More
    Home Blog Page 24

    Oromiyaan dhiigaan lolaati; qeerroon isii garuu gootummaan falmachutti jirti

    0

    Oromoon jilbiiffatee jiraachuu mannaa dhabatee du’uu erga filatee baatiin sadi darbaniiru. Baatiin sadan kuni kan gootummaan Oromoo durii keessatti calaqqisee fi irreen dhaloota qubee (abbootii isaanii woliin) Woyyaanee fincaansiseedha. Kabajaa kana kan argate Oromoon, lammii fi hawaasa addunyaa biraas, dhiigaa isaa dhangalaasee fi foon isaa Woyyaanee nyaachiseeti.

    Guyyaa har’aas seenaan kan yaadatu akka guyyaa gootummaan saba kanaa keessatti mudhatee fi akka guyyaa lammiin qaroo isaa itti awwaalateetti. Hangamuu garajabeenni Woyyaanee daangaa ce’uu, sochiin qeerroo Oromoo daangaan maletti babadhateeti kan oole. Qaanqee bilisummaa, Oromoon, Harargee Bahaa hanga Wollagga Lixaatti wolirraa fuudhaatiin kan oole. Magaalaa fi baadiyaleen Oromoo guyyaa har’aas dirree qabsoo ta’aniiti kan oolan. Isaan keessaa hangi tokko: Abaaro, Kokkossa, Caffee Jannataa, Beellamii, Heebanoo, Naqamtee, Ambo, Hoogiso, Gudar, Nageelee Sigaaloo, Seerofta, Godee, Daawwee, Adarshoo Garjeedaa, Wotara Dhaamotaa fi Dorrobaadha.

    Gaafiin Oromoo ammatti diinni na hin ajjeesinii fi natti hin roorrisiniidha. Agaazii isa marsee fi daangaa itti cabse ummanni bakka hundatti daandii cufuudhaan ufirraa faccisatiin kan oole. Ganamaan, bari barraaqaan, qeerroon naannoo Ciroo daandii Finfinnee fi Baha Oromiyaa wolqunnamsiisu kan cufan. Daandii Asallaa gara Asaasaatti geessus gootonni Boqqojii addaan kutuun dirqama isaanii bayaniiru. Shawaa Lixaattis, bifuma wolfakkaatuun, hujiin Agaazii hafuura dhabsiisuu fi Woyyaanetti jireenya hadheessuu bifa nama boonsuun hojjatamaa ooleera.

    Bakka heddutti Oromoon qe’ee bilisoomte keessa gugataa fi qilleensa qulqulluu fudhataatiin kan oole. Naannoo tokko tokkotti ammoo Agaaziin namaa qofa oso hin taane sinbira balaliitus lafa buusatiin kan oolte. Baadiyaan Abaaroo (Arsii Lixaa) yoo xiqqaate nama 4 dhabuu isiitu gabaafamaa jira. Guraawwattis (Harargee Bahaa) diinni akkuma barte dhiiga lammii dhangalaasuun jirattonni dubbatu. Gara jabeenni Agaazii, Ambotti, dhangala’iinsa dhiiga obboleewwan lamaaf (ijoollee xixiqqoo) sababa ta’eera. Godina Arsii Lixaatti har’as namoonni madaayan heddu ta’utu himamaa jira.

    Nageellee Sigaalootti (Arsii Lixaa) ummanni baadiyaa fi magaalaa wolitti dhangala’uudhaan diina hollachiisaa oole. Ambotti mana hidhaa ibiddaan barbadaaye. Hanga sa’aa kanaatti hidhamtoonni mana woliin gubatanii, bakka birattii geeffamanii wanti beekame hin jiru. Manni hidhaa suni iddoo du’aa fi gidiraa ta’uudha kan jirattoonni Ambooo dubbatan. Hidhamtoonni hubaman taanaan, Woyyaaneen mana gubatu keessatti hidhamtootatti cuftee qeerrotu gube jechuu irraa hin qaanfattu.

    Gama biraatiin, haalli nageenyaa fi tasgabbii Oromiyaa keessaa kan isaan yaachise worri biyyoota Dhihaa lammiilee isaaniif akeekkachiisaa laataa jiru. Mootummaan Ameerikaa fi Biriitaaniyaa lammiileen isaanii gara Oromiyaatti bobba’uu irraa akka ufqusatan gorsaniiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Dameen Tasgabbii (UNDSS) hojjattoonni Mootummoota Gamtoomanii kamuu gara Oromiyaatti akka hin imalle akeekkachiisa laateera.

    Qabsoon Oromoon geggeessaa jiru baay’ee hadhaayaadha. Hadhaa qabsoo kana akka dhadhamuuf kan Oromoo dirqe jireenya salphinaa (bitamuu, tuffatamuu, saamamuu, jibbamuu fi ergamuu) yeroo dheeraadhaaf dhiibaa tureedha. Usee, obsee jiraateera ganna hedduuf. Ta’us usuun hidhamuu, ajjeefamuu fi doorsisamuu jalaa takkaa isa hin baafne. ‘Murteen ammatti sabni bakka hundatti irra gaye, aarsaan barbaachisu hundi kaffalamee gadda, booyiinsaa fi saamamiinsa jaarraa hedduutti xumura laatuu qabna isa jedhu,’ nuun jedhan jiraataan Shaashamannee irraa dubbifne tokko. Nu haa milkeessu!

    Godina Arsii Lixaatti ummanni eboo fi albeen woraana Woyyaanee afoo dhaabataa jira

    0

    Godinni Arsii Lixaa ammas too’annaa mootummaan ala jira; humni Agaazii kallattii hundaan isa marsus. Ummanni fardaa lafoon, xiqqaa guddaan osoo hin hafin kan daanditti bayee. Eboo fi albee qabateeti kan gootummaa addaatiin mirga, haqaa fi qe’ee isaa kabajsiifachuuf falmataa kan jiru. Daangaa hanga daangaati socho’uun ummataa, humni Agaazii fi Federaalaa heddu ummata irratti bobba’us, hanga ammaatti godinicha harka ummtaatii baasuu tasa hin dandeenne.

    Hiriirri cimaan magaalaa Kokkossaa fi Nageellee Sigaalootti taasifamaa ooleera. Dhukaasni magaalaa Kofalee, Shaashamannee fi Dodolaa irratti baname dirree woraanaa isaani fakkeesseera jedhu jiraattonni. Wanti gaddisiisaan, humni Agaazii kallacha ijoollee fi manguddoo irratti xiyyeeffachuu isaati. Har’as akkuma kaleessaa Dodola, Asaasaa fi Kofaletti lubbuun Oromootaa galaafatamuun beekameera. Kofale fi naannawa isii irraa Garuu Araarsaa, Abdoo Haajii, Galgaluu, Abdoo fi Kaduu Waayyuu; akkasumas Ayyuub Musxafaa (Dodola), Mahadii Saani (Guraawwaa) fi Saafii Ibroo (Guraawwaa) gootota Oromoon guyyaa lamaan kana keessatti dhabeedha. Namoota jannataa isaan haa godhu. Seenaan isaan bara baraaf isaan yaadata.

    Godina kanatti toora bilbilaa addaan kutuudhaan ummanni akka wol hin qunnamnee fi odeeffannoon akka hin daddarbine godhutti jira, mootummaan Woyyaanee.

    Daandiin hundi, bifa takkaa argamee fi dhagayamee hin beekneen, cufamuu irraa kan ka’e sochiin woraanaa ammas akkuma danqametti jira. Garuu, woraanni hangi tokko konkolataa gurguddatti dhimma bayuudhaan Kofalee, Dodolaa fi Asaasa seenee lubbuu baasuu fi dhiiga dhangalaasuu danda’eera. Daandiin Baatuu gara Shaashamannee, akkassumas inni Asallaa Asaasa geessu banaa ta’uun qaawwala woraanni ittiin ummata seenu uumeera.

