabataa, diinaan ammoo sodaatamaa jira. Injifannoon qabsoon hadhaayaan baatii sadiif geggeeffame nu gonfachiise heddu. Karoora mootummichaa isa yeroo dheeraa (saamicha lafaa) eebjuu taasise, qabsoon kuni. Qaamota mootummaa fi jala deemtuu hunda, sochiin Oromoo, fincaan fixachiise. Ajjeechaa, hidhaa, saamicha, dhiittaa fi gidiraa addaddaa yeroo dheeraadhaaf mootummaan Woyyaanee Oromoo irratti raawwataa tures kan qajeelatti ifatti baasee fi injifannoo diploomaasii kan nuuf argamsiise qabsoodhuma kana. Galanni gootota Oromoo jilbiiffatanii jiraachuu mannaa dhaabatanii du’uu filataniif.

    Oromoon yeroo dheeraadhaaf qabsoo bifa garagraan taasisaa turuun ifa. Akkamitti garuu, sochiin inni ammaa kuni injifannoo kana hundaan nu gaye? Qabsoon inni kana duraa mash-lim ture. Woggoota 25 dabaran keessatti Oromoof ajjeefamuu fi hidhamuun waan haarawaa hin turre. Ta’us garuu, oduun mootummaan Woyyaanee ummata ajjeessuu fi gidirsuu ijaa fi gurra addunyaa biraa qajeelatti osoo hin geenne qabsichi dhaama ykn ukkaamfama ture. Ajjestee Woyyaaneen harka margatti haqatti; dhala Oromoo irratti yakka hojjachuu isii ija sooqiddaan miicattee waakkatti. Inni bara kanaa addda; gootummaa fi tooftaanis. Bara kana Oromoon osoma ajjeefamuu, hidhamuu fi shimala abbaa-irree dhadhamu; cichaa fi obsa sadarkaa ol’aanaatiin fincila isaa addaan osoo hin kutin baatii sadiif geggeessee qabsoo itti jiru ijaa fi gurra addunyaa bira dhaqqabsiise. Iccitiin guddaan kana. Kana boodas kan ta’uu qabu kanuma; saamichaa fi booyicha ganna 25’tti xumura laatuuf muranneerra yoo ta’e. Saba guddaa akka Oromoof salphinni akka gartuu yartuun, hangamuu hidhattuu fi garaa jabaattu, saamamaa fi booyaa jiraachuu tokko hin jiru.

    Baatiin sadan dabran Oromoo fi Oromiyaaf kan gaddaas turte. Namoonni heeddu ajjeefamuun, qaama hir’uu ta’uu fi hidhamuun Oromoo biyyaa fi biyya ormaa jiraatus hedduuu boochise, gaddisiisee fi dallansiise. Mootummaan akkas garaajabaachuu fi guutttummatti ajjeechaa fi hidhaa irratti hirmaachuun madaallii kamiinuu mallattoo ciminaa miti. Dadhabinaa fi salphina sadarkaa ol’aanaati malee. Kan hunda ajaa’ibe, woraana bobbaasaa gocha suukkanneessaa daanga hin qabnetti dhimma bayanis, ummata nugaye jedhe ukkaamsuu fi manatti deebisuun hin danda’amne. Wanti hanga ammaatti mootummaan itti jiru, kan bishaan fudhate hoomacha qabata isa jedhamu. Woggoota hedduuf  dhiitamnee, saamamnee; ammas qabsoo kanarratti gootota heddu dhabnee, gatii qaalii kaffalleeti mootummaa kana akkas sochoosuu fi hafuura fixachiisuu kan dandeenne. Bifa kamiinuu Oromoon haafa mootummaan kuni itti rarra’ee dhidhimuu irraa ittiin uf baraaru laatuuf hin qabu.

    Abbaa-irree, sanuu isa hedduu duruunfatee fi ajjeechaa aadaa godhate, woliin kan Oromoon falamutti jiru. Ajjeefamuu fi hidhamuun waan akka salphatti gutummatti hanbifamuu miti. Tooftaa addaddaatti dhimma baayuudhaan gaaga’ama lammii irra gayu hir’isuu fi umrii mootummaa Woyyaanee gabaabsuun ni danda’ama, garuu. Yeroo kanatti tooftaa fi tarsiimoo ciccimoo qabsoo keenna ittiin finiinsinuu fi mootummaa ittiin dhamaasnutti dhimma bayuun dhimma filannoo miti. Dirqama. Tarsiimoo cimaa baafachuun,hunda caalatti, qindoominaa, hirmaannaa fi quba wolqabaachuu gaafata. Kuni akkamitti dhugooma garuu? Eennutu hujii qabsoo kana addaddurummaan geggeessuu fi yeroo yerotti tooftaa haarawa baasuu irratti hojjata?