    Wollagga naannoo Horrootti magaalonni Amuruu fi Aliboo dirree qabsoo ta’aniiti kan jiran. Dargaggoonni Oromoo madaayuu fi hidhamuu hubachuun danda’ameera. Achuma Wollagga keessatti ummanni magaalaa Arjoo fi naannawa isii daandii Naqamtee fi Jimmaan wolqunnamsiisu cufuudhaan maal akka godhuu danda’an lammii isaaniitti agarsiisan; abba-irreetiif ammo ergaa diddaa gabrummaa cimaa fi ifa ta’e dabarsan.

    Haragee Bahaatti aanaan Guraawwaa maandhee fincila diddaa gabrummaa akkuma taatettii itti buftee jirti. Magaalaa tanatti namoonni heddu woraana mootummaan ajjeefamuu fi badiin garajabeennaa hamaanirratti raawatamus gara duubatti jedhutti hin jiran. Inumaa jirattoonni magaalaa Doguu too’annaa ufii jalatti galachaniiru.

    daandii cufuuUmmanni Amboo fi Gudaris qabsotti deebi’ee jira. Daandileen naannoo Amboo fi Gudaritti argaman bakka heddutti cufamanii tajaajilaan ala taasifamanii jiru. Sochiin Amboo fi naannawa isii kan isa yaachise mootummaan Woyyaanee lammii heddu daandii fi mana isaaniitii guuraa hidhatti darbaati kan oole.

    meeshaa woyyaaneeQabsoon Oromoo godinoota hunda keessatti itti jiru firaa fi diinaattis, yaada sammuu namaa fi woraqaa irra ture,  tokko hujiin mirkaneessee jira.  Kunis, hundi altokkoon kaanaan woraanni hangamuu osoo baay’atee fi garaa jabaatee Oromoo jilbiifachiisuu kan hin dandeenne ta’uu isaa. Dhugaan Woyyaaneen hadhaayus liqimsuu qabdu hangamuu yoo hidhattee fi garaa jabaatte Oromoo hunda hidhuu fi ajjeesuu kan hin dandeenne ta’uu isiiti.

    Hanga har’aatti, gowwummaa fi gara jabeenna addaatiin kan ummata bulchaa fi samaa turte, Woyyaneen. Hundi daangaa qaba; kan hin beekne isiin garuu. Oromoon ganna hedduuf bifa hamaadhaan danqamuu fi salphina takkaa argee hin beekneef saaxilamuun isaa akka kinniisaatti akka isii idduu fi akka danbaliitti akka isii dhidhimsu taasiseera. Kana booda ummanni kuni ni rafa tarii ni jilbiiffata jettee ni yaaddi ta’a; kan sammuu hin qabnetti silaa wanti hin fakkaannee fi hin mudhanne hin jiruu. Ufiin beekti ykn kan itti himan dhagetti yoo ta’e kan Woyyaanee baasuu fi Maqalettis yoo ta’e nagaan akka jiraattu kan isii taasisu yoo ajjeechaa dhaabde fi woraana ummata irraa kaaste qofa. Ammas akkuma kana duraa Oromoo tuffattee humnatti dhimma bayuu hujii yoo godhate, kan gubatuu fi gaaga’ama biyyattii irra gayuufis itti gaafatamuummaa kan fudhatu eennuuyyuu osoo hin taane Woyyaaneedhuma qofa.  Adeemsa badii, yaalii Oromoo jilbiiffachiisuu fi saba boonaa salphisuu, irraa barachuufis ta’ee toofta jaarraa 21ffaan wolgitu baafachuudhaaf ammas yeroo fi hireenis isii hin dabarre. Garuu, guyyaa guyyaan qadhataa fi dhippataati kan demaa jirtu.

    Oromoon woggaa 25f, Woyyaanetu quba hin qabne malee, du’aatiin kan jiraate. Ummanni hallayaa du’aa keessa gangalataa fi daaraa nyaataa as gaye waan sodaatuu fi qusatu tokko hin qabu. Hundi isaanii kana beekuu dadhabuudha kan danbalii kanaan akka rukutaman isaan taasise.

    Oromoon salphinaa fi ajjeefamutti xumura laatuu qaba. Kuni kan mirkanaayu qabsoo boonsaa eegale hanga salphina Woyyaanee argutti daran oo’isee itti fufuu qofaan. Kan jiidhe roobaa hin badadu. #Oromoprotests

    Kan dhabatetti kooraan hin fe’amu, jedhe Mahatammaa Gaandii.

    Arsiin Dhihaa ammatti guutummatti bilisummaa dhadhamutti jirti

    0

    Sochii guyyoota muraasaaf osoo wolirra hin citin geggeeffameen ummanni godina Arsii Lixaa sadarkaa guutummatti jechuun danda’amuun naannoo isaa harka lukkee Woyyaaneetii, OPDO, baafachuu gayeera. Angawoonni OPDO heddu ummatatti makamaniiru; kana booda diinaaf hin hojjannu, ummata keennas hin saaxilluuf kakatanii. Kanniin baqatan eessa akka seenan hin beekamu. Waajjiroonni OPDO aanaa Kofalee, Shaashamannee, Kokkossaa, Qoree, Ajjee fi Siraaroo kan magaala fi baadiyaa guutummatti gara cileetti geeddaramaniiru. Yeroo kanatti, OPDOn godina Arsii Lixaa hantuuta boolla hin qabne taateerti.

    Humni Agaazii fi federaalaa gara Ajjee, Siraaroo fi Shaallaa gadi bu’uuf onnee hin arganne. Daandii Dodolaa fi Adaabbaa irra lammii malee diinni yoo socho’u hin mudhanne. Ummanni naannoo kanaa ajjeechaa fi dararaan yeroo addaddaatti irratti raawwatame (Asaasa, Kofale, Adaabbaa fi kb) kan isa hin jilbiiffachiisne ta’uu mirkaneesseera.

    Godinuma kanaa keessatti Adaamii Tulluu fi Goobetti kan argaman horsiisa horii Woyyaanee gurguddaa lama ibiddaan tajaajilaan ala godhamee loon ammoo oofatee galeera, ummanni. Callaan omisha qonnaa Jibuutii fi Arabtoonni Seeroftaa fi Gofoore irraa haamtee ummata afaan qabdee gara Jibuutii fi biyyoota Arabaatti fe’uuf ooydatti wolitti qabdee turte, ummanni Waabee fi Eddoo irbaata ibiddaa taasiseera. Mooraa qonnaa Seeroftaa fi Gofooree irratti haleellaan raawatamuunis dubbatu jiraattonni. Omisha fi mooraa qonnaa Ardaa Etaa, Heeraroo, Xameelaa fi Garaadelaas gubuuf ummanni yaalii cimaa taasisaa jiraachuun barameera. Naannawa magaalaa Bulbulaatti (Shaashamannee fi Baatuu jidduu) konkolaataan Al Amuddiin 5 gaaza isaa woliin boba’eera.

    Daandiin gara magaalota godinichaatti geessan bakka hundatti ummataan (dhagaa, mukaa fi ibiddaan) cufamuun sochii woraanaa mootummaa hedduu danqee jira. Dhaagaa fi mukni ummanni daandii irratti baay’inaan (Shaashamannee hanga Roobeetti, Dodolaa hanga Boqqojjiitti) tarreesse hujii Agaazii dhagaa guuruu fi daandii qulqulleessuu taasise. Tooftaan addaa ummanni godina kanaa dhimma itti bayaa jiru: Agaaziin daandii qulqulleessee haa xumuruu eeganii idoo itti dhokatanii as bayanii ammas irra deebi’aa dandii cufuu isaaniiti. Bifa kanaan guutummatti sochii Agaazii laamshessuun danda’ameera. Ummata gabrummaan nagaye jedhee dhaabate tasa humni jilbiiffachiisuu kan hin jirre ta’uu ragaa bayutti jirra.

    Saboonni ollaa godina Arsii Lixaa (ummanni Sidaamaa fi Alaabaa) ummata Arsiif tumsuuf qophii irra jiraachuun himameera. Hanga ammaattis deeggarsa bifa addaddaa laataa turuu isaaniiti kan dhagayame. Woyyaanee jilbiifachiisuuf wolhubannaan akkanaa jajjabeeffamuu qaba.

    Godina Arsii Lixaa fi godinoota Oromiyaa biraa keessatti kan ta’e gocha gootummaan abbaa-irree afoo dhaabatanii naannoo ufii bilisoomsuuti. Woyyaanee jilbbiiffachiisuu fi bilisummaa balbala geette olseensisuuf hunda Oromoo irraa kan eeggamu fakkeenya gaarii Shawaa Lixaa, Gujii, Harargee Lixaa, Wollagga Lixaa fi Arsii Lixaatti ta’e hundi naannoo naannoo isaatti hujii irra oolchuu qofa. Tokkoo tokkoo keennaa irra dirqamni gandaa fi qe’ee keenna qulqulleessuu akka jiru daqiiqaafis yoo ta’e dagachuu hin qabnu.

    Amnesty International hoogganoonni KFO fi gaazexeessitoonni hidhaman hatattamaan akka hiikaman gaafate

    0

    Mootummaan Itoophiyaa Oromoota angawoota paartii Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi gaazexeessittoota daandii fi mana isaaniitii guuree hidhatti darbe hunda haalduree tokkoon maletti akka gadi lakkisuuf Amnesty International (AI) waamicha dhiyeesse. Hoogganoonni KFO fi namoonni biroos badii tokkoon maletti hidhamanii gidiraa addaddaaf saaxilamaa kan jiran ta’uu ibsa gabaasni Amnesty International.

    Amnesty International akkaataan Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Geetachoo Shifarraa, Dirribii Ergaa, Yonataan Tarreessaa fi Fiqaaduu Mirkanaa itti hidhamanii fi mana hidhaa keessattis ittiin qaban kan hedduu isa yaachise ta’uu ifa godheera. Mana hidhaa keessatti mirgi isaanii ni sarbama, lubbuun isaaniis balaaf saaxilama sodaa jedhu qaba AI.

    Erga hiriirri mormii nannoo Oromiyaa Sadaasa 12, 2015 eegalee kaasee namoonni dhibba heddutti laakkayaman bifa suukkanneessaadhaan ajjeefamuu fi kumaatamni ammoo madaayuu tuqeera ibsi Amnesty International.

    Amnesty’n kan ragaa baye hiriirri Oromiyaa keessatti geggeeffame nagaa qabeessa ture. Tankaarfiin humnoota woraanaa garuu ajjeechaa, ukkaamsa fi hidhatti guuruu ture. Ummata hidhaa fi gidiraa sadarkaa kanaaf kan saaxile mirga hiriira bayuu isaaniitti fayyadamuu fi gaafii haqaqabeessa hiriira bayuudhan gaafachuu isaniiti. Ummata hiriira nagaa baye irratti tankaarfiin kana fakkaatuu fudhatamuu hedduu qaanfachiisaa fi mootummaan Itoophiyaa ukkaamsaa ta’uu isaati kan ibsi Amnesty International mul’isu.

    Hawaasni addunyaa angawoota KFO, gaazexeessitootaa fi namoonni hidhaman biraas haalduree tokkoon maletti mootummaan Itoophiyaa akka gadi lakkisuuf dhiibbaa barbaachisu akka godhu gaafate. Mootummaan Itoophiyaa ummata nagaa irratti tankaarfii garajabeenyaa fudhachuu irraa akka dhaabatuu fi gaa’gama hanga ammaatti gayes qaamni wolaba ta’e qoratee kanniin yakka raawwatan seeraaf akka dhiyaatan godhuu irratti hawaasani addunyaa tattaafii cimaa godhuu qaba jedha AI.

    Hawaasnii addunyaa, jechuun dhaabbiileen mirga namaaf falmanii fi biyyoonni Dhihaa, gocha mootummaa Itoophiyaa balaaleffachaa fi dhiibbaa irratti godhaa jiru. Mootummaan garuu gochaa badii raawwatame waakkachuu, xiqqeessee dhiheessuu fi tasgabbiin deebi’eera jechuudhaan milquuf tattaafii godhutti jira; hanga ammaatti itti milkaayuu dhabus. Hanga ajjeechaan dhaabatuu fi kan hidhame hundi hiikamutti qabsoon eegalme itti fufuu qaba.

    Godina Arsii Lixaatti ummanni halkan-guyyaa qabsotti jira; Agaaziin godinicha Baadimmee fakkeesseera

    0

    Falmaan mirgaa fi haqaa gara dhuma torbaan darbetti godina Arsii Lixaa magalaa Ajjee fi Abaarootti eegale akkaan babal’atee gara fincila diddaa gabrummaa humni Agaazii too’achuu hin dandeenneetti ol guddateera. Guyyaa har’aa, godina kana keessatti, jiraattonni magaalaa Kofalee, Shaashamannee, Waabee, Eddoo, Qoree fi Dodola humna Agaaziin wolfalamutti kan oolan. Sa’aa kanatti godinnii Arsii Lixaa, halkanii fi guyyaa osoo addaan hin kutin, boqonnaa fi hara galafannaa tokkoon maletti qabsoo hadhaayaa geggeesutti jiru.

    Humni  woraanaa mootummaa ummatatti bobbaase godinicha dirree woraanaa fakkeesse jiraattonni dubbatu. Dhukaasa humni Agaazii duruunfatee ummata nagaa irratti baneen lubbuun namoota 5 galaafatamuu fi namoonni heddu ammoo madaayuu oduun Kofalee nu dhaqqabe ni agarsiisa.

    Sochiin ummataa kan hedduu isa yachise mootummaan, humna woraanaa qabu gara godinichaatti baay’innaan bobbaasa jiraachun gabaafameera. Sochi humna woraanaa isa ummata ukkamsuu fi ajjeesuuf bobba’u gufachiisuuf jecha ummanni iddoo addaddaatti dandii cufuudhaan uftiksuuf yaalii ciccimaa godhaa jira. Ummanni aarii fi dallansuu isaa waajjiroota dhaabaa fi manniin murtii barbadeessuudhaan bayutti jira. Qonni Seeroftaa fi Gofooree, kan woyyaaneen ummata buqqistee Jibuutii fi kubbaaniyaa Arabaatii laatte, gubatuu oduun gamasii bayaa jiru ni mirkaneessa. Daandii Shaashamannee gara Finfinnee geessu irratti konkolaattota qabeenya Woyyaanee ta’an ibidddaan barbadaayaniiru.

    Ummata mirga isaaf dubbachuuf daanditti baye irratti tankaarfii humni Agaazii fi feederaalaa fudhateen jirattota godinichaa irra gaaga’amni gayee jira: namoonni heddu madaayuu fi hidhamuun beekameera. Tankaarfiin Agaazii fi humni Federalaa fudhataa jiru hangamuu cimaa ta’us  hanga ammaatti ummata ukkaamsuu fi jilbiiffachiisuu hin dandeenne.