    Qabsoon kuni kan Oromoo gabrummaa fi gadaantummaan, saamamuu fi haqa sarbamuun nagaye jedhee ka’e hundaati. Worri wareegaman, qaama itti dhabanii fi hidhaman bakka amma jirruun nu gayaniiru. Kana booda kan qabsoo tana funduratti dhiibuudhaan Oromoo bilisummaan gayuu danda’u nu worra lubbuun jirruudha. Addadurummaadhaan hujiin qabsoo kana finiinsuu, akkuma hanga ammaatti ta’aa ture, kan Oromoo Oromiyaati. Yeroo kana godhanitti wareegama guddatu kaffalame. Ajjeechaa fi hidhaan hammaachuun; shororkaan Oromiyaa fudhachuun tasa nu jilbiiffachiisuu hin qabdu. Imala eegalle kana irratti dhiignis dhangala’u, Oromoon mirga sarbame deeffachuu fi kallattii hundaan injifannoo gonfachuuf kan isaaf hafe waa xiqqoodha. Erga as bira geennee anniisaa fixachuu fi duubatti mucucaachuun gowwummaa ajaa’ibaati.

    Woyyaanee uf haa fannistuu. Shororkaa, maqaballeessaa fi ukkaamsaa isii hin sodaannu. Manniin barnoota sadarkaa addaddaa maandhee fincilaa akka ta’anitti itti fufuu qabu. Barattoonnii yunivarsiitii fi manniin barnoota addaddaa, jiraattonni magaalotaa fi baadiyaalee Oromiyaa wolhubachuu fi quba wolqabaachuu, akkasumas woliif birmachuudhaan qabsoo kana funduratti dhiibuu qaban. Oromoon biyyaan ala jirus deeggarsa isaa ummata taankii Woyyaanee afoo dhaabatuuf bifa wolirraa hin cinneen godhuu qaba. Worri madaayee fi matiin irraa ajjeefame yoo dagatamuu hin qaban. Shan-shaniin Woyyaaneen ummataan xaxxe kana booda gara shan-shanii Oromoon Woyyaanee ittiin gaadi’uutti geeddaramuu qaba. Oromoon mooraa diinaa keessatti maaltu akka ta’aa fi yaadamaa jiru dursee beekuudhaan tooftaa gaaga’ama ittiin hir’isu baafatee socho’utu irra jira. Odeeffannoo waajjira tokkoo baye daqiiqatti guutuu Oromiyaa woliin gayuun salphaa ta’aa akka dhufe hubanna.

    Fincila kana ukkaamsuuf wanti Woyyaaneen hin goone hin turre: Agaazii, taankii fi xayyaaratti dhimma baateerti. Hanga ammaatti hin milkoofne. Gara funduraattis, ibidda mana irratti gubaa jiru kana dhaamsuudhaaf humnaa fi meeshaan isiin hin bobbaafne hin jiraatu. Daran gubachuu fi gara boodaatti harka kennachuun isii hin hafu, garuu. Yeroodhaafis ta’u tooftaa geggeeddarachuudhaan fincila kana dhaamsuuf ijibbaata godhuu kan itti fuftu ta’uu isiiti kan hundi amanu. Keessumattuu, ijaa fi gurri addunyaa gara Oromiyaatti ta’uun isaa Woyyaaneen fincila ummataa daftee dhiigaan akka dhaamsituuf isii dirqa.

    Qabsoon kuni ammatti qaxxaamura irra jira yoo jenne dhugaa ta’a. Torbaan muraasni nu fundura jiran Oromoofis ta’ee mootummaa Woyyaaneef yeroo murteessaadha. Kana booda qabsoon kuni torbaan muraasaaf itti fufnaan dubbiin tan biraati: nuti Finfinnee fi haqa teenna dhuunfachuutti dhiyaataa, Woyyaneen ammoo biyyaa fi saamicha irraa fagaataati kan adeemtu. Dhugaan kuni nuu fi Wayyaanee jalaas waan dhokatee miti.

    Hawwiin hunda keenyaa qabsoon tuni tabba bayuudha. Imala gara tabbaatti goonu irratti gufuun nu afoo jiru Woyyaanee ta’uu yoomuu irraanfachuu hin qabnu. Kana kan jedhuuf gareen kuni, osoo addunyaan balaaleffatuu fi Oromoon ilkaan itti ciniinnatu, qabsoo kana dhigaan nu harkatti dhaamsuu ni malu. Hireen qabsoon kuni ukkaamfamuu dhibbeentaa shan ta’uu ni mala. Hujiin guddaan %5 (qaawwala) qilleensi ittiin nu seenuu malu sani duuchuu irratti fuulleffachuudha. Kana jechuun hundi namaa, keessaa fi alaa,  kan irratti hojjachuu fi dhiphachuu qabu akkamiin qabsoo kana finiinsina; akkamiin balaa mootummaan Woyyaanee irra geessuu malu jalaa baasna; akkamiin umrii isii dheeressina kan jedhu. Qabsoo woreegama guddaan har’a geette, kana booda gatii fetes yoo gaafatte, lubbuun jiraachisuu fi funduratti tankaarfachiisuun dirqama hundaati. Tooftaa fi tarsiimoo qabsoo tana miilaa fi anniisaa itti goonee funduratti ittiin geggeessinu kan uumuu qabu hunda keenna; bakka jiraannu, haala keessa jiraannuu fi namoota waliin jiraannu waliin ta’uudhaan. Ukkaamsaa fi doorsisaan hangamuu hammaatu, yoo bariin dhiyaattu ni dukkanoofti, qabsoo tana hanga Oromoon dudubaa fi dukkana keessaa bayutti dhiibuudhaaf waadaa woliif seenuu qabna. Kana godhuu dadhabuun injifannoo, akkuma bara 1991, harka nuseente akka qubbiin jidduun nu yaatuuf hayyamuudha. Kuni akka ta’uuf dhaloonni kuni hayyamuu hin qabnu.