    Godina kanatti, wolitti bu’iinsi kan uumame ummataa fi Agaazi jidduu qofattii miti. Humni tika nageenya naannoo ifatti humna Agaazii irratti dhukaasuun barameera. Dhukaasa taasifameen gama hidhattoota godinichaa fi humna Agaazii irras namni heddu du’aniiru. Wolworaansa humnoota mootummaa hidhachiise jidutti ta;e kana dhimma qaama biraan wolqabsiisuuf Geetaachoon yoo dhama’u mu’lateera. Dhugaan jiru ammatti kan mootummaa kana baadhachuu dadhabe ummata qofaa miti. Hidhattoota motummaattis ba’aan mootummaa kanaa hedduu ulfaateera. Kanan kan qawwee isaanii gara Agaaziitti deebisaaniif. Kuni kan addeessu qabsoon Oromoon baatii sadiif itti jiru boqonnaa haarawa seenuu isaati. Qabsoon kuni cimee itti fufe taanaan, gara funduraatti waan akkanaa bal’inaan arguu fi taajjabuuf deemna.

    Fincila ummata dhaamsuuf jecha mootummaan Worqinaa Gabayyoo gara Shaashamanneetti ergus namni jalaa dhagaye tokko hin turre. Dhugatti ummanni wanti angawoota OPDO woliin dubatu, dubbatus deebiin argatu tokko hin jiru. Hin jirra ufiin haa jedhan malee, angoon xiqqoon dur qaban sunii fi Oromiyaan harka OPDOtii erga baatee bubbulteerti.

    Sochiin ummataa godina Arsii Lixaa kan isaan yaachise Ameerikaan, Noorweeyii fi Finlaand lammiileen isaanii garasitti akka hin bobbaane akeekkachiisanii jiru.

    Qabsoon Oromoon itti jiru torbaan kana keessa babala’teeti kan itti fufaa jiru. Godina Harargee keessatti ummanni Guraawwaa, akkuma kaleessaa, daanditti bayuudhaan sagalee mormii guddaa dhageessisaa jiru. Ummanni kumaatamatti laakkayamu hiriira nagaan daandilee Bulee Horaa dhiphisaa jiru. Magaalaam Harojiis, wollagga keessa, diree fincila diddaa gabrummaa taateeti kan oolte.

    Mootummaan bakkuma kaleessaa jira: sochii ummataa xiqqeessuu fi gurrachessuu. Geetachoo Raddaa kan guyyaa muraasa dura sochiin ummata oromoo guutummatti dhaamuu labse, amma gadi bayee qabsoo ummata godin Arsii Lixaa wolitti bu’iinsa ummataa fi amantaa fakkessuuf yaaleera. Wanti gaariin, sa’aa kanatti, namni isa dhaggeeffatuu fi olola isaa dhugaadha jedhee fudhatu kan hin jirre ta’uu isaati.

    Shaashamanneen Agaazii salphiste, ummatas hidhaa hiiksiste

    0

    Sochiin diddaa gabrumma naannoo Oromiyaa addaddaa keessatti akkuma oo’ee itti fuftetti. Ummanni godina Arsii Lixaa magaalota Shaashamannee, Ajjee, Siraaroo, Shaallaa, Abaaroo fi Kofalee guyyoota darbaniif daanditti bayee mirga isaaf gootummaa falmataa jira. Hanga har’aatti dhukaasni Agaaziin ummata irratti banu Shaashamannee fi magaalota naannoo isii dirree woraanaa fakkeesseerra. Ummatta nagaye jedhee ka’e humni woraanaa bobba’e hin jilbiiffachiiifne; sagaleen rasaasaa fi doorsisaan hin bittinsine.

    Godina Arsii Lixaatti ummanni humna isaan ukkaamsuudhaaf bobba’e irratti tankarfii fudhateen humna federaalaa afur hujiin ala godhuun gabaafameera. Tankaarfiin ummataa kanaratti hin daangeffamne:Woraana hanga funyaaniitti hidhate afoo gootummaan dhaabachuudhaan hidhamotoota yeroo dheeraadhaaf mana hidhaatti shamaa turaan heddus gadi lakkissiisuu danda’aniiru. Buufata humna woraanaattis ummanni ibiddaan gara daaeaatti geeddaruudhaan Agaazii dirree irratti habniseera. Daandii Shaashamannee fi Roobeen wolqunnamsiisu; akkasumas Shaashamannee fi Ajee, Siraaroo fi Shaallaa geessus cufuudhaan sochii woraana mootummaa danquun danda’ameera.

    Gochi gootummaa kuni hundi gatii malee waan dhufee miti. Tankaarfii gara jabeenyaa humnii Agaazii fi Federaalaa ummata irratti fudhateen jiraattonni lubbuu dhabaniiru.

    Naannoo Harargee, Guraawwaa fi Kurfaa Calleettis fincilli diddaa gabrummaa cimaan geggeeffameera. Akkuma baratame, humni badii fi gara jabeenyaa, ijoollee fi manguddoo irratti osoo hin hafin tankaarfii fudhateen namoota heddu du’aaf saaxileera.

    Wollagga, Amuruttis sochiin ummataa mootummaa abbaa irree sochoosaa ooluun himameera.

    Hiriira Arsii Lixaatti geggeeffame, kessummaayyuu isa Ajjee, mootummaan wolitti bu’iinsa ummataa fakkeesuudhaaf olola bal’aa adeemsisaa jira. Akka ummata naannichaa irraa qulqulleeffachuun danda’ameetti sochiin taasifame wolitti buu’iinsa amantaa fi sabummaatiinis wolitti hidhatiinsa tokko akka hin qabne baruun danda’ameera. Gaafii ummataa xiqqeessuu fi xureessuuf mootummaan yeroo addaddaatti tooftaa maqabaleessaatti, amantaa fi sabummaan wolqooduutti hidhuu, dhimma baya.

    Dhaabbileen maqaa praayivetaayzeshiiniin qabeenya ummataa fudhatan qarshii ittiin bitan mootummaa dhoorgachuun gabaafame

    0

    Dhaabbanni Praayivetaayzeshiinii Itoophiyaa qabeenya ummataa (lafa qonnaa, albuudaa fi worshaalee) dhaabbilee fi namoota dhuunfaatti gurgurus maallaqa gurgurtaa irraa argamuu male qarshii biliyoona heddutti laakkayamu qaamota qabeenya ummataa bitatan irraa wolitti sassaabuu dadhabuu isaa paarlaamaa biyyattiititti hime. Maallaqa hanga ammaa wolitti hin qabamne keessaa %60 kan hafe MIDROC (qabeenya Al Amudin) biratti ta’uus ifa godheera.

    MIDROC madda rakkoo gurguddaa erga ta’ee tureera. Dhaabbanni Al Amudin qarshii qabeenya ummtaa ittiin bitate dhoorgachuu qofatti hin daangofne. Gibiras qajelatti hin kaffalu. Lafa qonnaa bal’aa Shaashamannee fi Hawaasaa jiddutti argamu, ummata naannoo Arsii dhihaa irraa buqqisee, maqaa misoomaan woggaa 15 oliiif fudhatus waan ummataaf faaydaa qabu tokko irratti hin hojjanne. Magaalaa Finfinnee iddoo garagaraatti MIDROC lafa dallawee biraa kute ganna 20 boodas itti hin deebine. Yeroo kuni hundi ta’u qaamni mootummaa Sheekichatti dubbatu tokko hin argamne. Kan dantaa ufiitiif dhaabate malee kan ummataaf dhaabate dhabamuu isaati kan rakkoo kana hundaaf balbala bane.

    Gabaasni dhabbata Praayivetaayzeshiinii Itoophiaa kana irraa hubachuun kan danda’amu qabeenyi ummataa woggoottan 25’f kaffaltiin maletti namootaa fi dhaabbilee mootummaan wolitti hidhata qabaniif raabsamaa turuu isaati. Qabeenya ummataa samaniiti, akkuma qaamonni wolabaa yeroo garagaraatti dubbatan, namoonni kan halkan tokkotti daaraa dhadhayatanii worqee fi naasa irratti nyaachuu eegalan. Kan nama aja’ibu, haala rakkoon kuni hin furamne keessatti, dhaabbanni kuni ammas lafa qonnaa fi worshaalee ummataa gurguruuf asiifi achi jechaa jiraachuu isaati.

    Yeroo dabre dhaabbanni Oodiittii Itoophiyaa dhaabbileen albuuda baasuu irratti bobba’an mootummaaf gibira kan hin kaffalle ta’uu fi naannoon Oromiyaa woggaa tokkootti qarshii miliyoona 427 dhaabbilee albuudaa iraa argachuu male dhabuus saaxilee ture.

    Gabaasni yeroo addaddaatti qaamota mootummaan dhiyaataa jiran kan addeessan hiddi rakkoo saamichaa, malaanmaltummaa, gandummaa fi dhabamiinsa bulchiinsa garii fi ol’aantummaa seeraa hedduu cimaa fi kan lafa keessa gadi fagaate ta’uu ragaa bayaa jira. Gabaasni isaanii kuni qaamoota mootummaaf yoo ta’e malee ummatatti waan haarawa hin labsine. Ummanni ganna 25 guutuu rakkoon kuni jiraachuu hubatee furmaataaf dubbataa fi iyyataa tureera. Rakkoodhuma amma mootummaan amanu kana dubbataniif lammiileen hidhaa, baqaa fi gidiraa bifa addaddaatiif saaxilaman heddu.

    Ummanni dhagayuu kan fedhu ammatti oduu rakkoon jiraachuu agarsiisanii miti. Rakkoon cimaan jiraachuu ummanni eennuunuu caalatti hubata. Kan arguu fi dhagayuu fedhu, ummanni, qaamonni rakkoo kana uuman seeratti dhiyaatuu fi rakkoon kuni madda irraa goguu isaati. Mootummaan kuni kana godhuuf dandeettii, fedhii, qophaayinaa fi hamilee qaba jedhee kan amanu jira hin fakkaatu. Kunis mootummaan kuni qaama rakkoo kana uume ta’uu isaati. Ammas, mootummaan kuni rakkoo arge jedhu arguu isaa labsuu fi fakkeessuu bira ce’ee yeroon tankaarfii cimaa fudhate hanga ammaatti mudhatee hin beeku. Amantaan ummanni mootummaa irraa qabu erga xuuxamee ganni heddu darbaniiru. Tarii mootummichi ammas kana argutti hin jiru ykn arguu hin fedhu ta’a.

    Dhaabbanni dirqamaa fi waadaa qabeenya ummataa dhaabbilee dhuunfaatti gurguruu fudhate erga mootummaan Woyyaanee angotti dhufee kaasee qabeenya ummataa heddu, maallaqa biliyoona heddutti laakkayamu, namoota dhuunfaatti gurguraa tureera. Kannin gurguraman keessaa worqeen Laga Dambii, warshaaleen ummataa, qonni babal’aan godinoota Arsii, Baalee, Wollagga, Shawaa fi Iluu Abbaabooraatti argaman keessatti argamu. Lafa qonnaa Seeroftaa heektaara kuma kudhanii ol ta’u, yeroo dargaggoon Arsii lafa qonnaaf fi mana irratti ijaaratu dhabee daandii irratti kufe kanatti, kaffaltii tokkoon maletti prezidaantii Jibuutiif kan kennes (ajaja Mallas Zeenaawiin) dhaabbatuma kana.

    Ammatti boba’aa fi anniisaa Habashoota/ESAT irratti galaafannu qabnaa?

    0

    Qabsoon Oromoon baatii sadii oliif ittii jiru qabsoo haalaan cimaa ta’ee fi hadhaayaadha. Kana jechuun milkaayini qabsoo kanaa, gaaga’ama hir’isuus dabalatee, kan rarra’u yeroo yerotti tooftaa keenna gegeeddarataa; akkasumas obsaa fi xiyyeeffannaa guddaadhaan qabsicha eegalle yoo funduratti dhiibuun danda’amedha. Yoo kana goone qofa Woyaanee fi humnoota biraas irra aanuu kan dandeennu.

    Yeroo imala dheeraa, dadhabsiisaa fi obsa fixachiisaa kana irratti bobbaanee jirru kanatti wantoonni obsa nama fixachiisanii fi xiyyeeffannaa namaa gachisiisan heddu, kallattii addaddaa irraa yoo nutti as bayan argina: mootummaa Woyyaanee fi humnoota masaanuu keenna ta’an kanniin biraa irraas. Inni humnaa fi muuxxannoo gayaa qabu qilleensa kallattii hundaan isa raasu jala gadi jechaa, dhagaa diinni itti roobsu hunda ufirraa qolachaa funduratti tankaarfachuu ni danda’a. Gaafiin hundi keenna ufgaafachuu qabnu, dhugaa irratti hundoofnee, haala amma irra jirru kanatti diina nu ajjeesuu fi isa dhoqqee nutti facaasu altokkotti keessummeessuu ni dandeennaa isa jedhu. Hubannaa fi amantaan koo, humni sabboontonni Oromoo ammatti qaban woraana kallattii lamaa geggeessuu isaan hin dandeessisu. Kana jechuun tooftaa dhimmoota banamiinsa kallattii woraanaa isa lammataaf (mooraa habashaan wolfalamuu) haala mijeessan ittiin hir’isnuu fi woraana Woyyaanee irratti labsine itiin cimsu/babal’ifnu qabaachuu nu gaafata.

    Oromoon bara kana ka’eera. Injifannoon baatii sadiin darbanitti gonfanne Oromoo boonse. Woyyaanee hedduu rifachiise. Mooraa Habashaa ammoo cee-cee jechisiise; guumgumsiise. Oromoon kanaa ol ka’eera osoo ta’ee maaltu akka uumamuu malu tilmaamaa. Dhugaan jiru garuu, hangamuu wanti ta’e mataa ol nuqabachiisuu, daangaan irree fi humna Oromoo waan baatii sadan darban argine qofaa miti. Oromoon kanarra socho’uu fi ardii sochoosuu ni danda’a. Kun akka ta’uuf lafarratti hujiin guddaan hojjatamuu qaba.

    Qabsoon Oromoo bobba’aa xiqqoodhaan socho’aa kan jiru.  Fincila diddaa gabrummaa kana anniisaa Oromoo guutuudhaan sochoosutti hin jirru. Boba’aa guuttanne, anniisaa gayaa arganne taanaan diina nu afoo dhaabatu hunda mancaasaa fi kukuffisaa bira darbuun Oromoof waan salphaa tokko. Ammatti garuu, bobba’aa fi anniisaan harkaa qabnu xiqqaa waan ta’eef tooftaa waan xiqqaa harkaa qabnutti dhimma bayuudhaan diina irratti goolii heddu galchuu nu dandeessisutti dhimma bayuudhaaf dirqamna. Haalli kuni irree fi anniisaa qabnu diina gurguddaa jennu qofa irratti akka galaafannuuf nu dirqa. Akka carraa ta’ee woggoottan darban keessatti diinaa/masaanuu heddu horreerra. Diinni guddaan ammatti xiyyeeffannaa Oromoo guutuu barbaadu isa kami garuu? Anaaf, Woyyaaneedha. Humnaa fi yeroon keenna dhibbaan dhibbatti galaafatamuu kan qabu Woyyaanee jilbiiffachiisuu irratti. Boba’aa fi dhagaa qabnu isa gurratti nu wocuu fi daaraa nutti kaasu hunda irratti yoo firfirsina ta’e, diina hidhate ajjeesuu hanqanna, madoofnee harka duwwaa dirree irratti hafna.