    Qabsoo eegalaa dhiisuun eessayyuu nu hin gessine. Rakkoo Oromoo barabaraafis adeemsi kuni fala kana jedhamu hin argamsiisne. Isa woggoottan dabree dhiisaa wareegamni hanga ammatti kaffalame heddu. Qabsoon akka haarawatti eegalle kuni, dhaabata taanaana, gumaa lammii ajjeefamanii hin baasnu; worra hidhame gadi hin lakkisiisnu; dukkana seenaa keessaas uf hin baasnu. Injifannoo hanga ammaatti arganne hunda nu harcaasisa, qabsoon kuni cafaqamuun. Injifannoon gama dippiloomaasiin argame xuuxamaa fi xiyyeeffannaan miidiyaalee addunyaa dhabamaa akka deemu taasisa. Dhiiroo bara kanatti Oromoon argataa dhabuu fi qabsaayaa moo’atamuu waan jedhutti xumura laatuu qaba. Kuni ta’uu dhabuun Oromoof kasaaraa guddaa; xurii seenaatis.

    Injifannoo hanga ammaatti galmeessisnetti gammaduun waan tokko. Gaara bayuu eegalle malee fiixxee akka hin geenne yoomuu dagachuu hin qabnu; roobe, dudubaaye, dukkanaaye taanaan duubatti mucucaachuun jira. Hunda caalatti kan dagachuu hin qabne mootummaan Woyyaanee injifannoo dabalataa akka argannuuf hayyamuu mitii isuma argannee nu gachisiisuuf kan rafee hin bulle, kan yeroo fi qabeenyas hin qusanne ta’uuu isaati. Woyyaaneen hangamuu dhamaatu, ummata haqa isaaf falmatu kan moo’atu. Dafnee moo’achuu fi Finfinnee dhuunfachuun tarsiimoo fi tooftaa cimaan masakamuu gaafata, garuu.

    Gareen hayyoota mirga namaa addunyaa Itoophiyaan gidiraa Oromoo irraan geettu akka dhaabdu gaafate

    0

    Gareen hayyoota mirga namaa Gamtaa Mootummoota Addunyaa (GMA), mootummaan Itoophiyaa gocha ajjeechaa, ukkaamsaa fi doorsisaa humnonnni woraanaa irratti babba’an dafee akka dhaabu gaafate.  Hiriira torbaan sagalii oliif geggeeffamaa ture irratti, lubbuun 140 olii galaafatamuu, namoonni heddu mana hidhaa fi bakka hin beekamnetti gatamuu gareen hayyoota mirga namaa GMA kuni ibseera.

    ‘Laakkofsi namoota ajjeefamanii akkas heddumaachuun mootummaan Itoophiyaa lammii isaa akka gufuutti kan ilaalu ta’uu agarsiisa,’ jedha ibsi kuni. Achi buuteen mormitoota hedduu beekamuu dhabuuunis kan isa yaachise ta’uu addeessa, gareen kuni ibsa isaa keessatti.

    Gareen hayyootaa kuni mootummaan maaster pilaanii Finfinnee dhaabe jechuu gammachuun simate. Ta’us garuu, mootummaan ammas ajjeechaa, hidhaa fi humna daangaa ce’etti dhimma bayuu itti fufuun kan hedduu isa yaachise ta’uu gareen kuni ibsa isaa keessatti tuqeera. ‘Hanga woraanni ummata karaa nagaan mirga isaa gaafatu doorsisuu dhiisutti, maaster pilaanii dhiise jechuun mootummaa murtii onnee irraa dabarfame jedhanii fudhachuun nama rakkisa,’ jedha gareen hayyoota mirga namaa GMA. Itti fufuudhaanis, ‘Gaheen humna tika nagaa naga ummata hiriira bayuu eeguudha malee ukkaamsuu fi doorsisuu miti.’

    Mootummaan Itoophiyaa mormitoota mirga isaaniitti dhimma waan bayan qofaaf hidhaman hatattamaan akka gadi lakkisuu fi kanniin hanga ammatti achi buuteen isaanii hin beekamnes eessa akka geesse akka agarsiisu gaafate. Tankaarfii woraanni ummata nagaa irratti fudhates qaamni walaba ta’e bifa iftoomina qabuun akka qoratus gaafateera.

    Itoophiyaan waanuma gale hundaaf seera farra shororkaatti dhimma bayuu isii qeeqa, gareen hayyootaa kuni. Ibsi garee kanaa, ‘Ummata hiriira nagaa bayu yakkuuf seera farra shorokaatti dhimma bayuun hedduu nama gaddisiisa,’ jedha. ‘Ummata nagaatti maqaa shororkeesssaa jedhu maxxansuun seera mirga namaa addunyaa cabsuu qofa osoo hin taane abdii hawaasni addunyaa lola farra shororkaa dhugaa irratti Itoophiyaa irrraa qabu haqa.’ Mootummaan Itoophiyaa ummata biyyattiif hiree yaada isaanii ittiin ibsatan kennuuf itti gaafatamummaa akka qabu yaadachiisa.

    Qabsoon Oromoon aarsaa guddaa kaffalaa geggeessaa jiru injifannoo gurguddaa  galmeessisiisaa dhufaa jiraachuun ifa. Sochiin eegalame cimee itti fufe taanaan Oromoon injifannoo boonsaa gonfachuu fi bilisummaa harkatti galfachuu humni isa dhoorgu tokko kan hin jirre ta’uu isaa hayyoonni siyaasaa irra deddeebi’aa dubbatu.

    Qabsoon Oromoon baatii lamaa oliif geggeesse hadhaayaadha. Sochii ummata dhaamsuuf mootummaan woraana bobbaasaa fi rasaasa ummatatti roobsaa ture. San hunda dandamateeti qabsoon Oromoo kan har’a geette. Injifannoon kuni hundi kan argame wareegama qaaliidhaan. Gatiin kana fakkaatu erga kaffalamee booda usuu fi qabsoo irraa uffageessuun waan arganne harcaasuu fi dukkanatti  ufdeebisuudha. Sochiin gara funduraa, injifannoo argame cimsachuu fi kan caaluuf ammoo mudhii hidhachuun hojjachuun gaafatti.

    Gaarrii kana booda bayamu fi lagni ce’amu, tarii akka nuti yaannu, hedduu cimaa ta’uun nimala. Riqichi reeqqisuu fi masaraa keessa qilleensi bubbisuu mallattoon agarsiisan heddummaataa dhufaniiru. Oromoon mirgaa fi haqa isaa kan gonfatu, qabeenya isaa kan tikfatu, kabajaa fi deeggarsa addunyaas kan argatu akkas daanditti bayee onnee guutuun yoo dubbatu. Qabsoon itti fufa!

    Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa har’a dhimma Oromoo irratti marii taa’a

    0

    Ajjeechaan, ukkaamsaa fi dhabamiini kabaja mirga namaa kan isa yaachise Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa, guyyaa har’aa dhimma Oromoo fi Itoophiyaa irratti marii bal’aa geggeessa. Murtii cimaas ni dabarsa jedhameeti kan eegamu.
    Miseensonni paarlaamaa dhimma Oromoo deeggaruudhaan sagalee isaanii akka laataniif Oromoo fi kanniin yakka mootummaan Itoophiyaa Oromoo irratti baatii lamaa oliif raawwatamaa jiru balaaleffatan bifa addaddaan dhiibbaa godhaa turan. Irra jireessatti kan itti dhimma bayamaa ture Miidiyaalee hawaasaati. Guyyoota lamaan darbaniif sochiin karaa Twitter’n ‪#‎PasstheMotion‬ jedhamutti dhimma bayuun dhiibbaan guddaan godhamaa ture. Dhiibbaan kuni har’a hanga sa’aa 17’tti ciminaa fi bal’inaan itti fufuu qaba.
    Kana godhuuf akka isin dandeessisu asii gaditti garee gurguddaa Paarlaamaa Awurooppaa keessatti argamuu fi maqaa hoogganootaa (Twitter isaanii woliin)  keenneerra. Kallattiidhaan twit isaaniif godhuudhaan akka Oromoo bira dhaabatan, ummata dhumaa fi ukkaamamaa jiruuf dubbatan, dhimma dimokraafi mirga namaaf irratti tankaarfii fudhatan (dhiibbaa) godhaa.
    ALDE Group Guy Verhofstadt @GuyVerhofstadt
    S&D Group Gianni Pittella @giannipittella
    PPE Group Manfred Weber @ManfredWeber
    ECR Group Syed KAMALL @SyedKamall
    EFDD Group Nigel Farage @Nigel_Farage
    GUE/NGL Group Gabriele Zimmer GUE/NGL

    Paarlaamaa Awurooppaa akka wolitti dhufee dhimma Oromoo irraa mari’atuu fi dubbatu kan dirqe qabsoo baatii lamaa oliif godhameedha: Dhiiga obboleewwan keennaati. Bu’aa waaree, injifannoo kallattii hundaa, galmeessisuuf, qabsoon eegalame kallattii hundaan cimee geggeeffamuu akka qabuudha worri xiinxalaa siyaasaa geggeessan kan gorsan.

    Toora intarneetiin worri marii Paarlaamaan Gamataa Awurooppaa geggeessu hordofuu feetan asbira cuqaasaa.

    Qabsoon itti fufa!

    Paarlaamaan Awurooppaa Itoophiyaan Oromoo ajjeesuu, ukkaamsuu fi laffaarraa buqqisuu hatattamaan akka dhaabdu gaafate

    0

    Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa labsii 2016/2520 RSP baaseen mootummaan Itoophiyaa gocha ajjeechaa, hidhaa, ukkaamsaa fi lafaraa buqqisuu bal’inaan Oromoo irratti raawwataa jiru hatattamaan akka dhaabu gaafateera. Labsii guyyaa har’aa baase kanaan, Paarlaamaan Awurooppaa, balaaleffanaa fi himannaa guddaa mootummaa Itoophiyaa irratti dhiyeesseera.

    Paarlaamaan Awurooppaa labsii isaa keessatti  hiriira mormii baatii lamaa oliif guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffamaa tureen lubbuun namoota nagaa 140 oli harka mootumaatti galaafatamuu, kumaatamni madaayuu fi hidhamuu ifa godheera. Du’iinsa barattootaa fi qotee-bultootaa Oromoof sabab kan ta’e, akka ibsa Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa kanatti, mootummaan Itoophiyaa humna ajjeechaa fi ukkaamsaa ummata irratti bobbaasuudha. Bara 2014 keessas bifuma wolfakkaatuun mootummaan Itoophiyaa namoota nagaa ajjeesuu kan tuqe labsiin kuni, namoonni hidhaman hanga har’aatti mana hidhatti kan dararamaa jiran ta’uu saaxileera.