    Kana kaasuudhaaf kan na dirqe daaraa fi woca tibbana mooraa Habashootaa/ESAT irraa ka’een wolqabatee wantoonni mooraa sabboontota Oromoo keessatti adeemaa jiran waan natti hin tolleef. Mooraa Habashaa/ESAT irraa Oromoon waan guddaa hin eegu: duris, har’as. Kayyoo fi hawwiin isaanii maal akka ta’e beekamaadha. Dhugaan jiru, worri mooraa sanii dantaa isaanii funduratti dhiibachuuf dhaabatan. Kana dhugoomsuuf halkaniifi guyyaa hojjatan. Jalqabumaa kaasee Oromoof dubbachuu fi falmachuun kayyoos, galma isaaniis miti. Nutis kan sochoonuu fi woreegamnuuf addadurummatti dantaa keennaaf. Nutis isaan beekna. Isaanis nu beeku. Wolbeekuun gaariidha.

    Ammatti lamaan keennaa dhoqqee keessa jirra. Yoo fuula wolitti deebifanne irra caalatti kan wolgoonu dhoqqee wolitti facaasuu fi wolxureessuudha. Wolajjeesuu fi wolhiisisuu gama keennaa fi gama isaaniitiis namni danda’u hin jiru. Humna san godhuu ammatti kan dhuunfate Woyyaanee qofa. Sabboontonni Oromoo worra mooraa Habashaa keessa jiru woliin tumsa uummachu ykn wolhubachuu yoo dadhaban maaliif dhoqqee wolitti facaasuu fi maqaa wolxuressuu irraa uf hin qusanne? Maddi rakkoo kanaa, akka hubannoo koottii, bilchina siyaasaa dhabuu fi dhimmoota balballeettii irratti xiyyeeffachuu dadhabuudha. Hnag yoomiitti bifa kanaan deemna? Birhaanuu Naggaa halkan guyyaa yoo iyye, jeequmsi isaa tiissisa bonaa irra waan hin jirre. Umanni kuni waan ifatti dubbatuu fi fakkeessaadhaaf godhatu caalatti wanti dhoksatti hojjatanii fi dubbatan heddu. Nu faarsanis guutummatti faaruu isaaniin gowwoomuu hin qabnu. Kanas jechuun shakkidhaan liqimfamnee waanuma mooraa sanii dhufu hunda busheessuu fi diinummaan labsuu qabna jechuu koos miti. Beekumsaa fi muuxxannoo qabnutti dhimma baanee, aarii fi xiiqii hir’isnee, waa hunda madaallii sirrii irra kaayutu nurraa eegama. Nutti wocanis woca isaaniin dallanuun sirrii hin ta’u. Siyaasni aarii fi xiiqiin, diinummaa barabaraan geggeeffamu siyaasa deemsisuu fi bu’aa yaadameef argamsiisu hin ta’u. Adeemsi akkasii bishaan booressuu bira ce’ee laga nama hin ceesisu.

    Galmi keenna fagoodha. Gaafii fi fedhiin keenna heddu. Hunda caalatti, qabsotti kan jirru, ammatti, isaan woliin miti. Kan isaanii yeroo kanatti, yoo nu faana deemuuf qophaayan, gara duubaatiin akka yaabbatan hayyamuun badii inni fidu ani hin argu. Isaan nu duubaan koruu mitii, argaadhuma isaanii hin feenuu jechuudhaaf mirga guutuu qabna. Kan hubatamuu qabu, adeemsi akkanaa bifa kamiinuu injifannoo hawwinutti akka nu hin kaleessine ta’uu isaati. Faranjii fi gurraacha irraas waan qabsoo teenna utubu wolitti funaanneeti malee kophaa keenna imala, isa sanuu gaaraa fi hallayyaa heddummatu, irratti bobbaanee injifannotti bayuun hedduu rakkisaa ta’a. Yoo worri mooraa Habashaa isin duubaan hin yaabbannu jedhan, ammas cee-cee heddummeessan tuffannee bira kutuu malee wanti isaanitti woccuu fi oldachaafannee falmaaf qophoofnuuf jira natti hin fakkaatu. Isaan woliin falminee moo’achuun keenna nimala. Injifannoo isaan irratti galmeessuun masaraa Finfinee nu hin geessu, garuu.   Dhumni, tasatti yeroo, boba’aa fi anniisaa Woyyaaneef male isaan irratti galaafachuu ta’a. Tuttuqqaa fi jeequmsa mooraa habashaan rifachuu fi obsa fixachuun qabsoo eegalle abshaalummaan geggeessaa akka hin jirre kan agarsiisu ta’a.

    Mooraa habashaa/ESATn jibbuu fi tarsiimoo Woyyaanee ittiin jilbiiffachiisan qabaachuun waan garagaraati. Kaayyoon keenna guddichi Woyyaanee irratti ol’aantummaa gonfachuu yoo ta’e, woca fi jette-jettee ganda Habashaa/ESAT irraa nudhaqqabuu fi qilleensa achii as nutti bubbisuuf bakka qabaachuu hin malle. Yoo danda’amee waanuma danda’aniin, maaliif hamilee qofaan hin ta’in, nu deeggaran waan gaariidha. Nu deeggaraa jennees booyutti hin jirru. Ammatti kan nuti isaan irraa gonkumaa arguu hin feene gufuu nutti ta’uu isaaniiti. Woca isaaniis gufuudha jedhee kan fudhatu ni jira. Anaaf kuni gufuu miti. Waanuma dur eegalanitti jiru maleen waan addaan gadi hin baane. Tuffannee bira kunna jechuudha! Woyyaaneen OPDO akka uumtuuf, sanuu yeroo Dargii kuffisuuf qarree irra geettetti, kan isii dirqe haala yerooti. Mootummaan Ameerikaa woggoottan muraasa dura Asaad (Sooriyaa) deemuu qaba jedhe har’a maalitti akka jiru ni argina. Yeroo tokko tokko siyaasni goggoginaa fi kaleessa maal jedhee maal naan jedhaniin hin geggeeffamu. Haalli yeroo akka geggeeddaramaniif nama dirqa.  Geggeeddaramuu jechuun ammoo kaayyoo dagachuu osoo hin taane, namni heddu akkasitti hubata, kaayyoo bayaniif galmaan gayuuf jecha hadhaa liqimsaniidha. Dhimma kana irratti, tapha siyaasa addunyaa irraa qabsoo fi qabsaayonni keennas waa heddu barachutu irraa eegama.