    Imaammata mootummaa Itoophiyaa jalatti Oromoon daangaan maletti gidirfamuu, mirga fi haqa sarbamuu fi daangatti dhiibamuu, addeessa labsiin Paarlaamichaa. Itoophiyaan ummata hiriira nagaa geggeessu, gaazexeessitootaa fi hoogganoota paartilee mormitootaa duuchaadhaan hiiti, dararti, jedha labsiin kuni. Ummata hiriira nagaa bayan shororkeessitoota jechuudhaan xureessuu fi maqaa balleessuun sirrii akka hin taane jala sarara Paarlaamaan Awurooppaa.

    Paarlaamaan Gamataa Awurooppaa ajjeechaa, hidhaa fi ukkaamsaa mootummaan Oromoo irratti raawwatuu fi ummata ukkaamsuuf humnatti dhimma bayuu isaa cimsee balaaleffateera. Ukkaamsaa, shororkeessaa fi sodaachisaan bifa addaddaatiin ummata irra gayaa jiru dafee akka dhaabatus gaafateera. Namoonni mirga isaaniitti dhimma bayuu qofaaf hidhaman hundi  haal-duree tokkoon maletti gadi dhifamuu qabu, jedha labsiin kuni.

    Mootummaan Itoophiyaa bifa iftoominaa fi amanamiinsaa qabuun, akkasumas logiinsa irraa walaba ta’een ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamee fi dhiittaa mirgaa bal’inaan raawwatame akka qoratuu fi namoota yakka kana raawwatan, kamuu yoo ta’e, seeraaf akka dhiyeessu qabu gaafateera.

    Paarlaamaan Awurooppaa mootummaan Itoophiyaa mirgoota dhala namaa kanniin Labsii Addunyaa Woliigalaa fi Chaartara Mirga Namaa Gamtaa Afrikaa akka kabajuu qabus akeekkachiiseera.

    Keessattis ta’ee biyyaan alatti, Itoophiyaan, dhiibbaa fi sochii miidiyaalee fi sagalee ummataa ukkaamsuuf gootu irraas ufqusachuu qabdi, jedha labsiin Paarlaamaa Awurooppaa.

    Mirga namaa fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuun, akka labsii Paarlamaa kanaatti, imaammata Gamtaan Awurooppaa ittiin masakamu keessaa isa ijoo jedhamuudha. Kanaaf, gargaarsi diinagdee Itoophiyaaf  laatamu kamuu biyyattiin sirna dimokraasii diriirsuu fi eegdoo mirga namaa fooyyessuu isiin kan wolitti hidhata qabu ta’utu irra jira, akka Paarlaamaa Awurooppaatti. Itoophiyaan ammatti kana godhutti hin  jirtu. Sarbamniinsi mirga namaa naannoo Oromiyaa keessatti sadarkaa yaachisa ta’e irra gayuu fi Itoophiyaan ukkaamsaa fi ajjeechatti bal’inaan dhimma bayuu isii biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’an hundi cimsanii akka balaaleffatan Paarlaamaan Awurooppaa waamicha dhiyeesseera. Itti dabaluudhaanis, biyoonni hunids Itoophiyaan ummata karaa nagaan sagalee isa dhageessisu ukkaamsuu fi ajjeesuu irraas akka ufqusatuuf gama isaaniin dhiibbaa barbaachisu akka godhan gaafateera.

    Wolumaagalatti, daandiin siyaasaa biyyattiin amma qabatte (inni ummata ukkaamsuu, ajjeesuu fi sodaachuu) biyyattii balaa dhabamiinsa nagaa, misoomaa fi tasgabbii irra kan buusu ta’uu Paarlaamaan Awurooppaa hubachiisa. Daandii badii kanarraas mootummaan Itoophiyaa akka ufdeebisuuf waamicha dhiyeessa, Paarlaamaan Awurooppaa.

    Labsiin Paarlaamaa Awurooppaa sadarkaadhuma amma irra jiru kanattuu kan mul’isu, akka hayyooya siyaasaatti, diploomaasii mootummaa Itoophiyaa kasaaraan mudatuu fi qabsoon Oromoon geggeessu dhugaa fi dhageettii argatuu isaati. Oromoon injifannoo amma argametti gammaduu fi qabsoon eegalame cimee itti fufnaan injifannoo calaan akka argamu abdatuu fi hubatuu qaba. Qabsoon itti fufa!

    Gaafa mootummaan garajabeenya filannoo godhate, Oromoon injifate

    0

    Hiriira mormii nagaa jiraattonni Harargee Dhihaa geggeessaniin lubbuun Oromoo jaha harka humnoota mootummaatti bifa suukkanneessaa ta’een galaafamateerti. Abdulhakiim, Muusaa Hasan, Yaassinoo Abdallaa, Ahmadii fi Abdallaa Hasan Oromoota guyyaa kaleessaa wareegamaniidha. Gocha badii fi reebicha guyyaa kaleessaa jirattota naannoo Mi’eessoo fi Asaboot irratti raawwatameen namoonni heddu hubamuu fi hidhamuunis beekameera.

    Sirnicha dhiigni macheesseera. Isa ajaja ajjeessuu dafee hujii irra oolchu malee kan lafarra harkisu hin qabu yeroo itti keessummeessu. Abdallaa Mahaammad Ibroo, komaandariin poolisii naannoo Mi’eessoo, ummata nagaatti dhukaasee ajjeesuu tole jechuu dide. Gatiin inni kaffale: Lubbuu qaalii isaati. Gootummaa isaaf Oromoon ni galatoomfata; seenaanis yoomuu isa yaadata.

    Sirnichi abdii kutatee garajabeenya filannoo taasifate

    Ajjeesuu qofaa miti kan woraanni mootummaa yeroo ammaa irratti bobba’e. Ajjeechaa suukkanneessaa fi ukkaamsaa addaati kan jiraattota Mi’eessoo fi Asabooti irratti guyyaa kaleessaa raawwatame. Garajabeenni yeroo kanatti daangaa ce’eera: Kallacha irra rukutuudhaan kan ijoollee Oromoo lafa qabsiisaa jiran. Ajjeessuun akka waan isaan hanqatee nama du’e irratti rasaasa 20 rooobsuun reeffa tortorsu. Garajabeenna Oromoo irratti raawwatamaa jiru Oromoonis, addunyaanis argaa fi dhagayaa jiraachuu mootummaan kuni sekendiifis hin qabu dagachuu. duguuggii sanyii mi'eessoo

    Oromoon xiiqii yeroo dheeraa qabaachuu fi ganna 25’f gaddaa, hara’a boru jedhaa, jiraachuu mootummaan quba hin qabu ture. Ija tuffiin saba kana ilaaluu fi madaalli dogoggoraa irra kaayatiin kan hanga har’aa jiraatan. Eebjuunis ibiddi sadarkaa kanaa nutti qabata jedhanii hin eegne; ibiddi dhufaa jiraachuus hin argine ture.

    Oromoon mirgaa fi haqa isaa kabajsiifachuuf kakatee, ni moonaa dhadannoo godhate. Dantaa Oromoo tiksuu fi gaafii isaa karaa nagaan deebisuun inuma danda’ama ture. Waan guddaa xaxaa qabus hin turre. Kan argutti jirru ammas mootummaan ajjeesuu fillannoo godhachuu isaati. Kan ajjeesaaran Oromoo ta’uu qajeelatti hubachuu qabu, garuu. Ajjeechaa fi shororkaan Oromoo baatii lamaa oliif mataa olqabatee dhaabate; mataa gadi hin qabachiisu, hin jilbiiffachiisu. Gochi mootummaa garuu, sirnichi hollachuu fi sodaachuu isaati kan nutti argisiisu. Sa’aa kanatti kan Oromoo irraa eegamu, sochii isaa cimsachuu fi funduratti tankaarfachuu qofa. Aanan dhangala’e; dubbiin dur boora’e.

    Yeroon Oromoon qabsoo isaa finiinsuu qabu amma K2ffaa

    0

    Qabsoon geggeeffamu kamuu waa’ee wareegamaa qofaa miti. Wareegama irraa guutummaatti baqachuus miti. Caalmatti, waa’ee wareegama xiqqeessuu fi wareegama kaffalamu irraa bu’aa argamsiisuuti. Dhimmoonni ijoon kunniin lamaan kan rarra’an, yeroo qabsoon geggeeffamu, haala yeroo dubbisuu fi tarsiimoos haalicha irratti hundaayuudhaan  sirreessuu irratti. Haala qabatamaa ammaa keessatti haalli qilleensaa maal kan fakkaatu? Fundurri qaboo keenya garamitti qaba tankaarfatuu?

    Qabsoo eegalle daran cimsuu fi finiinsuu kan nu dandessisuu, kaleessa irra hara’a, haalli mijaawaan uumameera. Qaanqeen qabsoo Gincitti qabsiifame akka bubbulluun babal’ataa, humna godhataa dhufeera. Qaanqee qeeroon qabsiisteen mootummaan gubataa, Oromoon hamilee argataa fi injifannoo gonfataa, qabsoon keenya ammo kallattii addunyaa hundatti ifaa mul’ataa adeemaara. Sochii baatii lamaaf Oromoon osoo addaan hinkutin taasiseen, ajjeefamaa fi hidhamaa, bu’aa boonsaa fi abdachiisaa arganneerra. Waan abdachiisaa hedu argutti jirra. Kufaa ka’aa, hidhamaa fi dararamaa qabsicha itti fufne taanaan bilisummaa balbala irra geette bananii ol’seensisuun waan hedduu nu dhibuu miti. Hunda caalatti, qabsoo eegalle cimsinee akka itti fufnuuf kan nu dirqu dhimmoota heddutu jira.

    Qabxiilee ijoo qabsoo eegaleen Oromoon milkii galmeessisaa jiraachuu kan argisiisan keessaa lama (mootummaan dheessaa jiraachuu fi jidduu isaaniitti rakkoon mul’achuu) kutaa tokkoffaa keessatti tuqeera. Qabxilleen hafan kanniin asii gadiiti.