    Waan tokko tokko yoodhagayuun hedduu na ajaa’iba. Mooraan Habashaa qabsoo Oromoon geggeessaaru haal duree tokkoon maletti deeggaruu dadhabuu, qabsoo nuti itti jirrus ija shakkiitiin ilaaluun isaanii Oromoota heddu ajaa’ibe. ESAT viidiyoo argisiisu irratti siidaa Aanolee muree irraa hanbsisuun namoota heddu raaje. Gaafiin koo, tiissisa irraa damma eegaa turre jechuudha? Ummanni kuni ummata Aaanoletti harmaa fi harki hin muramne jedhu ta’uu akkamitti daganne? Wanti Oromoon qajeelatti hubachuu qabu, mooraan Habashaa fi sagaleen isaanii ESAT, yoo haalli dirqe malee gonkumaa gaafileen ijoon Oromoo deebi’ee, mirgaa fi haqni isaa kabajamee arguu hin fedhan. Maaliif? Kabajaa fi dantaa isaaniitu tuqama waan ta’eef. Mooraa habashaa keessatti dhimmoota Oromoon wolqabatee cee-ceen yeroo addaddatti ka’a. Ka’uun wocaa tasa na hin ajaa’ibu. Kan na ajaa’ibu garuu, yoo wocni gamasii ka’u maaliif akka nuti dallannuu fi obsa fixannuudha. Biras ceenee maaliif isaanitti dhagaa darbachuu fi deebii laatuuf akka gamasitti gugannuu naaf hin galu. Kaayyoo qabsoofnuufi ammatti eennuun irratti akka qabsoofnu qajeelatti hubanne taanaan, maaliidhaaf ufitti amannee, cee-cee isaanii tuffannee funduratti tankaarfachuu fi hujii eegalle irratti xiyyeeffachuu dadhabna? Yoom mooraa Habashootaa tuffachuu barannaa? Yoomiin qorqoorroo isaan tumaniin rifachuu fi dadammaquu dhiisuu jalqabna? Sabboontonni Oromoo mooraa habashaa gochaa fi jechaanis caalanii argamuu qabu.

    Oromoon haqa isaa kan tikfatu, mirga isaa kan kabjsiifatu yoo moo’atee Finfinnee qabate qofa. Sabni biraa kamuu, soda fi shakkiin nu ilaalu waan ta’eef, fedhii fi dantaa Oromoo guutummati kabjuudhaaf fedhii hin qaban. Itoophiyaa dimokraasii fi mirgi namaa keessatti kabajame/dagaage keessatti, ol’antummaa seera irratti hundaaye kan mooyu Oromoo ta’a. Dantaa Oromoo sharafee namni ykn gareen angotti bayu tokko hin jiraatu. Woyyaaneen nurraa haabuutuu malee kana booda inni kamuu qawweenis akka nu jilbiiffachisuu hin dandeenne sochiin batii sadii ragaa guddaadha. Isa ammaaf malee isa boruuf hirriba dhabuu hin qabnu. Dargaggoon Oromoo haa jiraattu!

    Akkuma gara gubbaatti tuqetti mooraan Habashaa wocuun alatti ammatti balaan isiin nurraan geettu waan guddaa miti; yoo kan jiraatu ta’e.  Ufiifuu hin jirtu. Isaan wojjiin falmaaaf dirretti bayuun ammatti tasa hin barbaachisu. Garuu, hanga Woyyaaneen kuftutti isaan woliin tofftaa yeroo uummachuu fi wolhubannoo qabaachuun faaydaa yoo ta’e malee gaaga’amni inni qabsoo keenna irraan gayu hin jiru. Sababoonni ijoonis:

    • Kallattiin xiyyeeffannaa qabsoo keennaa ijoon ammatti Woyyaaneedha. Kanarraa wanti ija keenna nu kaasisiisuu fi xiyyeeffannaa nu gachisiisu kamuu hinbarbaachisu. Kana jechuun duruunfannee funduratti deemna jechuus miti. Ija banachuu jechuun ammoo kanuma woce ykn nu midhate hundatti bobaasuu fi dhagaa roobsuu jechuus akka hin taane haa hubatamuu.
    • Wol’aansoon qabsaayota Oromoo fi worra mooraa habashaa jidduttii geggeeffamu inni kamuu (silaa intarneetiidhuma irratti wolitti dedeebisuudhaa) hunda keena dadhabsiisuun alatti Oromoofis habashaafis faaydaan inni qabu hin jiru.
    • Sa’aa kanatti tarsiimoo qabsoon Oromoo hordofuu qabdu keessaa inni tokko dinaa fi gufuu hir’isuu ta’uu qaba. Gufuu hir’isuun waanuma akkasitti bilisa dhufuu miti. Innis gatii kaffalchiisu qaba. Gatiin kaffalamuu malu tokko jechoota nama mufachiisan gamasii darbatamu tokko tokko argaa bira dabruu fa’a ta’uu ni mala. Worri mooraa habashaa yoo deeggarsa bifa kamuu (hamilee- sanii oli hedduu eeguun rakkisaadha) yoo nuuf laatan waan dansaadha. Yoo kuni ta’uu baate ammoo daanga irraa dhaabatanii falamaa nuuf Woyyaanee jiddutti ta’u taajjabuun alatti bifa kamiinuu imala keenna irratti gufuu ta’uu hin qabana. Tuttuqqii fi duchiisiinsa gama sanii (garee irraas  ta’ee namtokkee) nutti dhufutti rifachuu, dallanuu fi akka waan haarawaatti fudhachuu hin qabnu. Bilchinni qabsaayotaa fi qabsoo tokkoos kan maddaalamu waanuma hundaan aaruu fi rifachuu dhabuudhaan dhimma ijoo irratti fuulleffachuudhaan qabsoo geggeesuu danda’uudha.
    • ESAT kaayyoo isaa galmaan gayatuuf kan maallqa san hunda kiisa faranjootaa seensisuuf. Ta’us, ESAT’n madallii haqaa irra yoo keennu, umrii isaa woggaa shan kanatti, salphiinnii fi gabrummaan, isa dur nurra tureen alatti, ESAT nutti dabale hin jiru. Inumaa baatii sadan dabran ESAT dhimmoota Oromoo irratti bifa gaariin hojjataa tureera. Bakka OMN qillleensa irra hin turrettiis qaawwala odeeffannoo banames hanga tokko cufeera jechuun ni danda’ama. Keessumattuu yeroo OMN qilleensa irraa bu’iinsi itti heddumaate kanatti, ESAT tamsaasa Afaan Oromootiin eegaaluun, hanga gocha qabsoo keenna dhaamsuu fi dadhabsiisu irratti hin bobbaanetti, waan gaarii hojjataaran jennee fudhachutu nurra ture. Hunda caalatti Afaan Oromoo dubbachuun isaanii, dirqamaniis yoo ta’e, Afaan Oromootiif injifannoodha. Kaayyoo fi galiin isaanii kanuma woliin beeknu san ta’ee, yeroo isaan waan gaarii hafuursan jajjabeessuu qabna malee ukkaamsuu hin qabnu. Akkuma yoo daba hojjatan abaarru yoo waan gaarii hojjatanis gatii madaalawaa laatuufii qabna. Hundi keennaaf, seenaan abbootii ESAT inni dabre maal akka ta’e ifa. Hawwiin isaanii inni gara funduraas beekamaadha. Hara’a garuu, jaalatanii osoo hin taane, gootummaa Oromoo baatii sadiif ta’een harka akka nuuf rukutaniif isaan dirqeera. Dhoksatti maal akka jedhanii fi yaadan ni quba qabna. ESAT kan madaalamuu qabu garuu gocha isaa ifatti mul’atuun malee, keessumattuu miidiyaan, isa boru hojjachuu malanii fi karoora dhoksaan miti. Yoo karaa irraa badan, borus kan isaan jilbiiffachiisuu fi hawwii isaanii gara funduraas aabjuu taasisu irreedhuma Oromoo amma cimee agarru kana.