    Addunyaan gidiraa Oromoo arguu fi balaaleffachutti jirti

    Wanta mootummaan Woyyaanee arguu fi dhagayuu hin feene keessaa inni guddichi gidiraa Oromoo irratti raawwatame addunyaan arguu fi dhagayuudha. Mootummaan kuni mootii waa dhoksuuti. Kijibaa fi gowwoomsaatti amana. Kan angotti dhufes bifa kanaan. Ganna 25’f kan bulches addunyaa gowwoomsuudhaan. Qawweedhaan ukkaamsaa fi ajjeesaa, yeroodhaafis ta’u bulchuun ni danda’ama; akka biyyoota tokko tokko keessatti mudhatutti. Mootummaan kuni garuu heera hujii irra hin oolchine baasa.  Filannoo hiika hin qabne, kan EPRDF %100’n moo’atu, geggeessa. Kanuma ufii isaa miilaan irra deemu, waa’ee ol’aantummaa seeraa fi sirna federeshiinaa odeessa. Dimokraasii fi mirga ummataa kabajuun filannoo osoo hin taane waa’ee jireenyaati jedhaa hafarsa. Tooftaa kanniiniin addunyaa gowwoomsuu danda’eera, yeroo dheeraadhaaf.

    Qabsoon Oromoon osoo addaan hin kunne, du’aa fi hidhamaa, geggeesse mootummaa kana yoomuu caalatti salphise; eenyummaa isaanii, isa dhugaa, dirree irratti baase. Amma badii fi garajabeenya bulchiinsa TPLF, isa guutuun ummata Itoophiyaa ganna 25’f keessa jiraate, addunyaan argite. Rifatte. Gochi suukkanneessaan mootummaan barattoota Oromoo irratti raawwate biyyoota biraa birattii mitii waahiloota isaa Ameerikaa fi Chaayinaadhaanis kan isa woldhabsiisuudha. Ameerikaan mallattootaa addaddaa agarsiisaa jirti. Waan Chaayinaan jettuu fi hojjattu, gara duubaatiinis ta’u, beekuun nama rakkisa.

    Baranni akka bara dheengaddaa miti. Dhiiga dhangalaasaa, ajjeechaa dhoksaa, kumaatama gidirsaa, dimokraatawa uffakkeessaa fi addunyaa gowwoomsaa miliquun bara 2015 keessa tasa hin danda’amne. Jarraan dhoksaa fi addunyaa gowwomsa dabreera; isaanitti bari’eera.

    Sa’aa kanatti mootummoonni addunyaa gurguddoon, addadurummaadhaan Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa, Itoophiyaan ummata isii ajjeesuu fi ukkaamsuu irraa akka ufqusattu irra deddeebi’anii gaafataa jiru. Mariin bal’aan, humnoota dhimmi ilallatu hunda jiddutti, akka geggeeffamuufis dhiibbaa godhaa jiraachuudha kan dhagayamu. Akka kana duraa miidiyaan addunyaa haa nu’arguu fi miidhaa nurratti raawwatamu haa gabaasuuf yeroon itti dhiphannu dabreera. Kana booda waa’ee qabsoo Oromoon (#OromoProtests) itti jiruu barreessuu fi gabaasuun dantaa miidiyaalee addunyaati; gurraa fi ijji hawaasa addunyaa waan kana faanaa bu’aarti waan ta’eef. Dirqamni keenya waan barreessanii fi gabaasan qofa isaaniif argamsiisuudha; qabsoo eegalame cimsanii itti fufuu jechuudha. Bifa kamiinuu xiyyeeffannaan biyyootaa fi miidiyaalee addunyaa amma arganne kuni harka keenyaa akka bayuuf hayyamuu hin qabnu- gatii guddaan dhufe waan ta’eef.

    Waan ifnanni aduu argate dhoksuuf Woyyaaneen dadhabuu fi hirriba dhabuu hin qabdu. Ajjeechaa fi gidiraa Oromoo irratti raawwatame waakkachuu fi qaama biraatti haqachuun sadarkaa hin danda’amne irra gayameera. Kan ta’e hundi ijaa fi gurra hawaasa addunyaa bira gayeera. Galata gootota Oromoo du’anii fi gidiraa Oromoo irratti raawwatamu woraabaa fi gabaasa jiraniif. Kana booda falli? Fala ta’u barbaaduu qofa. Kunis, itti gaafatamummaa fudhachuu fi gaafii Oromoo simachuu qofa.

    Kumaatama hidhatti dhiisene boqachuun boqannaa sammuu nama dhoorga

    Hanga ammaatti lubbuun namoota 140 olii galaafatamuun bal’inaan gabaafameera. Laakkofsa namoota madaayanii, hidhamanii fi barnoota irraa ari’amanii kan beeku tokko hin jiru. Wanti beeknu jira, garuu: namoonni hidhaman kumaatamatti kan laakkayaman ta’uu isaanii.

    Qabsoon eegalle isa lafa keenya tiksuu qofaa miti. Jala sararaa. Qabsoon kuni boqonnaa heddu qaba. Isa nubiraa hidhame hiiksisuu, isa barnoota irraa ari’ame mana barnootaatti deebsisuu fi namoota madaayan fayyisuu ufkeessatti ammata. Hujiin nama Oromoo ajjeesee fi madeesse seeratti dhiyeessuus qaama qabsoo kanaati.

    Qabsoo eegalame kana keessatti dhimmoota kanniin irratti hojjachuu dadhabuun rakkoo heddu qaba. Tokkoffaa, mana hidhaatti, dirree irratti woldhiisuun qabsaayota gargarbaasa; qabsichas laaffisa. Mana hidhaa fi mana yaalaatti woldagachuu fi dhimma dhuunfaa irratti xiyyeeffachutti nu geessa. Akkuma woliin falmaa mirgaaf daanditti bane, woliin hidhamuu fi hidhaa hiikkamuu qabna. Wolganna taanaan eessaa gayuun hin danda’amu. Kan mootummaan daftee nama hiituufis namootuma gargara qooduudhaaf. Mootummaan kanatti akka milkaayu hayyamuun waanuma hin taane.

    Qaamota aajjeechaa fi doorsisaaf sababa ta’an seeraaf akka dhiyaatan gaafachuu dhabuun dhiiga Oromoo dirree irrati facaasuu, foon obboleewwan keenyaa allattii nyaachisuudha. Kana caalatti ammoo, namoonni garajabeenyaan nama ajjeesan seeratti hin dhiyaatan jechuun yeroo biraatis gocha badii irraa akka ufhinqusanne isaan taasisa, gidiraa gara funduraaf haala mijeessa. Namni Oromoo ajjeesu fi doorsisu gatii guddaa kan kaffalu ta’uu, jala deemtuu hanga Abbaay Tsahayyeetti kan jiran hundi akka beekan, hujiidhaan hubachiisuu qabna. Gumaa nama 140 baasuu irraa boqachuu miti namni  tokkos yoo nurraa ajjeefame gara gumaa baafachuutti ol guddachuu qabna. Yeroon teennee yeroo eeggannuu fi booyaa jiraanu dabreera.

    Dhimoonni kan hidhame hiiksisuu fi worra Oromoo ajjeessan seeratti dhiyeessuu kuni waan salphaa miti. Oromoo akkas sodaa haqatee fi tokkummaan dhaabateef wanti ulfaatu tokko hin jiru. Maaster Pilaanii Finfinnee TPLF woggoottan hedduuf gorora itti buufte ‘dhaabsisuu’ kan danda’e humnuma kana ta’uu yoomuu dagachuu hin qabnu.

    Bulchiinsa Agaaziin itti taphatu jala Oromoon nagaa fi tasgabbiin hin jiraatu

    Yeroo kanatti Oromiyaa kan bulchaa jiru humna Agaaziiti. Woraanni akkas Oromiyaa dhuunfachuun salphachuu Muktaarii fi Abbaaduulaa qofaa irratti hin daangayu. Oromoon qe’ee isaa irratti nagaa fi tasgabbiin jiraachuu irratti duumeessa rakkoo guddaa uumeera. Ummataa gabaa baye shororkaan bittinsu, humni Agaazii. Barattootaa mooraa barnootaa keessatti gidirsu. Daandii irratti, muka keessatti ummata ajjeesu. Shororkaa daangaan maletti babal’isu. Wobii jireenyaa nu dhabsiisu.

    Haala Oromiyaan humna Agaazii jalatti kufte kana keessatti, nagaa fi tasgabbiin jiraachuu gufuun guddaan mudateera. Hanga humni kuni ganda jireenyaa, mana barnootaa, magaalotaa fi baadiyaalee Oromoo kessatti maandheffatetti ajjeechaan, hidhaa fi gidiraan tasa hin dhaabatu. Kallattiin qabsoo keenyaa inni tokko humni woraanaa nurraa akka ka’u gaafachuu fi falmachuu irratti qaba xiyyaafachuu. Mootummaan kana raawwachuuf mitii dhagayuuf qophii miti.

    Muuxxannoon ganna 25 kan hundatti mul’isu mootummaan Itoophiyaa kan mataa jabaatuu fi ummata tuffatu ta’uu isaati. Kana jechuun gaafilee asii olitti kaayaman kana deebsiuudhaaf yoomuu qophii akka hin taane ni hubatama. Dirqamsiisuun ammoo hujii keenya. Qabsoon baatii lamaan darbanii kan ifa godhe garuu, Oromoon tokkummaa cimsatee fi sodaa onnee isaa keessaa haqate waan gaafate argachuu kan danda’u ta’uu isaati.  Qabsoon eegalle hadhooftuudha. Ta’us, gaafilee bu’uuraa gaafachuu fi mirga keenyaaf dhaabachuun dirqii ta’a. Mootummaan kuni hollatee fi sodaatee jira. Kana irratti, Oromoon tokkummaa argachuu fi qabsoon isaa ijaa fi gurra addunyaa hawachuun hirriba isaan dhabsiisee jira. Haalli kuni, itti fayyadamuu dandeenna taanaan, injifannoodhaaf haala nuuf mijeessaara. Yeroon qabsoon cimee itti fufuu qabu, yoomuu caalatti, ammaa. Ajjeechaa fi ukkamsaa baqachuun injifannoo hanga ammaa dhiigaan arganne gatachuu hin qabnu. Qabsoo jalqabaa, gidiraan hammaateef duubatti gugachuu lagachuu fi qaanfachuu qabna. Gatii amma kaffalle irratti waa daballaan deebii gaafii keenyaa argachuu fi hawwii ganna 25 dhugoomfachuun ni danda’ama.

    Qabsoon itti fufa!