    Hawwii fi kaayyoo mooraa habashaa guuttummatti beekuun waan hedduu gaarii fi barbaachisaa ta’eedha. Duukaa bu’aa yeroo yerotti hordofuunis dirqii ta’a. Sodaadhaan hirriba dhabuu fi shakkiin xaxamuun bifa kamiinuu mallattoo ciminaa fi ufitti amanuu ta’uu hin danda’u, garuu. Oromoon ESAT/mooraa Habashaaf jilbuiiffachuu mitii Woyyaanee Agaazii, taankii fi xayyaaratti dhimma baatuufuu yeroon tole jedhee itti bulu darbeera. Yeroo kanatti qabsaayota keenna abdachuu fi  ufitti amaniinsa horachutu nurraa eegama. Kana jechuun hanga hin jirree dhaadachuu, hunda tuffachuu fi ufirra ufirra dubbachuu jechuus miti.

    Amnesty International Itoophiyaan Oromoota hidhaman hunda haalduree tokkoon maletti akka gadi lakkiftu gaafate

    0

    Mootummaan Itoophiyaa Oromoota hiriira mormii irratti hrimaatan kumaatamatti laakkawaman,  angawoota paartii KFO fi gaazexeessittoota dabalatee, daandii fi mana isaaniitii guuraa hidhatti darbe hunda haalduree tokkoon maletti gadi lakkisuu qaba, jedha Amnesty International. Namoonni  hidhaman gidiraa fi hubaatii addaddaaf saaxilamuus ibsa gabaasni Amnesty International (AI).

    Erga hiriirri mormii Oromiyaa Sadaasa 12, 2015 eegalee kaasee namoonni dhibba heddutti laakkayaman bifa suukkanneessaadhaan ajjeefamuu fi kumaatamni madaayuu raga baye AI.

    Amnesty’n kan ragaa baye hiriirri Oromiyaa keessatti geggeeffame nagaa qabeessa ture. Tankaarfiin humnoota woraanaa garuu ajjeechaa, ukkaamsa fi hidhatti guuruu ture. Ummata hidhaa fi gidiraa sadarkaa kanaaf kan saaxile mirga hiriira bayuu isaaniitti fayyadamuu fi gaafii haqaqabeessa hiriira bayuudhan gaafachuu isaniiti. Ummata hiriira nagaa baye irratti tankaarfiin kana fakkaatuu fudhatamuu hedduu qaanfachiisaa fi mootummaan Itoophiyaa ukkaamsaa ta’uu isaati kan ibsi Amnesty International mul’isu.

    Hawaasni addunyaa angawoota KFO, gaazexeessitootaa fi namoonni hidhaman hundi haalduree tokkoon maletti mootummaan Itoophiyaa akka gadi lakkisuuf dhiibbaa barbaachisu akka godhu gaafate. Mootummaan Itoophiyaa ummata nagaa irratti tankaarfii garajabeenyaa fudhachuu irraa akka dhaabatuu fi gaa’gama hanga ammaatti gayes qaamni wolaba ta’e qoratee kanniin yakka raawwatan seeraaf akka dhiyaatan godhuu irratti hawaasani addunyaa tattaafii cimaa godhuu qaba jedha AI.

    Hawaasnii addunyaa jechuun dhaabbiileen mirga namaaf falmanii fi biyyoonni Dhihaa gocha mootummaa Itoophiyaa balaaleffachaa fi dhiibbaa irratti godhaa jiru. Mootummaan garuu gochaa badii raawwatame waakkachuu, xiqqeessee dhiheessuu fi tasgabbiin deebi’eera jechuudhaan milquuf tattaafii godhutti jira; hanga ammaatti itti milkaayuu dhabus. Mootummaan Oromoo qulqulluu ajjeese kan qabamuu fi deeggarsi dabalataa hawaasa addunyaa biraa kan qabsoo oromoon eegaleef argamu yoo Oromoon gaafii mirgaa fi haqaa eegale cimsee itti fufe qofa ta’uu beektonni dhimma Oromiyaa keessatti adeemaa jiru duukaa bu’an kan dubbatan.

    Ummata beelaye du’a jalaa baraaruuf gargaarsa biliyoona $1.4 tu Itoophiyaa barbaachisa

    0

    Mootummaan Itoophiyaa waa’ee misooma argamsiise jedhu hafarsuu qofa irratti bobba’uudhaan yeroo dheeraadhaaf sadarkaa rakkoo hongee fi beelaa biyyattii mudatee amanuu diduu isaaf qeeqamaa tureera, jedha gabaasni France24. Yeroodhaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa  laatuu  dhabuun rakkoo beelaa daran wolxaxaa taasiseera, akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (DMG).

    Ummanni naannolee addaddaa( Oromiyaa, Somaalee, Afaar ) qonnaa fi horii isaanii erga dhabanii bubbulaniiru. Hanqina nyaataa irraa kan ka’e ijoollee fi haawwotiin dhibee garagaraaf kan saaxilamutti jiran ta’uu addeessa DMG. Sa’aa kanatti, beelli naannoo biyyattii heddu keessatti ummata miliyoona heddutti laakkayamu dhiibee-dhiibee qarqara du’aa geesseera. Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti gargaarsi hatattamaa hin argamu taanaan hanga Waxabajjiitti namoonni miliyoona 15 waan afaanitti fidan tokko hin qabaatan.

    Ummata beelaye du’a jalaa baraaruuf maallaqani doolaara biliyoona 1.4 kan barbaachisu ta’uu mul’isa ibsi DMG yeroo addaddaatti kennaa ture. Hanga ammaatti hawaasa addunyaa irraa bifa gargaarsaan kan argame garuu doolaara miliyoona 167 qofa.

    Rakkoon kuni bifa kanaan itti fufe taanaan namoonni miliyoonni heddu, keessumaayyuu ijoollee fi haawwotiin, du’a jalaa karaan ittiin miliqan kan hin jirre ta’uu agarsiisa ibsi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii. Itoophiyatti itti gaafatamaan Oxfam, Aymen Omer, gargaarsi hatattamaa dafee isaan dhaqqabuu akka qabu BBC’tti hime. Kuni hin ta’u taanaan wanti hundi too’annaan ala akka bayuuf deemu dubbate.

    Gaaga’ama ummata irra gayuu malu, isa uumamaas ta’ee namtolchee, dursee arguudhaan ykn baruudhaan kan ummata balaa jalaa baraaruun irra ture mootummaadha. Itoophiyaa keessatti yeroo addaddaatti kan ta’u faallaa kanaati. Dursanii balaa dhufaa jiru arganii qophaayuu mitii erguma balaan uumameeyyuu dhoksuu fi sadarkaa isaa xiqqessanii dhiyessutu aadeffatame. Beela bara kanaa irrattis kan mudhate kanuma. Erga horii fi qonni ummata irraa galaafatamee ummanni beelaan lafetti jijjiiramee booda fiigichi gargaarsa wolitti qabuuf biyyaa fi biyya alaa keessatti godhamu bu’aa quubsaa argamsiisuun isa shakkisiisaadha. Gargaarsi yoo kan argamus ta’e erga namoonni heddu awwaalamani ykn lafetti geeddaramanii booda.

    Uumamniinsa haala El Nino hanbisuun hin danda’amu ta’a. Dhufaatii El Nino fi balaa inni fiduu malu dursanii arguu dadhabuu fi, qophaayina barbaachisu godhuu hanqachuudhaan ummata balaa sadarakaa kanaaf saaxiluun dadhabina qofa osoo hin taane badii guddaadha. Kan hubatamuu qabu haalli qilleensa El Nino kan daawwate Itoophiyaa qofaa miti; guutuu addunyaati. Garuu kan beelayee qarqara du’aa gaye ummata Itoophiyaati. Egaa dhugaa kana jalaa miliqee bayuuf kan mootuummaan dheessuu fi ummatas dhamaasuu hujii godhateef.